“Ummanni Oromoo qabeenyasaa kan hinqabneef qooduurra darbee hanga ilmoo waliif kennuutti waliif hoo’a” – Obbo Mogos Ida’ee

Finfinnee: Buusaa Gonofaan miseensa horachuu, miseensotarraa gumaata walittiqabuu, barataa nyaachisuufi midhaan ofeeggannoof gargaaru walittiqabuufi omishuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu beeksise.

Hogganaan dhaabbatichaa Obbo Mogos Ida’ee akka Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatti himanitti, Buusaa Gonofaan Oromiyaa utuu hinhundaa’in dura ummata keenya rakkoo uumamaafi namtolcheen saaxilamaniif falli kennamaa kan ture gargaarsa biyyoota gara garaarraa argamuuni.

Haala qabatamaa amma jiruun biyyoonni addunyaa hedduun rakkoo nageenyaafi uumamaatiif waan saaxilamaniif akka kanaan duraa gargaarsa taasisaa hinjiran. Kanarraa ka’uun Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii misoomaa hojjetu cinaatti yaada haaraa haala kamiin rakkoo ummata keenyaa hiikuu dandeenya jedhu maddisiisuun aadaa walgargaarsa Oromoo ilaaluu jalqabe.

Ummanni Oromoo yeroo rakkoon uumamaafi namtolchee isa qunnamu rakkoo mudaterratti hundaa’uun aadaa walgargaarsaa gabbataa qaba. Ummatichi qabeenyasaa kan hinqabneef qooduurra darbee hanga ilmoo waliif kennuutti waliif hoo’a. Mootummaan naannichaa rakkoo qunnamuuf utuu harka namaa hinilaalin furuuf aadaa walgargaarsaa ganamaa Oromootti deebi’uu qabna jechuun Buusaa Gonofaa Oromiyaa hundeesse. Komiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa jedhamee beekamaa kan tures maqaa ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhuun akka moggaafamuus dubbatu.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa bara 2014 labsiidhaan hundaa’eedha kan jedhan Obbo Mogos, Buusaa Gonofaa jechuun ummanni waan qabu walittibuusee kan hinqabne gonofuu jechuu ta’uu eeru.

Sektarichi miseensa horachuun qabeenyaafi fandiiwwan adda addaa akka walittiqabuuf labsichaan taa’eera. Qabeenya walittiqabuu qofa utuu hintaane aadaan walgargaasaa akka cimuufi ummanni bakka jirutti akka walgargaaruufis ni barsiisa jedhu. Aadaan kennuu, qusachuufi walgargaaruu ummataas akka gabbatu taasisuufi aadaa hojii keenyarrattis jijjiiramni akka dhufu taasisuun kaayyoowwan guguddoo mana hojichaa ta’uus eeraniiru.

Buusaa Gonofaan Oromiyaarra darbee ummata naannichaa balaa uumamaafi namtolchees saaxilaman gargaaruurra darbee ummata naannolee biroos gargaaraa jiraachuu himanii, sektarichi lammiilee dhiyeenya kana Gofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa midhaan kuntaala kuma kudhanii taasiseera. Dhaabbatichi naannolee Amaaraa, Tigraay, Affaariifi Somaaleefis yeroowwan gara garaa deeggarsa taasisaa turuu eeraniiru.

Akka Obbo Mogos jedhanitti, Buusaa Gonofaan waggoota lamaan darbanitti miseensota miliyoona 25.5 kan horate yoo ta’u, barana gara miliyoona 30tti guddisuuf karoorfatee hojjechaa jira. Kunis Oromoon aadaa walgargaarsaasaa ganamaatti deebi’uuf fedhii guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa yeroo ammaa ofeeggannoof midhaan kuntaala kuma 100 ta’uufi qarshii biiliyoona sadiitti hiiqu kuufatee kan qabu ta’uu himanii, dhaabbatichi barana gumaata biiliyoona ja’a ta’u walittiqabuuf karoorfannee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Gamoowwan gara garaa galii argamsiisanis ni qabna. Sektarichi qabeenya walittiqabee lammiilee balaa namtolcheefi uumamaaf saaxilaman gargaaruu qofa utuu hintaane balaa dursanii ittisuufi rakkoon yoo mudate ammoo ummanni maal gochuu akka qaburratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Boosaa Gonofaan Oromiyaa barattoota naannichaa oolmaa daa’immanii hanga kutaa 8ffaatti jiraniif sagantaa nyaata barattootaatiin cireefi laaqana dhiyeessaafi jiraachuu himanii, sagantichaan barattootniifi barsiisotni miliyoona 9.4 ta’an tajaajilamaa jiru. Bara darbe sagantaa nyaata barattootaaf qarshiin biiliyoona saddeet baasuus himaniiru.

Qabeenya walittiqabamu keessaa irrajireessisaa nyaata barattootaaf oolaa jira. Ummannis midhaan, qarshii, beelladootaafi meeshaalee gumaata taasisuudhaan dhaabbatichaa bira dhaabbachaa jira. Qabeenyi kunis nagaheedhaan walittiqabamaa jira. Dhaabbatichi gara fuulduraatti miseensotarraa galii walittiqabuu qofa utuu hintaane galii mataasaa maddisiisuurrattis xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Dhimmi gargaaramtummaa keessaa ba’uu akkuma biyyaattuu xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjetamaa jiraachuu himanii, Buusaan Gonofaa Oromiyaa hojii gargaaramtummaa jalaa ba’uuf raawwatamaa jiruuf fakkeenya gaarii ta’a. Dhaabbatichi naannolee biyyattiifis muuxannoosaa qoodaa jiraachee eeraniiru.

Ummanni qabeenya guddaa, humna namaa gahaa, lafaafi lageen hedduu utuu qabuu gargaarsaaf qaama biraa eeggachuun qaaniidha. Ummanni keenya harka namaa eeguurraa gara ofdanda’uutti ce’uu qaba. Rakkataa keenya rakkoo keessaa baasuuf aadaan walgargaaruu, walcina dhaabbachuufi walceesisuu keenyaas daran cimsee itti fufuu qaba. Hojiin kun haal bittinnaa’eenm osoo hintaane haala ijaarameen hojjechuu gaafata. Ijaarsi amma qabnu ammoo Buusaa Gonofaa Oromiyaati jedhu.

Ummanni Oromoo kaayyoo Buusaan Gonofaa Oromiyaa hundaa’eef hubatee sektaricha cina dhaabbachuu akka qabu yaadachiisanii, caasaaleen mootummaa sadarkaan jiranis tumsa gama hundaan dhaabbatichaaf taasisaa jiran cimsanii ittifufuu akka qaban dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You