Hojiilee guguddoo omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf bara omishaa 2016/17 Oromiyaatti raawwataman

Biiroon Qonna Oromiyaa bara 2016 damee qonnaatiin hojiilee guguddoo dinagdee naannichaas ta’e biyyattii olkaasuu danda’an hedduu raawwateera. Bara omishaa 2016/17 gargaaramummaarraa gara omishuutti kallattii jedhu qabachuun dameelee qonnaa hunda keessatti hojiileen omishaafi omishtummaa qonna guddisan hedduun karaa walfakkaataa ta’een raawwatamaniiru.

Hoggantoonni qonnaa, ogeessonni qonnaafi qonnaan bultoonni karoora xiiqii milkeessuurratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuun qindoominniifi waldhageettiin sadarkaa hundatti akka uumamu taasisuudhaan hojiin qonnaa dameelee hundaan akka milkaa’u ta’eera. Akka waliigalaatti barri omishaa 2016/17 baroota darbanirra bara omishni fooyya’aan itti eegamu ta’uu himu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu.

Obbo Geetuun ibsa Kibxata darbe miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bara omishaa 2016/17 lafa heektaara miliyoona 10.8 ta’u omishaalee gosoota gara garaatiin uwwisuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona 11.2 ta’u omisha gosa gara garaatiin uwwisuun danda’ameera. Lafa heektaara miliyoona 8.6 ta’u kilaastaraan omishuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona saddeetiifi kuma 651 kilaastaraan qotuun danda’ameera.

Omisha kuntaala miliyoona kuma 337 sassaabuuf karoorfameera

Lafa waliigalaa midhaan akaakuuwwan gara garaatiin uwwifame keessaa %78 kan ta’u kilaastaraan omishame. Kilaastara bal’inaan waan fayyadamneef omishaafi omishtummaan bara omishaa 2016/17 kan baroota darbaniirra caalaa dabaluu danda’a jedhamee tilmaamama. Lafa waliigalaa midhaanota gara garaan uwwifamerraa omisha kuntaala miliyoona kuma 337 ta’u sassaabuuf karoorfameera.

Hojiin qonnaa kun makanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun adeemsifamaa turuu himanii, lafa waliigalaa midhaanota akaakuuwwan gara garaatiin uwwifame keessaa hektaarri miliyoona 4.8 (%43) ta’u tiraaktaraan kan qotameedha. Kun qonni keenya gara teknolojii qonnaa fayyadamuutti ce’aa jiraachuu agarsiisa jedhu.

Biiroon Qonna Oromiyaa bara omishaa 2016/17 wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, omishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu, omishaalee alergii guddisuufi dameen qonnaa carraa hojii bal’aa akka uumu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa turuu himanii, inisheetiivota qonnaa carraa hojii bal’aa uumuuf bocaman hojiirra oolchuun milkaa’inniifi jijjiiramni guddaan mul’ateera.

Wabii midhaan nyaataa

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf keessumaa omisha boqqolloofi mishingaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa ture. Lafa heektaara miliyoona 1.7 omisha boqqollootiin uwwisuuf karoorfachuun karooraa ol lafa heektaara miliyoona lama ta’u omisha boqqolloon uwwisuun danda’ameera. Mishingaanis lafa heektaara miliyoona tokko ta’urratti misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona 1.4 ta’urratti misoomsuun danda’ameera. Omishaaleen kunneen keessumaa wabii midhaan nyaataa naannawa gammoojjii mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa kan qaban ta’uus eeraniiru.

Midhaanota alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu

Midhaanota biyyoota alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuuf omisha qamadii, ruuziifi garbuu biiraa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa turuu himanii, omishni lafa qamadii gannaas waggaa waggaan dabalaa dhufeera. Ganna darbe kana lafa heektaara miliyoona 3.1 omisha qamadiitiin uwwisuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona sadiifi kuma 165 omisha qamadiitiin uwwisuun danda’ameera. Bara 2016 omisha qamadii jallisiitiin lafa heektaara miliyoona 2.8 omisha qamadiitiin uwwisuun danda’ameera.

