Bokkaan tibbana kutaalee addaddaa biyyattiitti roobaa jiru faayidaa olaanaa qaba

Finfinnee: Roobni guyyoota darbanitti roobe guddina biqiltootaaf gumaachuurra darbee hojiilee qonna jallisiitiin hojjetamaniifi eegumsa naannawaatiif faayidaa olaanaa akka qabu Inistiitiyuutiin Meetiworolojii Itoophiyaa ibse.

Daarektarri Ittaanaan Damee Raaga Meetiworolojiifi Ofeeggannoo Dursaa Doktar Asaamminawu Tashoomaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, bokkaan tibbana roobaa jiru bakkawwan baay’eetti faayidaqabeessa ta’us, kutaalee biyyattii roobni hineegamne itti roobeetti ammoo omishawwan sassaabbiif qaqqaban irratti dhiibbaa akka qabu gabaasonni akka mul’isan dubbatu.

Akka waliigalaatti garuu roobni tibba kanaa faayidaa olaanaa kan qabuufi guyyoota ittaananittis kutaalee biyyattii bonni yeroo roobasaanii lammaffaa ta’etti ittifufiinsa waan qabuuf qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi gariin horsiisee bultootaaf faayidaa olaanaa akka qabu ibsu.

Hojii jallisii, dhiheessii bishaaniifi nyaata beeladaa fooyyessuun faayidaa olaanaa waan qabuuf ittifayyadamuun akka barbaachisu eeranii, bakkeewwan roobni waqtiisaa hineegganne itti roobettis omishawwan ala jiran dafanii sassaabuu waan barbaachisuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

“Biyyattiin akka meetiworolojiitti waqtiilee ijoo Ganna, Bonaafi Arfaasaa kan qabdu yoo ta’u, tokko tokkoonsaaniis ji’oota afur afur qabu. waqtiin amma keessa jirrus bona yoo ta’u, kunis ji’a Onkololeessaatii hanga Amajjiitti kan qabatudha. Waqtii kanatti kutaaleen walakeessa biyyattii jechuunis Kutaa Kibbaa Naannoo Somaalee, godinaalee Gujii, Booranaa, Baalee Bahaa, naannolee Sidaamaa, Kibbaa, Itoophiyaa Kibba Lixaatiif akka waqtii roobaa lammaffaasaaniitti fudhatama. Hammi roobaa waggaasaaniis %45 kan mul’atu waqtii bonaa kanatti” jedhu.

Inistitiyuutichis kanuma bu’uura godhachuun waqtiiwwan kunneen jalqabuusaaniitiin ji’a tokko dursee raaga hamma roobaa akka ifoomsu kan himan Doktar Asaamminawu wayita raagni qophaa’us haalawwan qilleensaa addaddaa bu’uura godhachuun ta’uufi kunis sababa haalli roobaa biyyattii kan hundaa’u bishaaniifi haala qilleensaa isaaniin walqabatee uumamuun ta’uu kaasu.

Raagni hamma roobaa waqtii bonaa bara 2017 yommuu qopheeffamus ho’i Galaana Paasifikii Bahaafi Giddugaleessaa hamma idileetiin gadi dilallaa’uunsaa waan dursamee raagamee tureef keessumaa kutaaleen biyyattii rooba gannaatiin fayyadaman akka rooba argatan beekamuu himanii, kutaaleen biyyattii muraasa kanneen akka godinaalee muraasa naannoo Kibba Somaalee rooba idileen gadii akka argatan raagni kennamee turuu dubbatu.

Guyyoota darbanis kutaalee addaddaa biyyattiitti hammi rooba cimaafi salphaa galmaa’uu eeranii, keessumaa Mooyyaleetti sa’aatii 24:00 keessatti roobni cimaa miilimeetira 46 ta’u galmaa’uu ibsu. Akkasumas, Bulee Horaa, Yaa’abal’oofi kutaalee Oromoyaa kibbaa ganni waqtii roobaa lammaffaasaanii ta’e birootti hamma roobaa gaarii akka qaban himu.

Akkasumas godinaaleen Oromiyaa Lixaafi Giddugaleessaa kanneen akka Jimmaa, Iluu Abbaabooraa, Wallaggaa afranittis hamma roobaa gaariin turuu kan himan Daarektarri Ittaanaan kun, gama biraatiin kutaaleen biyyattii waqtii bonaa roobni itti hincalaqqisne kanneen akka godinaalee Tigraay Kibbaa, Naannoo Amaaraa, Affaar Kibbaafi Shawaa Bahaa, waliigala kutaalee biyyattii gara bahaarratti roobni yeroosaa hineegganne mul’achuu dubbatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You