Siyaasni Oromoo waldhiibuurraa gara mariifi marabbaatti tarkaanfachuu qaba

Finfinnee: Biyya keenyatti fooyya’iinsi jiraachuun haalamuu baatus jijjiirama duras ta’e jijjiirama booda rakkoon nageenyaa akkuma rakkoo ta’etti ittifufeera. Nageenyi guduunfaa waa maraa ta’uu kan hubate mootummaan Itoophiyaa rakkoolee buleeyyii hundeerraa furuuf hanga Komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuutti kutannoo qabu argisiiseera.

Keessumaa erga rakkoon mootummaa federaalaafi ABUT gidduu ture mariidhaan goolabamee as rakkoo ABO Shaneen uumaa jiru mariin furuuf hanga Taanzaaniyaatti daandii fagoo imaleeera. Gaazeexaan Bariisaas dhimma nageenya waaressuurratti yaadaafi gorsa Abbootii Gadaa haala armaan gadiin dhiyeesseera.

Abbaan Gadaa Gujii Jaarsoo Dhugoo akka jedhanitti, sirni Gadaa sirna nagaa, jaalalaafi araaraa ta’us qabatamaan wanti Oromoo gidduutti mul’atu dubbachuuf nama qaanessa. Osoo kan biyya bulchaa jiru Oromoo ta’ee jiruu waldhiibuufi walmicciiruun akkuma Sirna Gadaattuu aadmale. Oromoon rakkoo jirtu bu’uura Sirna Gadaatiin gad taa’ee mari’achuu qaba. Oromoo saba bal’aafi hammataa waan ta’eef saboota kaan wajjin jaalalaafi nagaan jiraataa jira. Oromoon mataasaarra darbee marii sadarkaa biyyaattuu yaadame milkeessuuf qooda leencaa taphachuutu irraa eegama.

Oromoon Abbootii Gadaa dhageenyaan waliisaa dhaga’uun darbees mootummaa dhaga’uuf hinrakkatu jedhanii; abbootiin Gadaa godinaalee garagaraa jiran walitti dhufuun nagaafi araarri akka bu’uuf nuffii tokko malee hojjechuu akka qaban dhaamuun, isaanillee qoodasaanii ba’achuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Abbaan Gadaa Gujii Lixaa Eebbisaa Badhaanee gamasaaniin, qoodni Abbootii Gadaa waaqa kadhachuu, eebbisuu, gorsuufi qajeelchuu ta’uu himanii; ammaan tana fooyya’uu nageenyaa keessatti qoodni Abbootii Gadaa salphaa akka hintaane ibsaniiru.

Godina Shawaa Kaabaarraa Abbaan Muudaa Booranaa Hagar gamasaaniin akka jedhanitti, saba tokkoomutu waan hundaan milkaa’a waan ta’eef tokkummaan Oromoorra darbee sabaafi sablammootaaf daran murteessaadha.

Oromoo Sirna Gadaa dimokraatawaan waan buluuf saba akkaataa gaaffiin ittideebi’uufi waldhabbiin ittigoolabamu hunda caalaa beekudha. Waldhabbiin taatee uumamaa waan ta’eef yoomuu uumamuu mala. Haa ta’u malee, dhimmi cimaan Sirna Gadaarraa hubatamu waldhabbiin mudate osoo miidhaa hamaa hindhaqqabsiisiin mariin goolabuudha. Oromoon saba yoo lubbuun tasa badeyyuu sirna Gumaatiin akkaataan ittixumuratu qabuudha.

Sirna Gadaa keessatti akkaataa gaaffiin ittika’uufi deebi’u dimokraatawaadha jedhanii; gaaffii humnaan kaasuunis ta’e deebisuuf yaaluun qajeeltoo Sirna Gadaa hinmadaalleefi badiisa malee bu’uu hinqabne ta’uu eeru. Biyya kanatti wanti har’a qabatamaan mul’atu isuma kana ta’uus ibsaniiru.

Akka biyyaattis mariin biyyaalessaa yaadame carraa waggoota hedduu keessatti si’a tokku mudatu waan ta’eef sirnaan ittifayyadamuun barbaachisaa ta’uu himanii; hawaasni sadarkaan jirus milkaa’inasaaf akka tumsu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017

Recommended For You