Finfinneetti daldaltoota gatii hinmalle dabalan 2,447 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee: Fooyya’iinsa dinagdee gooroo hordofee Finfinneetti daldaltoota qaala’iinsa gatii hammeessuuf meeshaaleerratti gatii hinmalle dabalan 2, 447 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu Biiroon Daldalaa Magaalattii beeksise.

Hoggantuun biirichaa Aadde Habiibaa Siraaj turtii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, biiroon daldalaa magaalattii qaala’iinsa jireenyaa maqsuuf omishaalee qonnaanis ta’ee industiriin hanqinni dhiyeessii akka hinjiraatne, gatiin dhiyeessii madaalawaa ta’uufi ta’uu dhabuu, omishaalee harkaqal’eeyyii giddugaleeffachuun hirpha mootummaan dhiyaatan kanneen akka zayitiifi shukkaaraafaa haala qixa sirriin hawaasa bira ga’urratti toora xiyyeeffannoo taasifachuun hojjechaa jira.

Qaala’iinsa gatii maqsuuf giddugaleessawwan dhiyeessi omishaalee qonnaa hundeessuu cinatti gabaa Sanbataa dhaabuun omishaaleen gatii gabaa idileerraa dhibbantaa 15-20 gadibu’een akka dhiyaatu taasifamaa jiraachuu himanii; fooyya’iinsa dinagdee gooroo akka biyyattii taasifame hordofee daldaltoota karaa dalgaan duroomuuf gatii hin malle dabalaniifi omishaalee dhoksan 2,447 irratti tarkaanfiin akeekkachiisaa hanga mana daldalaa saamsuu fudhatameera. Isaan keessaas daldaltoota 633 tarkaanfiin mana daldalaa saamsuu akka irratti fudhatame eeraniiru.

Keessattuu gatiin zayitii nyaataa abbaa liitira shanii yeroo ammaa qarshii 1070- 1150tti gurguramaa jiru si’a tokkoon qarshii 300 ol dabaluun qarshii 1400n ga’uu eeranii; zayitii dabalatee omishaalee nyaataafi ijaarsaarratti daballiin hinmalle taasifame sirrachuun dhiyeessiirrattis hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Haa ta’u malee, har’as daldaltoonni magaalattii tokko tiokko ija qaamolee to’annoofi hordoffii taasisanii ilaallachuun bakka tokko tokkotti rakkoon gatii akka dabalan bira ga’amuu himanii; rakkoo kana maqsuuf tarkaanfiin to’annoofi hordofiin deggerame akkuma jirutti ta’e hawaasni daldaltoota meeshaale dhokasaniifi gatii hin malle dabalan saaxiluu qaba. Rakkoo madaala hanqisuun walqabatu furuufis hojiin madaala dijitaalaa daldaltoota hunda biratti hojiirra akka oolu kan taasifamu ta’uu himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017

Recommended For You