Dubartii dhalootaan kutaalee Oromiyaa gara garaarraa dhalattee gosoota Oromiyaa walitti hiitee horatte. Intala abbaa Arsichaafi Haadha Tuulamaarraa; Ardaa Boorantichaafi ulaa Oromiyaa kibbaa, Mooyyaletti dhalatte. Sababa qabsoo Oromootiin biyyaa baqachuuf dirqamtee gaafa injifannoon sabichaa dhufutti immoo waamicha biyyaa fudhattee hojii invastimantii keessatti hirmaachuuf murteeffatte, intala jirtuu, mucattii cimtuu.
Heeruma daheeffattee sababa dhugaa qabsoo Oromoo abbaanshee keessatti hirmaachaa tureen gara Jarmaniitti kan imalte Ganyaan gaaddisa qabdu tun, erga biyyaa baatees biyya jirtu sanatti Oromoo mataa walittiqabuufi gaafa rakkootti dursitee awwaachuudhaan intala fakkeenyummaa qabduudha.
Oromoo biyya Jarmaniitti iddoo walga’ii dhabeef mana dhuunfaashee gadi lakkisuurraa hanga nama hoteelatti cidha godhachuun itti ulfaateef manashee gumaachuutti, ummata Oromoo Baaleefi Booranatti sababa ongeetiin miidhameef hawaasa hirmaachisuun deeggarsa hatattamaa dhiheessuutti, gumaata namummaatiin intala horooma horattee kabaja argatte.
Ganyaan fakkeenya diyaaspooraa jaalalaafi quuqama biyyasaa qabu taate tuniifi ammaan tana immoo waamicha Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Diyaaspooraan Oromoo biyya ormaa jiru gara biyyaa dhufee ayyaana Irreechaa barana biyyatti akka kabajuuf affeeran fudhachuun dursitee gara biyyaatti imaltee eebba Fiilmii Ateetee fa’as midhaagsitee, akkasumas hojii invastimantii keessa galuudhaan biyyasheetiif waa gumachuuf kutatte tun mallattoo arjoomaafi gaaddisa walga’ii hawaasa Oromoo biyya Jarmaan kan taate, Aadde Fatiyaa Awwal (‘Schubart’).
Dhimmoota waamicha Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Diyaaspooraaf taasisaniifi kanneen biroorratti turtii gabaabaan Gaazexaan Bariisaa Aadde Fatiyaa waliin taasise akka itaanutti dhihaata.
Bariisaa: Mee iddoo dhaloota keessaniifi haala ittiin biyyaa baatanirraa haa kaanuu?
Aadde Fatiyaa: Hayyee bareeda. Ani Dhaloonni koo Godina Booranaa, Magaalaa Mooyyaleetti yemmuu ta’u, haadha warra Tuulamaafi Abbaa Warra Arsiirraan dhaladhe.
Haala ittiin biyyaa baherratti immoo yeroo sanatti haalli siyaasaa biyya kanaa ulfaataa ture. Nutis Mooyyaletti dhalachuun keenya qabsoo kana itti dhiheenyaan akka hordofnuuf carraa waan nuu kennee tureef ijoollummaatti siyaasa keessatti hirmaachuu eegalle. Kanaaf sababni heeruma ta’us dhiibbaan siyaasaa yeroo sana ture akka biyyaa bahuuf na dirqamsiisee waan tureef haaluma sanaan gara Jaarmanitti godaanne jechuudha.
Bariisaa: Yeroo Jarman geettan sana hawaasni Oromoo achi ture hangam gurmuu qabaayyu?
Aadde Fatiyaa: Dhugaa dubbachuuf yeroon biyya sana dhaqu Jarman qabsoo Oromoo ni gargaarti waan jedhamu waanin dhagaheef ummanni achi jirus gurmuu cimaafi tokkummaa waan qabu natti fakkaata ture.
Garuu dhugaan ture hawaasni adda faffaca’ee qabsoorraayyis abdii waan kutate fakkaata ture. Boodarra garuu eegalamuun qabsoo qeerroo biyya keessaafi sosochiin ‘Oromoo First’ fa’a hordofee bara sana dargaggootni Oromoo sammuunsaanii bilisoome baay’inaan Jarman galuunsaanii gurmuun Oromoo biyya sanaa akka cimuuf shoora guddaa taphateera. Anis akka intala Oromoo tokkootti qabsaa’ota hangafoota waliin ta’uudhaan waan humnikoo heeyyameen hawaasa sanaaf socho’aa tureera.
Bariisaa: Biyya sanatti ummata Oromoo walitti qabuuf hanga manni dhuunfaa kee galma walga’ii akka ta’uuf oolchuutti gumaachaa akka turte quba qabna waan ta’eef mee kanarratti waa nuun jedhaa?
