“Waaqayyo gurraacha kan jedhaniif qulqullummaasaa agarsiisuufi” -Pirofesar Tasammaa Ta’aa (Yunivarsitii Finfinneetti Barsiisaa Seenaa)

Waggoota jaarraa walakkaa ta’aniif otoo hin nuffiin barsiisaniiru, Keessumaa Yunivarsitii Finfinneetti barnoota Seenaatiiin namoota baay’ee seenaadhaan ga’oomsanii eebbisiisaniiru.

Barattoonnisaanii dhaabbilee barnoota olaanaa adda addaatti barsiisaa jiru. Hayyuu cimaan kun yeroo ammaas barattoota digrii 2ffaafi 3ffaa barsiisaafi gorsaa jiru; Pirofesar Tasammaa Ta’aa.

Pirofesar Tasammaa Ta’aa dhalatanii kan guddatan Godina Wallagga Bahaa, Ganda Jaatoo jedhamtuufi naannawa Magaalaa Naqamteetti argamtutti.

Gaazexaan Bariisaas ayyaana Irreechaa sababeeffachuun gaafdeebii ittaanu isaan wajjin taasisneerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Yeroon ummanni Oromoo Irreecha itti eegale beekamuu baatus iddoonsaa addatti beekamaa laata?

Pirofesar Tasammaa: Ummanni Kuush sulula mormor keessa jiraataa waan tureef Irreecha waggaa waggaadhaan naannawaa laga sanatti kabajataa akka ture seenaan ni ibsa. Hiddiwwan Kuush bakkeewwan garagaraatti faca’anii argamanis biyyoota Afrikaa biroo keessatti akkasuma ni kabaju.

Haala kabaja kana keessatti Oromoon hidda Kuush keessaa isa ijoo waan ta’eef Sirna Gadaatiin jiraataa ture. Oromoon haala jireenyasaa (Siyaasa, dinagdeefi hawaasummaasaa) hunda kan calaqqisiisu sirna gadaatiin yoo ta’u, sirna sana keessaa inni guddichi Irreechadha. Irreechi ammoo iccitii bal’aafi gadi fagoo qaba. Ummata biroo wajjin hariiroo uumuun kan danda’amu Irreechaani.

Irreecha yaada muraasaan ibsuun hindanda’amu. Yaadrimeen isaa bal’aa yoo ta’u, kan kabajamu waggaatti si’a lama kabajama. Inni tokko Irreecha Malkaa yoo ta’u, innis bishaan jireenya waan ta’eef laga yookiin malkaa biratti bishaan bu’uura godhachuun kan kabajamudha. Inni lammaffaa Irreecha Tulluu yoo ta’u, tulluun lafa ol ka’iinsa qabu waan ta’eef ummanni Oromoo tulluurratti argame bakka Waaqa itti waamudha.

Waaqni humna guddaa kan qabu, bakka hundatti kan argamu, Waaqaafi lafa akkasumas wantoota irra kan jiran kan uume yoo ta’u, kan waaqessanis isuma jechuudha. Waaqa Tokkicha kan jedhamus kanaafi.

Waaqa Gurraacha yommuu jedhan, Waaqayyo qulqulluudha jechuufi. Halluuwwan jiran keessaa gurraachi ifaafi qulqulluu ta’uun ni amanama. Gama biraatiin ammoo bishaan jireenya kan kennuufi bakka guddaa kan qabudha. Waaqayyoon kan galateeffatanis sadarkaa sanaani.

Yeroo ganni dhufu rooba gaarii akka isaaniif kennuuf achirratti kadhatu. Tulluurra ba’anii roobni akka roobu, yeroo roobaa guddaa sanaaf akka ce’umsaatti akka isaaniif ta’uuf Waaqa kadhatu. Roobni gannaa guddaan ji’a Waxabajjii irraa eegalee waan jalqabuuf qonna kan qabu gara ooyiruusaatti bobba’a. inni loon horsiisuus akkasuma.

Ganni roobaan waan dabaalameef laggeen ni guutu; sababa kanaan ummanni akka garaasaatti walarguu hindanda’u. Firri fira gaafachuu hindanda’u. Kanarraa kan ka’e ganni yeroo dukkanaati jedhamee amanama. Hammam illee walarguun dadhabamuus, rooba isaaniif kennameetti fayyadamuun hojii isaanii sirnaan waan raawwataniif gara bonaattu ce’uuf abdii qabu.

Roobni darbee lagni guutee erga hir’atee booda bakka jiranii ba’anii Irreechaarratti walargu. Irreecha kabajuuf laga bu’uun torban lama dura qophiin taasisan ni jira. Qophiin kun yoo waldhabdeen jiraate araaramuufi laphee ofii qulqulleessuun dirqama; haaloo qabatanii Irreecha deemuun hindanda’amu.

Irreechi kan kabajamu sirna hordofuuni. Fuuldura kan deeman dubartoota. Kan itti aanu Haadholuu Siinqeedha. Isaan booda Abbootiin Gadaa ni hordofu. Yeroo dhiyoo asitti osoo hinbeekiin naamusa sirnichaa kan cabsan ni jiru; amma garuu sirreessaa jiru.

Irreechi, bara mootummaa Atsee Hayilasillaasee, Abbaa Mudaatiin Hora Finfinneetti kabajamaa ture. Haa ta’u malee mootonni yeroo sanaa Abbaa Muudaa dirqisiisanii naannawaa sana gadhiisiisaniiru. Kanarraa kan ka’e Hora Finfinneetti Irreechi kabajamuu hafe; Suuta suuta Hora Arsadiin bakka hundatti kabajamuu eegale.

