Finfinnee: Oromiyaatti tatamsa’ina dhibee busaa bara darberraa kaasee hammaataa jiru maqsuuf sochii jabaan taasifamus ammayyuu namootni dhibee busaatiin qabaman miliyoona 1.2 dhaqqabuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Doktar Tasfaayee Kabbabaa Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, jijjiiramni haala qilleensaa tatamsa’ina dhibee busaa daran hammeessaa tureera, jiras. Rakkoo kana maqsuufis mootummaan naannichaa, federaalaafi dhaabbileen idiladdunyaa garagaraa qindoominaan hojjechaa jiru. Tatamsa’inni dhibichaa kan bara 2016 caaluu baatus ammayyuu ifaaja bal’aa gaafataa jira. Baay’ina namoota dhibee kanaan qabamanii kan ji’oota sadan darban (kurmaana 1ffaatti) qofa yoo ilaalamu namoota miliyoona 1.2 dha.
Ammaan tana godinaaleen Wallagga Lixaa (aanaalee 22), Wallagga Bahaa (aanaalee 18), Jimmaa (aanaalee 15)fi Qellem Wallaggaatti tatamsa’ina dhibee busaatii sadarkaa olaanaa qabachuu himanii; haaluma walfakkaatuun Iluu Abbaa Boor (keessattuu aanaan Daarimuu), Buunnoo Beddellee (Aanaa Cawwaaqaa), Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Bahaafi Lixaa, Gujii Lixattis tatamsa’inni dhibichaa daran hamaa ta’uu ibsaniiru.
Tatamsa’ina dhibee kanaa maqsuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsanii; deeggarsa mootummaan federaalaa, dhaabbileen dhiyeessii qorichaafi idiladdunyaa taasisan cinatti hanqinni mudachuu mala sodaa jedhuun qoricha namoota kuma 110 wal’aanuu danda’u bitanii qopheessuus eeraniiru.
Haa ta’u malee, dhibeen busaa dhiyeessii qorichaafi saaphana siree qofaan kan furamu osoo hintaane ummatni jijjiirama amalaa fiduun dhimma murteessaa ta’uu eeranii; saaphana siree mana kaa’uun galgala ala turanii manatti kan deebi’an yookiin saaphana siree maranii kan kaa’an yoo ta’e bu’aa akka hinqabne hubachiisaniiru. Hanqinni qorichaa lilmoon fudhatamu jiraatus qoricha liqimsaa qixa sirriin fayyadamuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Biirichis dhibicha maqsuu keessatti hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu hubatee hawaasa sadarkaan jiru kilaastaraan hirmaachisaa jiraachuu dubbatanii; bishaan kuufamaa dhangalaasuufi raabsa keemikaalaarratti hawaasa bal’aa hirmaachisaa akka jiran himaniiru.
Gaaga’ama dhibee kanaa qolachuuf baasii ta’e cuunfanii dhiyeessuun ammatti rakkisaa ta’us baasiin ba’e daran olaanaa ta’uu himanii; kan bara darbee qofa osoo hin taane barana qooda fudhattoonni hundi tumsa jabaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017