Oromiyaafi sosochii kilaboota kibbaa miilaashii

Ispoortiin kubbaa miilaa qaama bashannanaa hawaasni addunyaa marti ittiin waliigalu erga ta’ee oolee buleera. Jaalattoota ispoortii hedduu of duuba hiriirsuudhaanis kan ispoortii kubbaa miilaatiin gitu hanga yoonaatti hinmul’anne. Ispoortiin kun Ingilizitti eegalame jedhamuun dubbatamus yeroo gabaabaa keessatti ardiiwwan adduunyaa maraa waliin gahuu danda’eera.

Itoophiyaanis biyyoota ispoortii kubbaa miilaa jaalatan keessaa takka ta’usheetiin ispoortichi gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaalessaatti caasaasaa diriirsuun waggaa waggaadhaan naannoolee maratti haala gaariidhaan gaggeeffamaa jira.

Naannolee ispoortii kubbaa miilaa kana gaggeessan keessaa Oromiyaan tokko yoo taatu kanuma ilaalchisuun Gaazexaan Bariisaa tibbana Ittigaafatamaa Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa haasofsisee ture.

Federeeshinichi hojiiwwan guguddaa akka Oromiyaatti hojjechaa jiru keessaa tokko dhimmoota dorgommii kubbaa miilaa wajjin walqabatan ta’uu eeranii, kilaboota yookiin gareewwan kubbaa miilaa sadarkaa godinaa, aanaa, magaalotaafi gandatti gadi bu’uudhaan abbootii qabeenyaafi dhaabbilee garagaraa, yunivarsiitiiwwanitti kilaboota gurmeessuudhaan hojjechaa ture. Keessattuu waggoota afran kana bifa ammayyaa’aa ta’een hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan gaariin argamuu kaasu.

Inni lammaffaan ogeessota leenjisuun geessisuu, yookiin ga’omsuu ta’uu eeranii, keessattuu murtee kennitoota, leenjistoota kubbaa miilaa, akkasumas ogeessota garagaraarratti hojiin hojjetamaa turuu himu. Sadaffaan ammoo dhimma hubannoo yoo ta’u, namni bakka jirutti waayee kubbaa miilaa beekee keessatti hirmaachuu akka danda’u kan gargaaru ta’uufi haala kanaan hawaasa, taphattoota, dursitoota gareefi miseensota hojii isaaniif leenjiin kennamuu dubbatu.

Afraffaan ammoo guddattootarratti hojjechuu ta’uu kan himan Obbo Firoomsaan, keessattuu gaafa kilabii tokko gurmeessan sadarkaa aanaa, ganda, yookiin abbootii qabeenyaatti guddattoota of jalatti hammachuun barbaachisaa akka ta’e yeroo yerootti ka’aa turuu eeru.

Kanumaan walqabatee kilaboonni pirojeektii dargaggootaa hojiirra olchaa jiraachuufi kilaboonnis guddattoota keessaa hanga waggaa shanitti sadarkaa kaardii keelloodhaan jedhanii of jalatti hammatanii guddisaa akka deeman ibsu.

“Akkasumas, meeshaaleen kilabonni ittifayyadamanis akka pirojektii kanaaf oolu ykn guddatootaafi dubartootaaf kennamu ta’a. Kilabiin tokko sadarkaa liigii Oromiyaatti gaafa hundaa’u, keessattuu garee dubartootaa akka qabaatuuf hojjetamaa jira. Hojiin kunis waggaa tokko haala gaariidhaan yoo ittiin hojjetamu waggaa biroo ammoo duubatti deebi’uutu mul’ata” jedhu.

Bara 2016 dorgommiiwwan gurgguddoo lama gaggeessuu himanii, dorgommiiwwan kanneen keessatti hirmaannaan dubartootaa gadaanaa ta’uu ibsu. Keessattuu Tapha Guutuu Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti akka naannootti gaggeeffamerratti dubartootaan magaalota sadii, kan manneen barnootaa gareewwan sadii qofti hirmaachuu dubbatu.

Kanarratti hojii guddaa hojjechuun federeshinicharraa akka eegamuufi karoora bara 2017ttis xiyyeeffannaan addaa akka ittikenname eeru.

Akka ibsa ittigaafatamaa kanaatti, bajataan walqabatee yeroo adda addaa rakkoolee kilaboonni kaasan nijira. Kanaan walqabatee abbootiin kilabotaa hedduun “hanqina faayinaansii qabna” jechuu malee humna qabaniin qabeenya isaanii duguganii ittifayyadamuu hinbarbaadan. Maallaqni kaaznaa mootummaa keessaa bahu akka qabu amanu malee ofisaaniitiin maddawwan galiiwwanii biroo hinbarbaadan.

“Imaaammanni ispoortii kubbaa miilaa akka jedhutti, kilaboonni kan hundaa’an mootummaadhaan osoo hintaanee hawaasani. Hawaasni kubbaa miilaa babal’isuu keessatti iddoo olaanaa qaba; misoomsuu keessattis hirmaachuufi isarraas fayyadamaa tu’uu qaba jedha. Haata’u malee kilaboonni mana qopheessaa qofarratti waan xiyyeeffataniif rakkoo bajataa kaasaa turaniiru. Rakkoon qindeessuus isaanirraa calaqqisaa jira” jedhu. Akkasumas sadarkaan caasaa kubbaa miilaa naannichaayyuu rakkoo mataasaa qabaachuu himanii, keessattuu Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa wajjin walqabatee rakkoon qabeenya kana qindeessanii hojiitti galchuu, pirojektii hojjetanii ispoonsaraan gargaaramuu, abbootii qabeenyaa, yunivarsiitiiwwan, warshaaleefi dhaabbilee naannoo Oromiyaa keessa jiran hirmaachisuun ittifayyadamuu dhabuun walqabatee rakkoo bal’aatu jira jedhu.

