Finfinnee: Raayyaan ittisa biyyaa bu’uura cimaa Itoophiyaati jedhan pirezidaantiin RFDI Taayyee Atsqasillaasee.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 117ffaan mataduree “Raayyaa qormaata keessatti ijaaramaa dhufe” jedhuun qajeelcha olaanaa raayyaa ittisaatti taateewwan garagaraatiin kaleessa Qajeelcha Waliigalaa Ittisaatti kabajame.
Saganticharratti Pirezidaantiin RFDI Taayyee Atsqasillaasee, Shuumiin Itaamaajoorii Humnoota Waraanaa Waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, qondaaltonni olaanaafi miseensonni waraanaa akkasumas keessummoonni waamaman argamaniiru.
Pirezidaantiin Taayyeen wayituma kana, Raayyaan Ittisa Biyyaa nagaa, tasgabbiifi birmadummaa biyyaa dhiigasaatiin kan turse ta’uu dubbataniiru. Itoophiyaan aarsaa kanaan yoona geesseetti jedhanii; kanaaf ammoo raayyicha galateeffachuun akka barbaachisu eeraniiru.
Hojiin riifoormii Ittisarratti hojjetame biyyarra darbee Afrikaattillee fakkeenyummaan kan eeramuudha jedhanii; kanas ministiroonni ittisaa biyyoota Afrikaa dhiheenya Finfinneetti argaman ragaa bahuusanii eeraniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaaf bu’ura ta’uu Pirezidaanti Taayyeen dubbatanii, guddinni hundagaleessi akka mirkanaa’u gooticha raayyaa waliin dhaabachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa RFDI Injiinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, raayyaan keenya qormaata keessa kan darbe, kan hinraafamneefi gaachana biyyaa waan ta’eef biyya qormaatarraa baraaraa jira jedhan. Qormaatonni raayyaa keenya mudatan kan duubatti isa hambisan otoo hintaane caalaatti fuulduratti akka tarkaanfatu kan isa taasisaniifi cimsaniidha jedhan.
Murnoonni milkaa’ina Itoophiyaan gama dippilomaasiifi misoomaan galmaa’aa jirutti inaafan nageenyashii booressuuf yaalaa turuu kan eeran ammoo Shuumii Itaamaajoorii Humnoota Waraanaa Waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaadha.
Yeroo ammaa Itoophiyaan gama hawaas dinagdeefi siyaasaatiin tarsiimoo gaariirra jiraachuu himanii, murnoonni gantuu hojii baandummaa gaggeessan ishee dadhabsiisuuf yaalanis ga’umsa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin funaanamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ilaalchiifi gochaan diigumsaa baandota biyya keessaaf alaan hiriiranii jiraniin calaqqisaa jiru, milkaa’ina Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaan argamsiisaa jirtutti inaafuurraa kan ka’e ta’uu himaniiru.
Ijaaarsi hidha guddichaa gara xumuraatti dhiyaateef Raayyaan Ittisa Biyyaa dammaqinaan eegumsa barbaachisu taasisaa jiraachuu eeranii, dhimmi balbala galaanaas dippilomaasiidhaan adeemsa gaariirra jiraachuun baandaafi diinota Itoophiyaaf dhukkubbii mataa ta’uu dubbataniiru.
Inaaffaa isaan keessa buleen baandonni biyya keessaa diina alaa waliin hiriiruun shira hammeenyaa xaxanis imala jijjiiramaa Itoophiyaan ittijirtu duubatti deebisuu akka hindandeenye qabatamaan agarsiisaa jirra jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa walabummaa biyyasaa kabachiisuuf hiriire marti hidhannoosaa ammayyeessuufi teknoloojiin of ijaaruun sa’aa 24 dammaqinaan birmadummaa biyyasaa eegsisaa akka jiru kaasaniiru.
Gama ga’umsaanis yoo ilaalame raayyaa Itoophiyaa fakkaatu ijaaraa jiraachuufi humna kallattii barbaadeen biyyasaarratti aggaamu kamiyyuu qolachuuf haala isa dandeessisuun ijaaramuus ibsu.
Itoophiyaan biyya misooma Raayyaa Ittisa Biyyaatiin biyya cimatteefi maqaa qabdu ta’uu yaadachiisanii, ilaalcha inaaffaa baandaafi diinota alaa isheerratti aggaamamuun biyya duubatti deebitu akka hintaane dubbatu.
Qaama faallaa Itoophiyaa deemu kamuurratti humna tarkaanfii laalessaa fudhachuu danda’u kan ijaarratte Itoophiyaan misoomashii ittifufsiisaa walabummaashii tikfataa guddina yaadame galmaan ga’uuf halkanii guyyaa raayyaan tikfamti jedhaniiru.
Gootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dirreewwan waraanaafi nagaa kabachiisuu keessatti bobba’an mara keessatti injifannoo cululuqaa galmeessisaa jiraachuu seenaan ragaa akka ba’u himanii, gootummaan kun dachaan akka dabaluuf leenjiifi hidhannoo ammayyaan of ijaaruun teknoloojiin deeggaramuun walabummaafi birmadummaa Itoophiyaa gama maraan kabachiisuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Fiildi Maarshaal Biraanuun hubachiisaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017