Irreechaafi manneen nyaataa aadaa Oromoo

Oromoon yommuu keessummaan ittidhufu haala addaafi kabaja olaanaadhaan simata. Dhangaawwan addaddaa qopheessee, waan dhugamus itti dabaleetu jaalalaan nama isatti dhufu simata. Oromoon Magaalaa Finfinneefi Bishooftuu jiranis tibba kana akkanaan qophaa’anii keessummootasaanii simatanii keessummeeffataniiru.

Irreechi Oromoof guyyaa addaati. Ayyaana hawwii guddaadhaan eeggatuufi waggaatti si’a tokko bal’inaan itti walargudha. Kanaaf keessumaa daldaltoonni nyaata, dhugaatiifi uffata aadaa qopheessan yoomirrayyuu niko’ammatu. Nutis namoota daldala bunaafi ciree akkasumas, nyaata aadaarratti hirmaatan qophiisaaniirratti yaadasaanii gabaabaa fudhanneerra.

Aadde Meetii Abdiisaa haadha qabeenyaa ‘Mijuu Coffee’ yoo taatu, Finfinnee naannawa Birbirsa Gooroo gamoo Yaadannoo Adwaa jalatti, akkasumas Biheeraawwiitti bunaafi ciree dhiheessiti. Guyyaa Irreechaas namoonni kallattii garagaraarraa dhufan ciree nyaatanii buna akka dhuganiif yeroo kaan caalaatti qophii taasisuudha Gaazexaa Bariisaatti kan himte.

Guyyicha tajaajilli kennamu kan yeroo biraalle waan dabaluuf keessummoonni tajaajilamuuf dhufan akka hinrakkanneef hamma dur qopheessan caalaatti dabalanii qopheessuu ibsitee, Irreechi aadaafi eenyummaa ta’uurra darbee madda dinagdeellee ta’aa jiraachuusaatiin hawwiidhaan kan eegamu ta’uu dubbatti.

Aadde Qananii Malaakuu ammoo Finfinnee, Naannawa Jamootti haadha qabeenyaa Mana Nyaataa Aadaa Oromoo Dirribeeti. Isaanis Ayyaana Irreechaatiif keessummoota nyaata aadaan simachuuf waan hunda baay’inaan qopheessuu himanii, nyaatawwan aadaa godinaalee addaddaatti beekaman qopheessuun keessummoota simachuu eegaluu ibsu.

Guyyaan Irreechaa gama hundaan ummata Oromoo biratti hawwiidhaan kan eegamu ta’uu kaasanii, ayyaana aadaa ofii qofa calaqisiisanii galan osoo hintaane madda dinagdee namoota baay’ee ta’aa dhufuusaa dubbatu.

Haaluma walfakkaatuun Finfinneetti hundeessituun Mana Nyaataa Aadaa Oromoo Muluu, Ayyaantuufi Hiriyoottansaanii Aadde Muluu Baacaa akka ibsanitti, Oromoon nyaata aadaa lakkaa’amee hindhumne qaba.

Manni Nyaataasaanii Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Gullallee Naannawaa Abbaa Diinaatti akaakuuwwan nyaatawwan aadaa garagaraa ajajaan hojjechaa jiraachuu himanii; akkuma baranaa agarsiisa ayyaana Irreechaa bara darbe qophaa’erratti nyaata qopheessuu ibsu.

Nyaatawwan aadaa kunneen beeksisuun gabaadhaaf akka oolaniif miidiyaaleen hojii beeksisaa hojjechuu akka qaban Aadde Muluun dhaamaniiru.

Saamraawiit Girmaatiifi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You