Finfinnee: Wiixata darbe, Fulbaana 27 bara 2017 yaa’iisaanii waloo kan adeemsifatan Manneen Marii Bakka Bu’oota ummataafi Federeeshinii Ministira Dhimma Alaa kan turan Ambaasaaddar Taayyee Astqasillaasee pirezidaantii Mootummaa RFDI taasisuun muudaniiru.
Pirezidaanti Taayyeen dhorkannaa sagalee shaniin sagalee caalmaadhaan kan muudaman yoo ta’u, pirezidaantiin duraan RFDI Kabajamoo Saahilawarqi Zawudee aangoosaanii pirezidaantii haaraaf dabarsanii kennaniiru.
Pirezidaantii RFDI 5ffaa ta’uun kan muudaman Kabajamoo Pirezidaanti Taayyee Astqasillaasee amanamummaafi ciminaan biyyasaanii hogganuuf miseensota mana marichaa fuuldurratti kakuu seenaniiru.
Pirezidaantichi muudamasaanii booda karoora waggaa mootummaa manneen marii lamaaniif dhiyeessaniiru. Dhumarrattis manneen kunniin qaboo yaa’ii bara hojii waggaa 3ffaa sagalee guutuudhaan raggaasisaniiru.
Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa muudamicha ilaalchisuun dabarsaniin, “Kaayyoon jijjiiramichaa tokko sirna jabeessanii dhaabuudha. Hooggantoonni hojii ittigaafatamummaa seeraan ittikenname yeroo kennameef keessatti bahatu. Warri kaanimmoo dabareesaaniitiin isaaniin bakka bu’anii kaayyoo biyyaa walharkaa-fuudhiinsa dhalootaatiin galmaan gahu. Ijaarsi biyyaas kan milkaa’u haala akkanaatiini.
“Kabajamoo Saahlawarqi Zawudee waggoota jahan darbaniif Itoophiyaa pirezdaantummaadhaan tajaajilaniif maqaa Mootummaa Itoophiyaatiin galatakoon dhiyeessa.
“Gama biraatiin, har’a Pirezdaantii Itoophiyaa ta’uudhaan ittigaafatamummaa kan fudhatan Kabajamoo Taayyee Atsiqasillaaseetiin ittigaafatamummaa biyyaafi ummataa haala olaanaadhaan bara itti tajaajilan akka ta’uuf hawwii gaarii qabu ibsa.
Erga Mootummaan RFDI hundaa’ee as Doktar Nagaasoo Gidaadaa, Obbo Girmaa Waldagiyorgis, Doktar Mulaatuu Tashoomaafi Ambaasaaddar Saahilawarqi Zawudee biyyasaanii pirezidaantummaan hoggananiiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017