Kilaboonni tokko tokko maqumaaf hundaa’anis yeroo gabaabaa keessatti kan diigamaniif sababa harcaatii kilaboota naannichaatiin ta’uu himu. Kunis rakkoo nageenyaarraa kan ka’e yoo ta’u waggaa waggaadhaan kan galmaa’an ta’us hirmaachaa akka hinjirre dubbatu.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa kilaboonni magaalotaafi warshaalee, akkasumas dhaabbilee addaddaa akka hindiigamneef yaaliin inni gochaa jiru maali gaaffii jedhu Obbo Firoomsaan oggaa deebisan; federeeshiniin keenya kilaboota kubbaa miilaa naannichatti gurmeessuudhaan ispoortii kubbaa miilaa babaldhisuudha.

Kanarraa ka’uun federeeshinichi kilaboota kubbaa miilaa 90 sadarkaa adda addaatiin gurmeessuun walmorkii gaggeessaa jira. Gaaffiin qulqullinaa garuu ammayyuu deebii barbaada.

Sababnisaas ‘Suppar liigii’ keessa kan jiran kilaboota torba yoo ta’an, sadarkaa liigii piriimeeritti ammoo kilabni tokko qofti jiraachuufi kilaboota sadarkaa naannootti guddatan hordofuuf bajata dabalataa barbaada jedhan.

Akka naannootti kun ta’aa akka hinjirre kan himan Obbo Firoomsaan, kanaaf kilaboonni waggaadhaa gara waggaatti harca’aa jiraachuu eeru. Barana ‘Suppar liigii’ keessaa kilaboonni shan kan gadi bu’an yoo ta’u, kun ammoo Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaafi Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaaf kufaatii guddaa ta’uufi kunis hordoffiifi gargaarsi karaa naannootiin jiru gadaanaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu ittigaafatamtichi ni ibsu.

“Rakkinni guddaan biraan ammoo kilaba tokko liigii Oromiyaarraa gara liigii piriimeeritti guddisuuf bajata guddaa barbaada. Inniyyuu sadarkaa barbaadamerra kan ga’u waggaa shaniifi jaha booddeedha jechuudha. Akkasumas haaldureewwan kilaboota guddisuuf jiran daran ulfaataadha. Gadi bu’uuf garuu salphaadha; waggaa tokko keessatti gad deebi’u”jedhu.

Fakkeenyaaf liigii piriimeerii biyyaalessaa, suppar liigii keessatti kilaboonni Oromiyaa, Jimmaa Abbaa Bunaafi Abbaa Jifaar, Shaashamannee, Fincaawaa, Matahaaraa, Wanjii, Meettaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Bulchinsa Magaalaa Sabbataafi Sulultaa kaasuun nidanda’ama jedhu Obbo Firoomsaan.

Kanaafis rakkoon hanqina bulchiinsa magaalotaa ta’uu himanii, kilaboonni boordiidhaan kan gaggeeffaman yoo ta’u, walitti qabaan boordichaa Kantiibaa yookiin kantiibaa ittaanaa, godinatti bulchaa yookiin bulchaa ittaanaa akkasumas aanaafi gandootatti bulchitoota yookiin bulchitoota ittaantoota ta’uu himu. Bajanni kan ramadamu boordii kanaan ta’uusaatiin akka barbaadanitti bajaticha baasanii ittifayyadamu waan hindandeenyeef maqaaf hunda’an malee waggaa tokko keessatti diigamu jedhu.

Akka Obbo Firoomsaan jedhanitti, caasaa kilabni tokko qabu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa hinqabu. Kilabni tokko humna namoota 23 qabaachu danda’a. Federeeshinichi garuu ittigaafatamaa dabalatee nama sadii qofaan socho’a. Naannoon Oromiyaa aanaalee 400, godinaalee 21, magaalota guguddoo 24 keessatti sochii taasisaa jira. Kanaaf caasaan kilabii tokkoo waajjira federeeshinichaa caala jechuudha. Ta’us caasichi carraa hojii namoota baay’eef uume malee kubbaa miilaa naannichaa fooyyessuuf kan taa’e miti.

Kilaboonni Oromiyaa akka hoggansa yookiin abbaa hinqabneetti yeroo yeroodhaan guddachuurra quucaraa kan deeman kanaafi jedhu.

Yeroo kilaboonni rakkina kana keessa galan federeeshiniin keessan akkamiin fura gaaffii jedhuufis, “Kilaboonni sadarkaa biyyaalessaatti hirmaatan ittigaafatamni keenya Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaafi jedhu. Nuti guddisnee biraa deebina malee hariiroo kilaboota kanneen ittito’annu hinqabnu. Kanaafuu bu’uurri kilaboota Oromiyaa rakkisaadha” jedhu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You