“Itoophiyaan biyya rakkoolee hedduu keessatti dameewwan hundaan guddina ittifufiinsa qabu galmeessaa jirtuudha” – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Itoophiyaan yeroo ammaa bu’aa ba’iiwwan hedduu keessa darbaafi rakkoolee hedduun qoramaa jiraattus guddina ittifufiinsa qabu dameewwan hundarratti galmeessisaa jiraachuu Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqasilaassee haasaa baniinsa Manneen Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshiniirratti taasisaniin ibsaniiru. Haasaa isaan taasisan keessaa kan dinagdee ilaallatu akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Gama guddina dinagdee waliigalaatiin

Biyyattiin utuma rakkooleefi bu’aa bahiiwwan hedduu keessa jirtuu bara bajataa 2016 keessa guddina waliigalaa 8.1 galmeessisteetti. Kun immoo bu’aa riifoormii maaykiroo ikkonomiksii yaadama biyya keessaatiin dhufe yemmuu ta’u, haalli kun gara fuula duraattis cimee akka ittifufuufi guddina caalu akka argamsiisuuf kanirratti xiyyeeffatamee hojjatamu ta’a.

Gama invastimantii kallattii biyya alaatiin immoo dinagdeen Itoophiyaa dhibbantaa 13.8n kan guddate yoo ta’u, kanaanis doolaara Ameerikaa biliyoona 3.9 ta’u argachuun danda’ameera.

Gama hojii dhabdummaa hir’isuufi carraa hojii bal’inaan uumuutiinis bara darbe lammiilee biyyattii miliyoona 4fi kuma 250 ta’aniif carraan hojii yemmuu uumamu, kana keessaa lammiileen kuma 370 ta’an gama bobbii hojii biyya alaatiin carraa hojii biyyoota garaa garaatti argachuu danda’aniiru.

Gama biraatiin mootummaan qaala’iinsa jireenyaa biyyattiitti mul’achaa jiru tasgabbeessuuf tarkaanfilee gara garaa fudhachaa kan jiru yoo ta’u, kana keessaa imaammata maallaqaa naamusa cimaadhaan hogganamu baasee hojirra oolchaa jira.

Waggoota muraasa kana keessatti omishaafi omishtummaan dameewwan dhiyeessii nyaataafi kanneen biroorra jiru haala gaariidhaan dabalaa jiraachuun imaammata maallaqaa cimaafi naamusa olaanaadhaan hogganamuun dabaalamee qaala’insi jireenyaa akka to’atamuuf haala mijataa uumeera.

Bara bajataa xumurametti qaala’insa gabaa waliigalaa ji’a Hagayyaa qofa yemmuu ilaallu dhibbantaa 17.2 ta’ee galmaa’eera. Kunis qaala’insa gabaa waliigala bara darbee ji’a walfakkaataatti galmaa’ee tureen walbira qabamee yemmuu ilaalamu hir’achaa dhufuusaa kan agarsiisuudha.

Dabalataanis meeshaaleefi shaqaxoota gara garaa lammiilee biyyattiitiif gatii madaalamaan dhiyeessuuf hojii hojjatameen faddaala bitataafi gurgurataa gidduu ture hambisuudhaan omishaafi bitataan kallattiidhaan walargee akka walirraa fayyadamuuf hojii hojjatameen sirni gabaa sanbata xiqqaafi guddaan iddoowwan hundatti hojiirra oolaa jira.

Yeroo ammaa giddugalootni gabaa sanbataa kunniin yeroorraa yerootti muuxannoo walirraa fudhachaa akka babal’ataniif kallattii kaa’ame hordofuudhaan giddugaloota gabaa sanbataa 407 irraa gara giddugaloota 1066tti ol guddisuun danda’ameera.

Gama biraatiin daldala biyya alaa yookiin alergii babal’isuuf hojii hojjatameen omishaalee tanaan dura biyyattiitti omishamanii gabaa alaatiif dhihaatan baay’inaafi qulqullinaan omishuudhaan galii achirraa argamu dabaluu qofa osoo hintaane, gabaawwan haaraa barbaaduudhaan filannoo alergii biyyattii bal’isuun danda’ameera.

Kanaanis bara bajataa xumurame 2016tti damee daldala alaa kanarraa biyyattiin sharafa alaa doolaara biliyoona 3.8 ta’u argachuun kan danda’ame yemmuu ta’u, kunis raawwii damee kanarratti bara darbe argamee tureen yemmuu walbira qabamee ilaalamu guddina dhibbantaa 4.8 ta’uun dabaluu kan agarsiisuudha.

Bara bajataa darbetti omishaalee alergii-dhaaf oolan kanneen akka bunaafi midhaan dheedhii akkasumas warqeetiin raawwii fooyya’aan galmeessisuun danda’ameera. Bifa waliigalaatiin hojiiwwan daldala shaqaxootaatiin, tajaajilaafi invastimantii kallattii irraa biyyattiin doolaara Ameerikaa biliyoona 21 ta’u argachuu dandeesseetti.

