“Irreecha galmee ‘UNSCO’rratti galmeessisuuf hayyoonni hojjechuu qabu” -Hayyoota Yunivarsitiiwwan Arsiifi Bulee Horaa

Dhimmi aadaa dhimma eenyummaasaa waan ta’eef kabajni Oromoon sirna Irreechaaf qabu olaanaa ta’uusaatiin dhiibbaa sirnoota darbaniif osoo hinjilbeeffatiin dhaloota qubee har’aa qaqqabuu Yunivarsitii Arsiitti Barsiisaan Afaan Oromoofi Qorataan Ogbarruu Doktar Fiqaaduu Qana’aa ibsan.

Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuun walqabatee Horri Finfinnee bakkasaa ganamaatti deebi’eera; lammiileenis tokkummaan malkaatti bahanii irreeffachaa jira. Irreechi aadaa waaqeffattootaa qofa godhanii Oromoon amantii biraa hordofu akka hinirreeffanneef olola sobaa afarsaan jiraatus fudhatama hinqabu jedhu.

Akkuma baaqela keessa baaqelaan budaa jiru darbanii darbanii aadaan Oromoo akkaan guddachaa dhufuun itti amantaan walqabsiisuuf akka yaalanis eeranii, “Aniifi maatiinkoo amantaa mataa keenyaa qabaannus ayyaana Irreecharratti Hora Finifinnee deemnee Waaqa keenya galateeffachuuf qophiidha. Sababnisaas kan galateeffamu Waaqa itti amanannedha malee malkaa waan hintaaneef” jedhan.

Wayita guddummaan Irreechaa olka’ee mul’ateefi biyyoonni Afrikaafi Lixaa irratti hirmaachaa jiran kanatti Oromoon amantaan aadaan, lagaan osoo walhinqoodiin malkaasaatti bahee ayyaanasaa miidhagfachaa, isa waa’ee ayyaanicharratti hubannoo hinqabne hubachiisaa deemuu qaba jedhan.

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaaf cufamee ture saaqamuun, kan Harsadiis ifatti karaa hunda hirmaachiseen gaggeeffamuunsaa kan nama gammachiisuudha jedhu.

Irreecha kana waggaa waggaan kabajuu qofti gahaa miti kan jedhan Doktar Fiqaaduun; hayyonni yunivarsitii, qorattoonni aadaa qorannoo gadifagoo taasisuun akkuma Sirna Gadaa ‘UNESCO’tti galmeessisuuf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.

Yunivarsitii Bulee Horaatti Barsiisaa Sooshaal Antiropolojiifi Diiniin Inistiitiyuutii Gadaafi Qorannoo Aadaa Obbo Sorraalee Jiloos gamasaaniin Irreechi ilmaan Oromootiif sirna galateeffannaa dukkanarraa ifatti bahuu, dhiifama walii taasisanii malkaarratti uumaasaanii galateeffatanidha jedhu.

Akka ibsasaaniitti, namni kamuu wallollee, haaloo qabatee malkaa bu’ee galateeffachuu akka hindandeenye duudhaan Irreechaa ni ibsa. Jibbaan guutamanii malkaatti bahanii galateeffachuun hindanda’amu. Irreechi qaroomina Kuush Oromoon cichee qabatee asiin gahatedha. Sirni kun kan Uumaan ittigalateeffatamuudha malee uumamni itti galateeffatamu miti.

Bu’uuruma kanaan hordofaan amantii kamuu malkaatti ba’ee irreeffachuu danda’a jedhanii; warreen amantiidha jedhan, warreen waa’ee Irreechaa sirnaan hinhubanne ta’uu malu jechuun ibsaniiru. Baay’inni namoota ayyaanicharratti waggaa waggaan hirmaatanii dabalaa dhufuun agarsiistuu guddummaa sirnichaa kan agarsiisuudhas jedhan.

“Nuti, Oromoon hayyoota guguddoo biyyaaf abdii ta’an waan qabnuuf akkuma Sirna Gadaa ‘UNESCO’tti galmeessisne kan Irreechaas milkeessuuf tumsa barbaachisu taasisuun barbaachisa” jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You