Omisha qamadii gannaa

Bara 2015 omisha gannaatiin qamadiin lafa heektaara miliyoona 2.4 kan ture yoo ta’u, bara 2016 misooma jallisiitiin lafa heektaara miliyoona 3.1 omisha qamadiin uwwisuun danda’ameera. Bara darbe lafti qamadii misooma jallisiitiin misoome kan ganna bara achaanuu yeroo jalqabaaf caalee argameera. Kun qonni keenya hirkattummaa roobaa jalaa bahee gara jallisiitti ce’aa jiraachuufi misooma jallisiif xiyyeeffannaa guddaan kennamee hojjetamaa jiraachuu agarsiisa. Tarsiimoon qonna keenyaa hirkattummaa roobaa jalaa gara jallisiitti jennee qabannee deemaa jirrus bara darbe kana milkii guddaa kan itti arganneefi jijjiiramni guddaan kan itti mul’ate ta’uu agarsiisa.

Garbuu biiraa

Garbuu biiraa biyya alaatii galaa ture omisha biyya keessaatiin erga bakka bu’ee waggoota lama lakkoofsiseera. Ganna darbe kana garbuun biiraa lafa heektaara kuma 500 irratti misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara kuma 528 irratti misoomsuun danda’ameera.

Omisha ruuzii

Waggoota lamaan dura omishni ruuzii Oromiyaa keessatti hin beekamu ture. Waggoota lamaa as garuu omisha ruuziif xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamaa tureera. Bara 2016 lafa heektaara miliyoona 1.5 ta’u ruuzii misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara miliyoona tokkoofi 918 ruuzii misoomsuun danda’ameera.

Omisha midhaan zayitii

Omisha midhaan zayitiifis xiyyeeffannoo guddaan kennamee irratti hojjetamaa ture. Atara gabbataa lafa heektaara kuma 600 irratti misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara kuma 603 omishichaan uwwisuun danda’ameera. Lawuzii lafa heektaara kuma 500 irrratti misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara kuma 518 omisha lawuziin uwwisuun danda’ameera. Suufii lafa heektaara kuma 200 irratti omishuuf karoorfachuun lafa heektaara kuma 180 omishichaan uwwisuun danda’ameera.

Omishni lawuzii

Omishni lawuzii naannoo Oromiyaa bakka hundatti omishamuu kan danda’uufi jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Omishni suufii ammoo fedhii zayitii biyya keessaa guutuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Omishaalee alergii

Omishaalee alergiifis xiyyeeffannaa guddaan kennamee irratti hojjetamaa tureera. Lafa heektaara miliyoona tokko ta’u boloqqeen misoomsuuf karoorfachuun hanga ammaatti lafa heektaara miliyoona tokkoofi kuma 81 omishichaan uwwisuun danda’ameera. Yeroo ammaa sassaabiin omisha kanaas bakka tokko tokkotti jalqabamee jira. Lafa heektaara kuma 500 saliixiin misoomsuuf karoorfachuun karooricha guutummaatti milkeessuun danda’ameera. Maashoo lafa heektaara kuma 300 irratti misoomsuuf karoorfachuun lafa heektaara kuma 312 ta’u omisha maashoon uwwisuun danda’ameera.

Carraa hojii

Hojiilee inisheetiivota damee qonnaan qabaman hojjetamaa turan hedduun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, midhaanota biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi omishaalee biyya alaatti ergaman guddisuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gumaacha qabu. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti ammoo dhiyeessiin callaa guddistuu iddoo guddaa qaba. Bara omishaa 2016/17 xaa’oon yeroon bitamee qonnaan bulaa bira akka ga’uuf carraaqqii guddaan taasifamaa tureera.