Guddinni dinagdee biyyattii hundeesaa bal’isaa qixa fayyadamuu lammiilee immoo mirkaneessaa kan jiru yemmuu ta’u, kunis karoora dinagdee waggoota 10 biyyattiin baafattee irratti hojjachaa jirtu keessatti sirnaan tarraa’ee kan argamuudha.

Kana qofaa osoo hintaane, hojiiwwan guguddoon mootummaan hojjachuuf karoorfate hundi yeroo qabameef keessattiifi dursee akka xumuramufis aadaan hojii haaraa biyyattiitti akka baratamu taasifamaa jira.

Damee omisha qonnaatiin

Damee qonnaatiin bara bajataa xumurame 2016tti guddina waliigalaa 6.8 ta’e galmeessisuun kan danda’ame yemmuu ta’u, waliigalaan omishni kuntaala miliyoona 700 ta’u Itoophiyaatti omishameera. Akka waliigalaatti imalli omisha qonnaa biyyattii kallattii fooyya’aarratti kan argamu yoo ta’u, hundarra immoo guddinniifi jijjiiramni gama omisha qamadiitiin biyyattiitti galmaa’aa jiru hedduu kan nama boonsuufi seenaa haaraa galmeessisaa jira. Kana qofas osoo hintaane, omishni qamadii waggoota muraasa keessatti galmaa’aa jiru kan muuxannoo guguddaan irraa argameedha.

Bara bajataa 2016 omisha arfaasaatiin omisha kuntaala miliyoona 120 ta’u argachuun kan danda’ame yemmuu ta’u, omisha jallisii fayyadamuudhaan qamadii kuntaala miliyoona tokkoofi torba ta’u argachuun danda’ameera.

Waliigalaan yemmuu ilaalamu waqtii arfaasaa bara darbee qofatti biyyattiin omisha qamadii kuntaala miliyoona 230 ta’u omishuu dandeesseetti. Kanaanis biyyattiin seenaashee keessatti qamadii alatti erguudhaan sharafa alaa kan itti argatte waggaa lammataa waan ta’eef guddina dinagdee keessatti hiikkaa olaanaa kan qabuudha.

Gama biraatiinis omishaalee akka boqqolloofi ruuziirratti hojii xiyyeeffannoo addaatiin hojjatameen jijjiiramni qabatamaan mul’achaa kan jiru yoo ta’u, kunis omisha olaanaa gama qamadiitiin jirutti dabalamuudhaan biyyattiin omisha sanyiiwwan gara garaa kuntaala miliyoona 700 omishtee alaatti erguudhaan sharafa alaa akka argattu dandeessisuu keessattis shoora hintuffatamne bahachaa jiru.

Gama lafa qonnaaf oolaa jiruutiin bara bajataa 2015tti lafti qotamaa ture hektaara miliyoona 20.3 yoo ta’u, bara bajataa 2016tti lafa dabalataa hektaara miliyoona shan ta’u dabaluudhaan waliigala lafa omisha qonnaa gara garaatiif qotamuu gara hektaara miliyoona 26tti ol guddisuun danda’ameera.

Lafa qonnaaf oolu babal’isuu qofaadhaan osoo hintaane, omishaafi omishtummaan akka dabaluufi waqtiiwwan akka gannaa, arfaasaafi bonatti immoo jallisitti fayyadamnee omishuudhaan dameen qonnaa biyyattii boqonnaa haaraa keessa akka galu taasisuun danda’ameera.

Kana qofaa osoo hintaane, gama inisheetivii maaddii guutuutiin naannolee biyyattii hundatti kaka’umsi cimaan waan uumameef jijjiiramni guddaan mul’achaa jira. Dabalataanis gama horsiisaa looniifi faayidaaleesaaniitiinis jijjiiramni mul’achaa jiru boqonnaa haaraa kan bane qofaa osoo hinta’iin, naannawa magaalaatti hojii kanaan dura hinbaramne qonna magaalaa hojiirra oolchuunis bu’aan gaariin argamaa jira.

Gama omisha qurxummiifi dammaatiinis hojii xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjatameen bu’aa gaariin galmaa’uu jalqabeera. Gama horsiisa lukkuu, omisha aannanii, fooniifi kanneen horsiisa looniifi bu’aaleesaaniitiin walqabatus guddina abdachiisaa galmeessisaa kan jiraniidha.

Dameewwan kunniin qaala’insa jireenyaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa kan taphatan yemmuu ta’u, lammiileen hundi waanuma naannawasaatti argamutti fayyadamee horsiisa loonii, lukkuu, kuduraafi muduraa keessa galuu akka danda’uufis carraa gaarii kan uumuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You