Aadde Fatiyaa: Dhiifama naa godhiitii ani waan darberra waan gara fuula duraatti hojjatamuu qaburratti xiyyeeffachuun barbaada. Garuu erga nagaafattee ani akka carraa ta’ee waanin mana bal’aafi mijataa qabuuf hawaasni achi jiru galma walga’ii kireeffatee maallaqa guddaa baasuurra akka ittifayyadamuuf heyyameera. Kana qofaa osoo hintaane namootni dhimmoota gara garaa kanneen akka gaa’elaafi sagantaawwan biraatiif yoo na gaafatan manni koo banaadha.
Kunis akka intala Oromoo tokkootti dirqama narraa eegamu bahachuu kooti malee waanin ittiin jajamu ta’uu hinqabu jedheen yaada. Kanaaf ani kaayyoofi xiyyeeffannoon koo waanin hanga ammaatti hojjadhe caalaa kana booda karaalee gara garaatiin sabaafi biyyakoo gargaaruudha.
Rakkoofi dhiibbaan siyaasaa dur biyyatti dalagannee buluu nu dhorge sun waan har’a hinjirreefi mootummaanis diyaaspooraan gara biyyaatti dhufee hojiiwwan misoomaa gara garaarratti akka hirmaatuuf carraa bal’aa waan kenneef carraa kanatti fayyadamee gara hojii invastimantii keessa galuudha.
Bariisaa: Mee affeerraa Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana irreechaaf gara biyyaa akka dhufaniif diyaaspooraaf dhiheessanii turan akkamitti ilaaltan?
Aadde Fatiyaa: Affeerraa kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa diyaaspooraan gara biyyaatti dhufee ayyaana Irreechaa akka kabajuuf dhiheessan gammachuu guddaanin fudhadhe. Maaliif yoo jette, yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti biyya ofii irraa itti qoollifatan osoo hintaane, haalonni mijatoon hedduu waan uumamaniif yeroo itti diyaaspooraan hundi biyyasaa cinaa itti dhaabachuu qabuudha jedheen yaada akka nama tokkootti.
Kana qofas osoo hintaane yeroo ammaa diyaaspooraan Oromoos ta’e saba biraa kan biyya ormaa jiru kamuu biyya jirutti Ambaasaaaddara Itoophiyaa ta’ee hojjachuu qaba. Ummanni diyaaspooraa gaafa qabsootti biyya ofii keessa jiraatutti karaawwan gara garaatiin qabsoo sabaatiif deeggarsa taasisaa ture sun har’a immoo gara biyyaatti dhufuudhaan beekumsaafi maallaqa horateen invastimantii keessa galuu qaba.
Bariisaa: Kanaafuu ayyaana Irreechaa qofaaf soo hintaane hojii invastimantii biyya kanaa keessa galuufis karoorfattanii dhuftan jechuudhaa?
Aadde Fatiyaa: Eeyye. Dhufaatii keenna isa yeroo ammaa kanaatiif sababni affeerraa kabajamoo Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa diyaaspooraadhaaf taasisaniidha. Akkuma affeerricha kabajnee dhufne invastimantii keessa gallee yeroo diinotni ollaa keenya jiran biyya jeequuf wixxirfatan kanatti akka lammii biyya kanaatti cinaa dhaabachuuf dirqama qabna.
Anas yoo fudhatte kanin ayyaana Irreechaa dursee gara biyyaa dhufeef hanga ayyaanichi gahutti carraawwan invastimantii jiran ilaalee gara hojiitti galuuf akka naaf mijatuuf waan karoorfadheefi.
Yeroo ammaa hojii invastimantii keessa galuuf murteeffannee dhaabbata ‘Landshut Treding’ jedhamuufi kan laaboraatorii bunaa ammayyaa qabu; kan bunni itti dhamdhamamu hundeessineerra. Kaampaaniin maashinii ammayyaa bunni alergiidhaaf oolu itti dhamdhamamu kun yuuroo kuma 40 ta’u kan gaafatuudha.
Dabalataanis kaampaaniin kun hojii buna qulqulluu alatti erguuf kan kaayyeeffate yemmuu ta’u, hojii kanaaf marsaa jalqabaatiif buna konteenara tokko alatti erguuf yuuroo kuma 200 kan gaafatuudha.
Kanaaf hojiin invastimantii nuti keessa galuuf filanne kun nu qofaaf osoo hintaane, akkuma alergiin buna qulqulluu dabaluun sharafni alaa biyyattiin argattus waan dabaluuf dinagdee biyyaa utubuu keessattis damee shoora olaanaa qabu filanne jechuudha.
