Diyaaspooraa ayyaana Irreechaa miidhaqsuuf gara biyyaa dhufan keessaa

Irreechi baranaa haala adda ta’een akka kabajamuuf diyaaspooraan biyya alaa jiru hundi gara biyyaatti dhufee qe’ee abbaasaatti ayyaana irreechaa akka kabajuuf Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa affeerraa taasisanii turan.

Waamicha biyyaa biraa hafuun akka duudhaa, safuufi safeeffannaa aadaa Oromootti kan hin yaadamne waan ta’eef torbanoota lamaan ayyaanicha dura turan kanneen keessaafi lammiileen diyaaspooraa waamichaaf awwaatanii ayyaanicharratti hirmaachuuf gara biyyaatti galaniiru .

“Namni biyyi tun barsiiftee jireenya fooyya’aafi biyyoota guddatan akka jirataaniif daandii itti agarsiifte nama waamtee biraa hafuu jechuun akka waan haati ofii rakkattee nama waammattee biraa hafuuti.

Waamicha mootummaan nuu taasise fudhannee ayyaana saba guddaafi mallattoo nageenyaa ta’e kana kabajuuf yemmuu gara biyyaatti dhufnu immoo guyyoota lamaan ayyaanicharratti dabarsinu cinaatti, rakkoon biyyattii keessa yeroo ammaa jiru maal akka ta’eefi diyaaspooraan biyyoota gara garaa jiraatu kallattii kamiin dhimma kanarratti gaheesaa bahachuu akka qabu hoggantoota mootummaa waliin mari’achuufis qophoofneerra”

  • Pirofesar Zannabaa Kinfuu; Diyaaspooraa Raashiyaarraa dhufan

“Waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa ayyaanicharratti akka hirmaannuuf nuu taasise fudhannee yemmuu dhufnu, ayyaanicha kabajnee galuuf qofa osoo hintaane, invastimantii biyya kanatti eegallus karoorfannee hojii keessa galuuf qophoofnee dhufne.

Ani akka diyaaspooraa tokkootti Hoteela guddaa tokko kan sadarkaasaa eeggate Finfinneetti ijaarsisaa miidhagina yeroo ammaa magaalattiin gonfachaa jirtu keessatti shoorakoo bahachuuf tattaaffii eegaleera”

  • Obbo Hayilayasuus Mangistuu; Diyaaspooraa Ameerikaa, Magaalaa Kaalifoorniyaarraa dhufan.

“Itoophiyaan biyya bareedduufi jireenya dhala namaatiif filatamtuu ta’uushee carraa ayyaana irreechaa kanatti fayyadamnee namoota biyya kana hinbeekne barsiisuun hojii guddaa diyaaspooraa hundarraa eegamuudha.

Anis akka nama Ispoorteessaa kubbaa harkaa tokkootti carraa namoota hedduu damee ispoortiis ta’e sanaan ala jiraniin walqunnamuu waanin qabuuf akka isaan dhufanii qabeenya uumamaa Itoophiyaan qabdu daawwataniifi keessattuu Finfinnee yeroo ammaa magaalota mimmiidhagoo addunyaa keessaa tokko ta’uuf tattaafachaa jirtu tana akka daawwataniif waan narraa eegamu ni bahadha”

-Dargaggoo Ofran Deloo diyaaspooraafi taphataa kubbaa harkaa biyya Jaarman

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You