“Baga Irreecha, guyyaa galataatiin isin gahe”  -Komishiinar Araarsaa Mardaasaa, Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa

Ummanni Oromoofi Sabaafi Sablammoonni biyya keenyaa hundi baga booruu gannaa hoofkaltanii taliila birraatti bahuun guyyaa kabaja ayyaana Irreecha hora Finfinneefi hora Harsadii bara 2017 nagaan geessan jechaa ayyaanichi kan nagaa, kan tokkummaafi kan gammachuu akka isiniif ta’un hawwa.

Ayaanni Irreechaa ummata Oromootiif mallattoo nagaa, jaalalaa, abdiifi tokkummaati. Akkuma beekamu ayyaanni kun ayyaana waaqa uumaatiif galata itti galchaniidha. Ayyaana kanarratti xiqqaafi guddaan, dhiiraafi dubartiin, akkasumas sabaafi sablammoonni kan hirmaatan yoo ta’u, maanguddoonnis akkas jechuun waaqa kadhatu “Waliigaltee nuufaa kennu, Waliigalee nuufaa toluu” jedhu.

Irreechi ayyaana ummata Oromoo qofa osoo hintaane ayyaana waloo ummataafi sabaafi sablammoota biyya keenya hundaa ta’aa dhufee jira. Kanaafuu ayyaana waloo keenyaafi ibsituu eenyummaafi tokkummaa keenyaa ta’ee kana wayita kabajnu walhubannaafi duudhaafi safuu keenya karaa eegeen ta’uu qaba. Ayyaani Irreecha hora Finfinneefi hora Harsadii bara kanaa rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaafi jaalalaatiin kabajamee akka xumuramuuf gama mootummaafi caasaalee nageenyatiin qophiin gahaan taasifamee jira.

Haata’u malee ammas abbaan nagaa Ummataafi hirmaattota ayyaanicha hunda waan ta’eef ayyaanni kun karaa nagaafi tokkummaa keenya ibsuun kabajamee akka xumuramuuf iddoo sochoonu hundatti nageenyummaa ayyaanichaatiif gahee keenya haa baanu jechuudhan dhaamsa koo dabarsuun barbaada.

Abbootiin Gadaafi haadholiin siinqeetis bifa aadaafi duudhaa Oromoo calaqqisiisuun dargaggootaafi qaama ayyaanicharratti hirmaatan dura bu’uun qajeelchudhaan gahee keessan akka bahattan carraa kanaan gaafachuun barbaada.

Hirmaattotni ayyaanichaatis yeroo irreeffaannadhaf gara malkaatti deemnufi deebinu baay’ina namootaa irraa ka’uun rakkoon akka hin uumamneef walcaqasuufi walhubachuun iddoo waliif kennuudhaan ayyaanichaaf miidhagina haataanun jedha. Haaluma walfakkaatuun qeerroofi qarreewwan keenya hundi ayyaana Irreechaa bifa miidhagina qabuun kabajuun keessan akkuma eegametti ta’ee guyyaa kana ambaasaadaroota nageenyaa ta’uudhan ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbiin akka kabajamuu akka taasiftaniif dhaamsa koo isiniif dabarsuun barbaada.

Keessumaa abbootii gadaafi haadholii siinqee, daa’immaniifi qaamolee biroo dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuudhan ta’uu qaba. Gama biraatiin lootee galtootni nagaafi tokkummaan uummataa isaanitti hin tolle ayyaanicha irratti rakkoo nageenyaa akka hin umneef iddoo sochoonu hundatti wal mil’achuufi qaamolee nageenyaatiif abboomuufi iddoo shakkii qabnuttis eeruu haa kenninu.

Sabaafi sablammootafi lammiilee biyya alaa kabaja ayyaana Irreechatiif dhuftanis baga guyyaa Irreecha bara 2017 geessanii nagaan dhufatan jechaa, ayyaanni Irreechaa ayyaana tokkummaafi waloomaa keenya ta’uu isaa hubattanii ayyaanicha nu waliin kabajuuf dhufuu keessaniif ulfinni uummatniifi mootummaan Naannoo Oromiyaa isiniif qabu ol’aanadha.

Ayyaanicha yeroo waliin kabajnu nageenyummaa keenyaaf bifa qindoomina qabuufi walhubannaadhan socho’uun aadaafi duudhaa keessan gammachuufi yaaddoo tokko malee ibsachaa turtiin isin kabaja ayyaanichaatiif uummata Oromoo waliin taasistan kan milkiifi kan nagaa akka isiniif ta’un hawwa.

Qaamoleen Nageenya Federaalaafi naannoo keenyatis ayyaanonni ummataa guguddoon sadarkaa biyyaafi naannootti hirmaattota miliyoonan lakka’aman keessummeessuun kabajaman karaa nagaan akka xumuramaniif gahee bakka bu’ummaa hin qabne bahachaa jiraachuu keessaniif galata guddaan isiniif qabu ibsaa, ayyaanota uummataa guguddoo kanneen akka ayyaana bara haaraa, Mowliidaafi Masqalaa irraatti muxannoo horattaniin ayyaanni Irreecha hora Finfinneefi hora Harsadii bara kanaatiis tumsaafi qindoomina keessaniin karaa nagaan akka xumuramuu abdii guddaan qaba.

Hirmaattotni ayyaana Irreecha hora lamaanii heddumina waan qabaniif bifa bilchina qabuufi of eeggannoodhan nageenyummaa isaa irratti hojjachuu barbaada. Ummanni hedduun nagaa barbaadu akkuma jiru qaamni caasalee nageenyaa miira keessa galchuun rakkoo uumuuf socho’us hin dhabamu waan ta’eef ofeeggannoofi naamusa ol’aanadhaan hojii nageenya mirkaneessuu hojjachuun murteessaadha.

Walumaagalatti ayyaanni Irreecha hora Finfinneefi hora Harsadii baranaa karaa nagaafi tokkummaa ummata keenyaa ibsuun akka kabajamuuf qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hirmaattotni ayyaanichaa hundi gahee keenya haa baanu jechaa irra deebiin maqaa kootiifi maqaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaatiin baga geessan ayyaana gaarii nuuf haa ta’un jedha.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You