Inni biraa ammoo affeerraa mootummaan Oromiyaa nuu taasisetti fayyadamnee carraawwan invastimantii biyya kana jiranitti fayyadamnee hojii invastimantii keessa galuuf qofa osoo hintaane, iddoon jireenyaa keenya inni lammataa Itoophiyaa akka ta’uuf abbaa warraakoo waliin mari’achaa jirra.
Kaampaaniin amma sii kaaseefi dameen hojii yeroo ammaa irratti bobba’uuf qophirra jirru kun kan jalqabaati malee kan xumuraa akka hintaane hubatamuu qaba. Gara fuula duraattis carraawwan biroo ilaallee gara invastimantii dameewwan adda addaatti galuuf karoora qabna. Yeroon keessa jirru kun yeroo murteessaafi Oromoon itti xiiqeeffatee bal’inaan dinagdee keessa galee itti of cimsuu qabuudha.
Bariisaa: Mee waa’ee abbaa warraa keessanii waan kaaftaniif isaanis lammii biyya ormaa ta’anii yeroo hedduu hojii isin sabaaf hejjattan waan deeggaraniif shoorasaanii kana akkamitti ibsitu?
Aadde Fatiyaa: Akkuma, dhiira cimaa tokko duuba, dubartii cimtuu tokkotu jira” jedhamu “Dubartii cimtuu takka duubas, dhiira cimaa tokkotu jira”. Abbaan warraa koo lammii biyya Jarman Doktar ‘Uwe Schubart’ jedhama. Namni kun akkuma atuu jette lammii biyya ormaa ta’us, yeroo Oromoon rakkoo keessa turetti akkuma Oromoo tokkootti rakkoo kana hubatee nama hawaasa Oromoo cinaa dhaabatuudha.
Kana qofa osoo hintaane, hojiiwwan ani hawaasa walitti qabuufi rakkoolee gara garaatiif yeroo maallaqa funaannee gargaaruuf jennutti akkuma nama Oromoo tokkootti hirmaata. Hojii ani tattaafadhuuf hunda fedhii guutuudhaan na deeggara.
Kanaaf akkuma yeroo rakkoo sana ana waliin qabsaa’aa ture, yeroo ammaa immoo akka nama baratee tokkootti biyya kanas dhufee carraawwan hojii biyya kanatti hojjatamuu danda’an qoratee nama daandii natti agarsiisaa jiruudha.
Kanaaf hojii invastimantii kanas biyya kanatti akka ani jalqabuuf kan nagargaaraa jirus isuma waan ta’eef, innis biyya kana waan jaalatuuf teessoon keenya inni lammataa biyya kana akka ta’uuf isa waliin mari’achaa jirra jechuudha.
Bariisaa: Gama aadaa Oromoo beeksisuu keessattis hirmaannaa akka qabdan odeeffanneerra. Keessumaa fiilmii dokimantarii Ateetee yeroo jalqabaatiif dhiheenya kana eebbifame Televizhiinii Jarmaniin akka tamsa’uuf sochii keessa jirtuutii mee waa’ee kanaa nuu ibsaa?
Aadde Fatiyaa: Beektaa aadaafi duudhaan Oromoo keessa jiru ummata Addunyaa kamuu biratti waan argamuu miti. Aadaafi duudhaa gabbataan kun haawwotaafi abboota keenyarraa nu bira qaqqabee hafuu hinqabu. Carraawwan argaman hundatti fayyadamnee ijaafi gurra addunyaa biraan gahuun barbaachisaadha.
Ateeteen immoo aadaa gabbataa sirna Gadaa keessatti dubartiin mirgasii ittiin kabachiifattu waan ta’eef, Fiilmii Dokimantarii Ateetee dhiheenya kana Dargaggoo Roobsaniin dalagame Televizhiinii Jarmaniin akka dhihaatuuf jara waliin marii eegalleerra. Kana qofaa osoo hinta’in, iddoowwan biroottis afaanota kaaniin hojiiwwan aadaafi duudhaa Oromoo agarsiisan kanneen biroos akka ijaafi gurra addunyaatiif dhihaataniif namni hundi waan irraa eegamu bahachuu qaba jedheen yaada.
Bariisaa: Ani gaaffii koo xumureeraa ishin wanti hafe yoo jiraate itti naa dabalaa?
Aadde Fatiyaa: Wanti hafe hinjiru; garuu ammas dhaamsi kiyya diyaaspooraan sababa rakkoo siyaasaatiinis haa ta’uu kan biraatiin biyyasaa baqatee biyya ormaa ture carraa yeroo ammaa uumametti fayyadamee beekumsaafi qabeenya horateen gara invastimantiitti galee dinagdee biyyaa keessatti hirmaachuu qaba.
Oromoodhaaf yeroon kun yeroo murteessaa waan ta’eef, hojii invastimantii keessatti bal’inaan hirmaatee dinagdeedhaan yeroon inni itti of ijaaruu qabu amma.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017