“Ogummaan qabutti fayyadamee miidhaginni Irreechaa caalaatti akka beekamuuf nan hojjedha” – Artisti Yaaddessaa Zawuga Booji’aa

Irreecha bara 2017 torban har’aafi torban borii Hora Finfinneefi Hora Harsadeetti kabajameerratti diyaaspooraan Oromoo haala adda ta’een hirmaachuunsaanii ni yaadatama. Diyaaspooraan kunneenis waamicha mootummaan Oromiyaa taasiseef fudhachuun kan argaman yoo ta’u, keessummeessa taasifamefitti akkasumas miidhagina Ayyaanaa Irreechaa arganitti daran gammaduu ibsu.

Kanneen keessaa Gaazexaa Bariisaa waliin addatti turtii kan taasisee diyaaspooraan Ameerikaa, Siiyaatilirraa dhufe Artisti Yaaddessaa Zawuga Booji’aa isa tokko.

Irreecha kabajuun mirga bu’uuraa Oromoo akka ta’eetti kan amanu ta’uu ibsee, namni kamuu kan itti mufatu yookiin dheekkamu miti; kanaa boodas kan irratti walfalmanis akka hintaane hima. Isa kanammoo ifaan agarsiisaa jiraachuufi ummanni tokkummaadhaan nagaan ba’ee nagaan deebi’uun warra kaaniifis fakkeenya ta’a; fiixee dhaabatanii waan hintaane warra dubbatan irraas Itoophiyaanonni waliin kabajan daran dinqisiifamu jedha.

Akka ibsasaatti, Irreechi har’a bifa kanaan miidhagee akka kabajamuuf aarsaa guddaatu kanfalame. Keessumaa Irreechi Hora Finfinnee akka deebi’uuf hojiin hojjetame seenaan kan dagatu miti. Sochii ummanni taasisuurra darbee kutannoon mootummaallee kan dinqisiifatamudha. Wanti barootaaf dhokoteefi awwaalamee ture har’a ayyaana addababa’ii ta’uu arguu caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru.

Erga biyyaa ba’ee waggoota 29 kan lakkoofsise Artisti Yaaddessaan Irreecha isa Ameerikaatti kabajamurratti malee isa Oromiyaatti kabajamurratti hirmaatee akka hinbeekneefi yeroo jalqabaatiif dhufuun Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadeetti irreeffachuu hima. Kanarraas wantoota hojii aartiif ta’an hedduu argachuusaafi oggaa gara Ameerikaa deebi’u hojjetee ummata biraan kan ga’u ta’uu ibsa.

Kana malees ummanni miliyoonotaan ba’ee ayyaanicha kabaju yeroo bakka bulu dhabee rakkatee sagantaawwan addaddaatiin bakkeetti dabarsu arguusaatiin, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun kun furmaata akka argatuuf hojii hawaasa diyaaspooraas ta’u dhaabbilee alaa kakaasuu hojjechuuf karoorfachuusaa ibsa.

“Irreechi kana booda ittuu bareedaa deema malee wanti duubatti deebisu hinjiru. Miidhagina kana ammoo ogummaan qabutti fayyadamee caalaatti akka beekamuuf nan hojjedha. Kanaafis nama aartii ta’uunkoo daran waan na gargaaru natti fakkaata. Artistiin kennaa wantoota haala addaan ilaaluufi ibsuu waan qabuuf” jedha.

Irreecha kabajuun jaalalliifi miirrisaa tokko ta’us, fagoo Ameerikaa taa’anii kabajuufi bakkasaa isa aslii (original) ta’eetti argamanii kabajuun addaddummaa akka qabu kaasee, fakkeenyaaf ummanni miliyoonotaan ba’ee haala miidhagaadhaan uffatee, fuulasaarratti mufiifi nuffiin tokko osoo hinmul’atiin yommuu kabajuu arguun kan danda’amu Irreecha Oromiyaatti kabajamurratti ta’uu hima.

Kunis daran miira namaa akka gammachiisuuf imimmaan gammachuullee akka nama hudhu ibsa. Isa kana yommuu Ameerikaatti kabajan akka hinagarre kaasa. Kunis hammam Irreechi aadaarra darbee duudhaa ummatichaa akka ta’ellee kan ittiin hubatanidha jedha.

“Ani kana dursa waa’ee Irreechaarratti fakkiidhaan waa baay’een hojjetaa ture. Fakkii (Painting) Irreechaa beekamaa kaaseen qaba. Akkasumas, yeroo Irreecha bara 2009, mucaan Siifan jedhamtu dhidhiitamtee duute ilaalchisuun sirba hojjedheen ture. Ittiinis badhaafameera. Sirbichi mucayyoon sun nagaadhaan irreeffachuuf Amboo baatee, akkamiin miidhagdee deemtee dhumarratti akka duute kan ibsudha. Dambaliiwwan raadiyoo Ameerikaatti argamanittis daran dhaggeeffatama” jedha.

Ayyaana akkas miidhagu kana mootummaanis xiyyeeffannaa itti kennuun keessumaa diyaaspooraa dhaloonni lammaffaa gara biyyasaanii akka dhufan haalota mijeessuun waan gaarii ta’uu kaasee, faayidaansaas ayyaanicharratti hirmaachuurra darbee hojiilee qabatamaan biyyattiitti hojjetamaa jiran ilaaluu kan dandeesisu ta’uu ibsa.

Innis akka dhuunfaatti ayyaanichaan ala hojiilee misoomaa Finfinnee hanga wallaaluutti isa geesisan hojjetamuu eeree, ta’us hojiin kominikeeshiniirratti hojjetame laafaa waan ta’eef namoonni hamma barbaadamu akka beekan akka hintaasifamne dubbata.

Kanarratti hanqina jiru mootummaa waliin ta’uun sirreessuuf hojjechuuf qophii ta’uufi kanumallee mootummaaf ibsuu hima. Keessumaa hojii biraandiingiirratti ogummaasaa fayyadamee hubannoo uumuufi miidiyaa hawaasummaarrattis hojii giraafiksii fayyadamuun mul’isuu akka barbaadu kaasa.

Akka waliigalaatti, ayyaanni Irreechaas ta’u, haalli biyyattiin irra jirtu abdii kan namatti horuu ta’uu kaasee, hawaasnis jijjiirama jiru kana ofitti fudhatee kunuunsuun hanqinni jiru waliin akka furamuuf hojjechuu akka qabu dhaama.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You