Malkaa Ateetee: Bakka ulfoo dhabduunillee dhala itti argataa turte

Sirnoota darbaniin aadaan Oromoo akka baduuf itti herregamee hojjetamaa turuunsaa ni yaadatama. Kanaanis aadaafi eenyummaan saba guddicha kanaa haphachaa, badaafi irraanfataamaa dhufee ture. Keessumaa ibsama Oromoofi duudhaa Sirna Gadaa kan ta’e Irreechi bakkawwan addaddaatti yeroo dheeraaf addaan citee ture.

Ta’us qabsoo hadhaa’aa ilmaan Oromoo taasisaniin duudhaan ummatichaa dhawaataan deebi’aa kan dhufe yoo ta’u, Irreechi Hora Finfinnee guddichi waggoota 150 addaan citee ture erga deebi’ee waggoonni jaha lakkaa’amaniiru.

Irreecha malkaawwan addaddaatti kabajamu keessaa kan Malkaa Ateetee, Buraayyuutti Irreeffatamus akkasuma waggoota 29f addaan cite turee bara 2000 kabaja ayyaana Barkumeerratti deebi’uudha Jaarsi Biyyaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamuu Caalaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin kan himan.

Akka isaan jedhanitti, Irreechi Malkaa Ateetee malkaa seenaa qabeettii yoo taatu, sirnoota turaniin laafteefi addaan cittee kan deebiteedha. Kunis gaaffii ummanni naannawichaa aadaa keenya bade nuu deebisaa jedhee irra deeddeebiin gaafateen kan deebi’edha.

Yeroo sanas maanguddoota ganda ja’aa yommus walitti waamuun mariin taasifameera. Malkaa badde sana deebifachuuf, akkasumas gaabbii waggootaa deebii argatetti gammaduun sangoota 24 qaluun sirna ho’aadhaan irreeffatamee ture.

Erga addaan citee deebi’ees yeroo 18ffaadhaaf Dilbata borii kabajuuf qophii hundi xumuramuufi Malkaan Ateetee keessummootashee hawwiidhaan eeggataa jiraachuu eeru. Malkaa kana wanti adda taasisu abbootiin yommuu erga Masqalli ba’ee gara Hora Finfinnee deemuun irreeffatan haadholiin ammoo Masqala Ateetee jechuun qincee affeelatanii, dhangaafi dhugaatii aadaa garagaraa qopheeffatanii malkichatti ba’anii irreeffataa turan jedhu.

Akkasumas, namni ilmoo hinqabne gara Malkaa Ateetee dhufee kadhate ilmoo akka argatuufi galateeffannaadhaaf gara Malkaa sanaatti dhufuun akka irreeffatan seenaadhaan akka dubbatamu himu.

Kana malees dubartiin karaa deemaa turte tokko yommuu malkaa sana geessu ciniinsuun qabee achumatti deessee waan gargaaramteef marqaan Ateetee qophaa’eera jedhu. Kanaaf Malkaan Ateetee malkaa seenaqabeettii ta’uushee kaasu.

Akka ibsa jaarsa biyyaa kanaatti Gumiin Abbootii Gadaa, Irreechi Malkaa Ateetee torban Irreecha Hora Harsadeetti akka kabajamuuf waan murtaa’eef haala kanaan kabajamaa jiraachuu eeranii, haaluma kanaan Onkolooleessa 3, bara 2017, Oromoon kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa, biyya keessaafi alaa dhufe akkasumas, saboonniifi sabalammoonni uffataafi faaya aadaasaaniitiin miidhaganii gara sana dhufuun akka irreeffatan waamicha dhiheessu. Isaanis “nuu koottaa” jedhanii keessummoota simachuuf qophiilee hunda xumuruu ibsu.

Aadaa baddee haala kanaan deebite tun dhaloota ittaanuttis akka dabartuuf keessumaa qarreefi qeerroon har’aa sirnaan kunuunsu akka qaban kan dhaaman Obbo Alamuun, waan Abbootiin Gadaa, jaarsoliin, hayyoonniifi haadholiin Siinqee jedhan dhaga’uudhaan bifa jaalalaafi tokkummaa obbolummaa mul’isuun kabajuu akka qaban hubachiisu. Keessumaa haala uffannaa, sirba, irreeffannaafi kabaja Irreechaa duudhaan ala ta’erraa akka of qusatan gaafatu.

“Irreecha kanarratti Abbootiin Gadaa Tuulamaa ni argamu. Abbaan Malkaa, malkaa ni saaqa. Haadholiin Siinqees ittaansuun gara malkaatti qajeelu. Erga Abbaan Malkaa irreeffatee booda, abbootiin Gadaa ittaanuun irreeffatu. Haala kanaan sadarkaa sadarkaadhaan qajeelfama kennamuun kan irreeffatamu ta’a. Yommuu gara malkaa bu’amus sirbuma argantu sirbama osoo hintaane “Mareewoo” jechaa Irreechi naanna’ee waggaa maree dhufuusaafi “waggaa waggaan nu ga’i” jechaa sirbama” jedhu.

Aadaan Oromoo aadaa guddaadha; kan bar tokko mul’atee bar tokko badu miti kan jedhan jaarsi biyyaa kun, aadaa sirni darbe balleessee hangafoonni ifaajjanii deebisan kana tiksuun fuulduratti kan dabarsuu qabu dhaloota ammaa ta’uusaatiin imaanaa akka fudhatan gaafatu. Kanarratti miidiyaanis shoora olaanaa waan qabuuf barsiisuurratti cimee hojjechuu akka qabu dhaamu.

Abbaa Duulaa Tolii Eegduu Gadaa Tuulamaafi Koree Hora Irreecha Finfinneefi Bishooftuu yoo ta’an; isaanis keessumaa haala kabaja Ayyaana Irreechaarratti namni hundi sirnasaa hordofuu akka qabu himu. Irreechi kan kabajamu erga biiftuun baatee ‘kottee baaftee’ diimattee booda waan ta’eef isa eeganii kabajuu akka qaban kaasanii, Irreecha Hora Finfinneefi Harsadeettillee haala kanaan irreeffatamuu dubbatu.

Haala kanaan ummanni Oromoo kabajamaafi safuu kan beeku, akkuma torbee darbe Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadee duudhaasaa eegee, keessummoota baargamaa dhufan simatee keessummeessuun kabajate Irreecha Malkaa Ateetee Buraayyuutti kabajamus haala walfakkaatuun akka kabajatu gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You