“Sirni bulchiinsa caasaa gandaa dhiyeenya diriire qisaasama hedduu nu oolcheera” – Qonnaan bultoota

Finfinnee: Sirna bulchiinsaa caasaa gandaa Oromiyaan dhiyeenya kana diriirse qisaasama hedduu isaan oolchuu qonnaan bultoonni Gaazexaa Bariisaaf tibbana yaada kennan ibsan.

Rakkoo furachuufis ta’e ol iyyannoof deddeebiin gara godinaatti taasifamaa ture rakkoo bulchiinsa gaarii hamaa dhaluu bira darbee qisaasama yeroo, maallaqaafi humnaaf sababa guddaa tureera. Ummatni bal’aan ganda jiraata, hojiileen hedduus ganda keessatti hojjetama. Haa ta’u malee, qonnaan bulaan dhimmasaa raawwachiifachuuf maallaqaafi yeroosaa qisaasessuun kan ittideddeebi’u godina.

Haala nageenyaatiin walqabatees daandii dheeraa imalanii godinaafi ganda jidduu marmaaruun gaaga’ama qabaachaa tureera. Ammaan tana garuu mootummaan ulfaatina hojiifi rakkoo hawaasaa hubatee caasaa gandaa guutuu Oromiyaatti hojiirra oolcheera. Gaazexaan Bariisaas sirni bulchiisaa caasaa gandaa bu’aa akkamii akka qabu qonnaan bultoota haasofsiiseera.

Obbo Bulaa Bariisoo Qonnaan bulaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa yommuu ta’an qajeelfamni caasaa gandaa gad bu’uufi hubannoonis qonnaan bultootaaf kennamuu himanii; rakkoo deddeebii godinatti taasifamuufi bulchiinsa gaariin walqabatu furuurratti akka carraa addaatti kan ilaalamuudha. Kanaan dura wayita dhimmaaf gara godinaatti deddeebi’aa turan maallaqaafi yeroo qisaasessuu qofa osoo hintaane haqni barbaadamullee walbeekumsaafi maallaqaan kennamaa turuu yaadachiisaniiru.

Garuu jedhu Obbo Bulaan, karoora mootummaan gad buuse gaarii ta’us bu’aqabeessummaansaa kan mul’atu yoo kutannoon hoggansaa jiraateefi malaammaltummaan hundeerraa goge qofa. Qonnaan bulaanis ta’e hawaasni sadarkaan jiru dhiyeenyarratti ganduma jiraatutti tajaajila si’ataa argachuun hafee yoo kan deddeebi’u ta’e caasaan gandaa diriiruu qofti bu’aa waan hinqabneef sirni ittigaafatamummaa jabaan diriiruu akka qabus dhaamaniiru.

Qonnaan bulaan aanichaa biraan Obbo Daanyee Waaqtolaas akka jedhanitti, sirna bulchiinsa caasaa gandaarratti hubannoon kennameera. Caasaan diriire harkaqal’eeyyiif carraa guddaadha. Kanaan dura beellamni dheerachuurraa kan ka’e qonnaan bulaa hedduutu haqa dhabe. Amma garuu hojii ofii hojjetachaa haqa qe’ee ofiirratti argachuun daran nama gammachiisa.

Obbo Naggasaa Beenyaa Qonnaan Bulaa Aanaa Liiban Cuqqaalaa yoo ta’an, sirni bulchiinsa caasaa gandaa ammatti qabatamaan hojiirra ooluu baatus hubannoo kennameefiin daran hawwataafi abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaan dura kan aanaa deemee dhimmasaa xumurate isa humnaafi maallaqa qabu ta’us amma garuu hojii ofii hojjetachaa dhimma ofii ganduma ofiitti xumurachuurra wanti nama gammachiisu akka hinjirre dubbataniiru.

Haa ta’u malee, rakkoo nageenyaatiin walqabatee caasaan mootummaas ta’e qonnaan bulaan hojiirra oolmaa karoora gad bu’uu akka hintumsine qaamni seeraan hidhatee bosana keessa socho’u dhiibbaa taasisaa jiraachuus qeeqaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You