Xaa’oo

Bara darbe xaa’oo kuntaala miliyoona 8.2 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfachuudhaan xaa’oo kuntaala miliyoona 8.7 dhiyeessuun xaa’oo kuntaala miliyoona 8.64 qonnaan bultoota biraan ga’uun omisha ganna darbeef akka fayyadaman taasisuun danda’ameera. Qonnaan bultoonni kompoostii raammoo bal’inaan qopheessee akka fayyadaman ta’eera. Barri omisha 2016/17 bara hojii qonnaatiin milkii gaariin itti argame, bara inisheetiivonni qonnaa karaa yaadameen itti milkaa’aniidha. Barri omishaa kun bara damee qonnaarratti jijjiiramoonni guguddaan itti mul’ateedha.

Misooma beelladaa

Hojii misooma beelladaan walqabatee bara darbe raawwatamaa tureen loowwan miliyoona 1.6 ta’aniif tajaajila mala namaan diqaalomsuun danda’ameera. Bara 2017tti ammoo loowwan miliyoona 2.5 ta’an mala kanaan diqaalomsuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti loowwan kuma 657 ol tajaajila mala namaatiin diqaalomsuun danda’ameera. Bara darbe cuuciiwwan guyyaa tokkoo miliyoona 53 ta’an qonnaan bultootaaf dhiyaataniiru.

Gaagurra ammayyaa

Gaagurri ammayyaa’aan omisha dammaa guddisuufi qulqullinasaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf bara darbe gaagura ammayyaa miliyoona tokkoofi kuma 31 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyeessuun danda’ameera. Barana ammoo gaagura ammayyaa miliyoona 1.5 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti gaagurri ammayyaa kuma 300 ta’u qonnaan bultootaaf dhiyaateera.

Misooma bunaa, baala shaayiifi muuziifaa

Bara darbe hojiin misooma bunaa bunaa inisheetiiviin qabamee hojjetamaa ture. Bara darbe biqiltuun bunaa biliyoona 2.51 ta’u qopheessuun lafa dhaabbiidhaaf qophaa’erra dhaabameera. Inisheetiiviin baala shaayiis bara darbe bal’inaa hojiirra akka oolu ta’eera. Ganna darbe biqiltuun baala shaayii lafa heektaara kuma afur irra dhaabameera. Barana ammoo lafa heektaara kuma 30 omisha shaayiitiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omisha muuziifi abukaadoorrattis hojii bal’aan hojjetamaa jira. Alergiin omisha abukaadoos haala gaariin itti fufee jira.

Hojii eegumsa naannawaa

Bara darbe hojiin eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa haala gaariin raawwatamaa tureera. Ganna darbe hojii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biliyoona 4.9 dhaabuuf karoorfachuun biqiltuuwwan biliyoona 5.1 lafa heektaara miliyoona 3.1 ta’urra dhaabuun danda’ameera. Jijjiiramniifi milkaa’inni misooma qonnaarratti mul’ate bu’aa bakka hundatti qindoominaan waliin hojjechuu hoggantoota qonnaa, ogeessonni qonnaafi qonnaan bultooti.

Haala roobaa

Tamsaasni rooba ganna darbees omisha midhaaniifi biqiltuuwwan gara garaaf mijataadha ture. Naannawaa roobni itti hammaachaa turetti hawaasni keenya muuxannoo kanaan dura horatetti fayyadamuun haalli inni ittiin lolaa ofirra dabarsaa ture kan dinqisiifamuudha.

Yeroo ammaa karoorri omisha bara 2016/17 xumuramee karoorri bara omishaa 2017/18 qophaa’ee gara hojiitti seenameera kan jedhan Obbo Geetuun, bokkaan yeroo ammaa roobaa jiru midhaanota gahanirratti dhiibbaa waan fiduuf qonnaan bultoonni midhaan gahe dafanii akka sassaabaniif dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You