Itoophiyaatti seenessi qeenxeen maaf rakkoo ta’e?

Finfinnee: Sabaafi Sablammootni Itoophiyaa hundi aadaafi seenaa mataasaanii kan isa biraarraa adda isaan godhu qabu. Ta’us sabaafi Sablammootni kunneen akka lammii Itoophiyaatti seenaa waloo kan hundasaanii walfakeessu hedduu qabu.

Gama dinagdeetiin yoo fudhanne irra caalaan saboota biyyattii seenaa qonnaa kan qaban yommuu ta’u, gama hawaasummaatiinis akka fakkeenyaatti seenaa fuudhaafi heerumaa walfakkaataafi walitti dhiyeenya qaban qabu.

Gootummaas yoo fudhanne sabootni kunneen lola Adawaarratti miira gootummaatiin waliin lolanii, waliin du’anii, waliin boolla tokkotti awwaalamanii, waliin bilisoomaniiru. Kun seenessa waloo isa guddaa sabaafi sablammoota biyyattii walfakkeessudha.

Itoophiyaa keessatti seenaa osoo hintaane seenessi obbolummaan akka badu gochuun, baroota keessatti madda waldhabdee ta’uun akka biyyattiin kallattiilee hundaan miidhamtu taasisaa kan jiru ta’uu hayyootni turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin dubbataniiru.

Yunivarsiitii Haramayaatti Qorataan Seenaa Doktar Mahaammad Hasan akka jedhanitti, seenaan uummatni tokko gama siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaanifi aadaan maal keessa akka darbe madda qabatamaarratti hundaa’uun kan barreeffamu yommuu ta’u, seenessi ammoo seenaarratti hundaa’uun kaayyoo barbaadameef, qaamolee barbaadaniif kallattii barbaadaniin yeroo barbaadanitti waan himamuudha jedhan. Seenessi dhugaas sobas ta’uus ni danda’a, qaamni seenessa seenessu sun biyya ijaarufis ta’ee faallaa kanaatiif ittifayyadamuu danda’a.

Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti Mootittiin Saabaa jedhamtu Israa’el deemtee mootii Israa’el Solomoonirraa ulfooftee mucaan isheen deesse Minilik tokkoffaan mootii ta’uuf dhalate, Itoophiyaa keessatti mootii ta’uu kan danda’u nama sanyii Solomoonirraa dhalateedha kan jedhu Seenessa malee Seenaa miti. Seenessi akkanaa seenessa qeenxeedha malee seenessa waloo miti.

Seenessi biyyattiitti madda waldhabdee ta’aa jira jedhanii, rakkoo seenessa faana walqabatee biyyattii keessa jiru furuuf sirna barnootaa jijjiiruun dhalootni haaraan seenaa dhugaa barachuu qaba jedhaniiru.

Kanaan dura seenaan sirna barnootaa keessatti hammatamee mana barumsa sadarkaa jalqabaa hanga yunivarsiititti kennamaa ture, seenaa moototaati malee seenaa uummata biyyattii miti. Barnoota seenaa kana keessatti seenaan dinagdee, seenaan hawaasummaafi seenaan aadaa hin hammatamne. Barnootni kun baay’inaan seenaa waraanaa, kan mootiin tokko mootii biraa achitti waraane ajjeese jedhurratti kan xiyyeeffateedha. Kanaaf, rakkinoota seenaa faana walqabatee biyyattiitti rakkoo hamaa uumaa jiru furuutu barbaachisa.

Yunivarsiitii Finfinneetti Hayyuun Antiroopoolojiifi Aadaa Pirofeesar Taaddasaa Bariisoo gamasaaniitiin akka jedhanitti, wantoonni uumamarraa hafan hundi aadaadha. Akkaataan hawaasni tokko itti mana ijaarratu aadaadha, aadaafi seenaan walitti hidhamiinsa guddaa qabu.

Itoophiyaa keessatti murni tokko akkaataan inni seenaa saba biraa itti seenessu waliin jireenya sabaafi sablammootaarratti hudhaa guddaa ta’aa jira. Kun kan ta’uuf walqixxummaatti amanuu dhaabuurraan kan ka’e sabni tokko biyyattii keessatti faayidaafi kabaja argachuun isaaf malu akka hinarganne gochuufi.

Sabaafi sablammootni hunduu seenaasaanii akka itti himatan waan qabaniif, seenaasaanii kana karaa saayinsaawaadhaan qorachuudhaan kaarikulamii barnootaa keessa galchuun dhalootni akka baratan gochuudhaan Seenaa akkasitti barraa’e kana lammiileen akka fudhatan taasisuudhaan seenaa waloo dagaagsuun biyya ijaaruun akka barbaachisu Pirofeesar Taaddasaan dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Rippablikii Fedaraalawaa Dimokraasii Itoophiyaa Taayyee Asqasillaasee gamasaanitiin, biyya ijaaruuf mootummaan biyyattii seenessa waloorratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuuf akka karoorfate haasaasaanii tibbanaa keessatti eeruunsaanii ni yaadatama.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 9 Bara 2017

Recommended For You