Nageenya waaressuu: Xiyyeeffannoo ijoo baranaa

Gaafa nageenyi jiru akka ardiifi samii bal’ata; gaafa dhabame ammoo akka qaawwa lilmoo dhiphata” jedha Oromoon. Nagaan waantota hundaa ol ta’uu ibsuuf.

Aadaa, duudhaafi Gadaa Oromoo keessattis waantota hunda kan dursu dhimma nagaati. Aadaan, duudhaan, seenessi, durduriin, hiibboofi jilli Oromoo dhimma nagaatiin walqabatu.

Nageenyi nama dhuunfaarraa kaasee hanga biyyaatti bakka guddaa qaba. Oromoon nama beekus ta’e hinbeeknetti oggaa dhufu nagaa gaafata.

Yoo namni inni nagaa gaafate nagaa deebisuufii didellee, ‘Abaluun nagaa gaafannaan nagaa naa deebisuu dide” jedhee dhaqee jaarsatti himata. Gadaan, “Namni nagaa hinqabne nama kaaniifis nagaa hinkennu” jedhee waan yaaduuf nama nagaa gaafannaan nagaa deebisuu didetti korma mura.

Nagaa oolteefi nagaa bulteen murtii Waaqaati jedha Oromoon. Nageenyi kun nagaa ati ofii keetii waliin; nagaa nama sifakkaatu faana, Uumaa keefi uumama waliin qabduudha. Nama, muka, gaaraafi bishaan waliinis nagaa qabaachuu qabda.

Oromoon jilaafi Irreecharratti utuu hinhirmaatiin dura waa’ee nagaarratti mari’ata. Wayita ayyaanni Irreechaa kabajamuuf ji’i lamaafi sadii hafu jaarsa qe’eerraa kaasee hanga Abbaa Gadaatti qe’ee qe’eedhaan nagaa buusaa deema.

Oromoon dursee nageenyisaa akka hinboorofne ni eeggata. Yoo akka tasaa boora’e ammoo sirna Jaarsummaafi Gumaatiin deebisee nagaa ijaara. Nagaa uleefi qawweedhaan eegsisuun hindanda’amu. Nagaa namatu eega. Nagaan yoo naannawaan nagaa ta’e mirkanaa’a.

Nagaan waan ati Uumaa waliin qabduudha. Nageenyi namoota hiriirsuudhaan kan eegamu miti. Nagaa keessa manni hidhaa hinjiru. Kanaaf aadaa Oromoo keessa nama nama ajjeeseyyuu dhiqanii qulqulleessanii hawaasatti deebisu.

Oromoon qaamolee waldhaban walitti araarsee garaasaanii walitti fayyisee akka nagaafi jaalalaan waliin jiraatan taasisa. Sirna Gadaa keessatti nageenya hawaasaa kan eeganiifi tiksan Foolleedha. Foolleen harcummee qofaan kan nageenya booressu, kan jeequufi hatu eega. Hundaa ol Oromoon nagaa Waaqatu eega jedhee dhugeeffata jedhu hayyuun Afaan, Aadaafi Aartii Oromoo Obbo Leeniin Quuxoo Hamaadoo.

Gama kanaaniin akka pirezidaantiin Mootummaa RFDI, Taayyee Atsqasillaasee jedhanitti, barana nagaa waaraafi olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimmoota xiyyeeffannaan ijoon kennamaniif keessaa kanneen jalqabaati.

Kana booda dachee Itoophiyaarratti mirgi humna qofagaleessummaan fayyadamuu kan dhaabbilee mootummaa ta’uun mirkaneeffamuu qaba. Nageenya lammiilee mirkaneessuun waa hunda dura xiyyeeffannaa addaafi cimaa argachuu qaba. Milkaa’ina kanaatiifis hunduu qoodasaa bahachuu qaba.

Kennaa murteessaafi ijoon dhaloota dhufuuf kennamus nagaafi nagaa ta’uu qaba. Nagaan hawwamu fedhii gama tokkoo qofaan mirkanaa’uu waan hindandeenyeef qaamni seeraan ala hidhatee ummataafi biyya gidiraaf saaxilaa jiru siibila lafa kaa’ee gara nagaatti deebi’uu qaba.

Mootummaanis mariidhaan harkasaa diriirsee, balbalasaa banee gara bal’inaan yeroo kennee hojjetaa waan jiruuf kanatti fayyadamuun daran murteessaadha.

Murnaafi matayyaa duudhaafi safuurraa fagaatee harka nagaaf diriireefi balbala banametti ol seenuu didee ummata gidirsaa jirurratti ummatuma nagaa waaraa hawwaafi dheebotaa jiru wajjin ta’uun olaantummaa seeraa mirkaneessuun xiyyeeffannoo ijoo baranaa ta’uu qaba.

Murnaafi matayyaa duudhaafi safuurraa fagaatee harka nagaaf diriireefi balbala banametti ol seenuu didee ummata gidirsaa jirurratti ummatuma nagaa waaraa hawwaafi dheebotaa jiru wajjin ta’uun olaantummaa seeraa mirkaneessuun xiyyeeffannoo ijoo baranaa ta’uu qaba.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You