Finfinnee: Rakkoolee shororkeessummaafi walittibu’iinsonni Ardii Afrikaa keessatti mul’atan hedduusaaniitiif maddi biyyoota ardichaan ala jiraniidha.
Dorgommiin biyyootni guddatan tokko tokko fedhii dinagdeefi siyaasasaanii eegsifachuuf Afrikaatti taasisaa turaniifi jiran ardichi walwaraansaafi waldhabdee madda shororkeessummaa ta’eef saaxilamaa jira.
Qabeenya Afrikaafi iddoo gahumsa omishasaanii barbaachaaf dorgommiin dhoksaadhaan biyyootni guddatan tokko tokko Afrikaa keessatti taasisan nageenya ardichaatiif sodaa uumaa jiraachuu Daarektarri Inistitiyuutii Qorannoo Qunnamtii Alaa Itoophiyaa Obbo Jaafar Badruu ni dubbatu.
Rakkoo saaxilamummaa nageenyaa Afrikaarratti waltajjiin Marii Inistiitiyuutiim Qorannoo Alaa Itoophiyaafi Giddugala Qorannoo Aljeeziiraa waliin qopheessan Finfinneetti kaleessarraa kaasee gaggeeffamaa jira.
Afrikaa keessatti dabalaa dhufuun dorgommii biyyoota guddatan tokko tokko gidduutti taasifamu misoomaafi nageenya ardichaatiif sodaa uumuu kan himan Obbo Jaafar, keessumaa dorgommiin qabeenya uumamaa ardichaa to’achuuf taasifamu rakkoolee walittibu’iinsaa hedduuf sababa ta’aa jiraachuu dubbatu.
Dhiibbaawwan gama kanaan biyyootni guddatan fedhii dhuunfaasaanii kabachiifachuuf taasisan kana dura dhaabachuun kan danda’amu irree Afrikaa tokkoomeen ta’uu eeranii; haala walxaxaa kana keessatti fedhii Afrikaa kabachiisuuf kaayyoo walfakkaataafi tarkaanfii walfakkaataa Afrikaanotaa kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Guddinni dinagdee Afrikaafi nageenyishee dhiibbaa humnoota alaatiin rakkoo hamaa keessa taruu kan eeran immoo ‘IGAD’tti Daarektara Divizhiinii Nageenyaa Komaaddar Abbabaa Mulunaati. Waggoota muraasaa as garuu saaxilamummaan rakkoolee maddisaanii humnoota alaa ta’an kanaa hir’achaa dhufuus ibsaniiru.
Rakkoolee walittibu’iinsawwan Ardii Afrikaatti humnoota alaatiin uumamaa jiran kana to’achuuf gurmiiwwan akka Gamtaa Afrikaa, ‘IGAD’fi dhaabbileen kutaalee Afrikaa gara garaatti socho’aa jiranii olaanaa ta’uu kan eeran Komaandar Abbabaan, rakkoolee shororkerssuummaafi walittibu’iinsa maddisaanii humnoota alaa ta’an guutummaatti injifachuuf furmaatni tokkummaa Afrikaa beekumsarratti hundaa’eedha jedhaniiru.
Waltajjiin marii saaxilamummaa rakkoolee nageenya Ardichaarratti xiyyeeffatu kun hayyoota damichaa Afrikaafi biyyoota baha giddugaleessaarraa walitti bahaniin guyyoota lamaaf gaggeeffama.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017