Sirni Irreecha kan waraabamu Sirna Gadaa keessaati. Sirni Gadaa ammoo eenyuun illee hintuqu. Gadaa keessa dhaabbileen jiru. Fakkeenyaaf, dhaabbileen guddifachaafi moggaasaa ni eerama. Fakkeenyaaf, guddifachaa jechuun daa’ima guddisuu, nyaachisuufi akka kan ofiitti ilaaluudha. Moggaasaanis akkasuma.

Sirnicha ilaalchisuun kanneen seeneffama sobaa seenassan jiru; Seeneffama sobaasaaniif garuu waan wabii isaaniif ta’uu homtuu hinjiru.. Keessattuu wantoonni fuula marsariitii hawaasaa irratti barreeffaman yoo ilaallee isa ani dubbadhallee haala barbaadaniin jallisanii odeeffannoo dabarsuu danda’u.

Bariisaa: Duudhaaleen Irreechaa maal fa’i?

Pirofesar Tasammaa: Wanti guddaan Waaqayyoof galanni kan itti dhihaatudha. Mallattoo tokkummaati jechuudha. Bishaan kan calaqqisu jireenya. Sababni isaas afaaniifi aadaa hunda keessatti amantiin adda addaa waan jiruuf. Namni tokko Kiristaanas, haa ta’u Islaama amantii waan biraati; Irreechi waan biraati. Irreechi akka aadaatti namoota kan walitti dhiheessuufi saboota hunda kan walargarsiisudha. Fakkeenyaaf sablammiilee naannolee Itoophiyaa Kibbaafi Itoophiyaa Kibba Lixaa Oromoo wajjin Irreecha kabajuuf nidhufu.

Irreechi kan qaama tokkoo qofa otoo hintaane kan warra kaaniis waan ta’eef hammattummaadhaan kan beekamuudha.

Gama dinagdeetiinis Irreechi gumaacha olaanaa qaba. Bakka namoonni ittiwalargan waan ta’eef waa bituufi gurguruun bal’inaan jira. Irreechi gama yaada waljijjiruutiinis qoodnisaa olaanaadha. Iddoo odeeffannoo ittiwaljijjiraniidhas.

Irreechi yeroo abdiin ittihoratamuudhas. Namoonni Waaqa guutiinsa laga yeroo gannaa; qilleensa, lolaafi rooba yandoo jalaa isaan baaseef galata dhiyeessanii egereef ammoo abdii ittihorataniidha. Ganni darbee sanyiin facaasan akka ija godhatuuf yeroo ittiwaaqasaanii abdataniidha.

Duudhaan Irreechaa humna. Irreechi Irreedha. Irreechi anniisaadha. Sababiinsaas ummanni bakka jiruu walittidhufee oggaa iddoo galanni ittidhiyeeffamutti argamu humna guddaa ta’a. Garuu humni kun hammeenyaaf kan hiriire otoo hintaane galateeffannaaf, obbolummaafi tokkummaafi.

Waaqeffannaan Kiristaana, Islaamummaa hinjibbu. Amantiileen kunniinis akkasuma Waaqeffataa hinjibban. Irreechaan aadaadha. Akkan artikilii koo tokko keessatti eeretti sababiin Islaamumaafi Kiristaanni Waaqeffannaa fudhataniif waan Waaqayoo tokko jedhaniifi. Waaqayyo tokkicha. Abbaan, Ilmiifi Hafuurri Qulqulluun tokko.

Akka barnoota Yesuus Kiristoos keessatti eerametti ammoo “Akkuman abbaa koo keessa jiraadhu; abbaan koos ana keessa jiraata. Isinis ana keessa jiraattu; abbaa koo keessas nijiraattu” jedha.

Ani kanin baradhe mana barnootaa miishinii Makaana Yesuusitti. Kanaafuu, kanin guddadhe faarfannaa faarfachaafi sagalee Waaqayyoo qooddachaati. Kanin jiraadhes Waaqayyo galateeffachaati. Misiyoononni yeroo sana nu barsiisaa turan oggaa mana keenyatti sirni Irreechaa adeemsifamu dhufaa akka turan nan yaadadha.

Kanaafuu, Irreechi aadaa amantii wajjin walhinfalleesineedha. Hariiroonsaas sirrii kan ta’eefi haala aadaa kan kabajuudha. Akka Macaafni jedhuttis Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqayyoo Waaqaaf.

Ayyaanni Irreechaa aadaafi duudhaa warrarraa gara ijoolleefi ijoollee ijoolleetti darbuudha. Sirnisaa ammoo kan nagaati. Jiddugaleessi Irreechaa galataafi nagaadha. Irreechi hamileedha. Irreechi aadaa walkabajuuti. Sirna namoonni guguddoon kabajamaniifi bakka maluuf ittiqabataniidha. Foolleewwan eegdota sirna kanaati. Irreecha keessa shirri hinjiru.

Aadaan Irreechaa otoo kan sirna hinqabu ta’ee ummatuma Oromootiin bada ture. Sirni waggoota kumootaaf kabajamaa dhufe shira, otoo akeeka nama abaaruufi balleessuu of keessaa qabaatee har’a addababa’iitti hinarginu ture.

Otoo xiyyeeffannaansaa kana ta’ee silaa Oromoon ofumasaatiif balleessa ture. Garuu Irreechi aadaa galata, tokkummaafi obbolummaa of keessaa qabu waan ta’eef akka waggaa waggaadhaan dhufu barbaadama.

Kanaaf Irreeffattootaan, “Maree hoo…maree hoo…jedhamee faarfatama. Akkana jedhanii faarfachuun waggaa waggaadhaan deebi’ii koottu jechuudha. Kanaafuu, akka waggaa waggaadhaan deebi’ee nuu dhufuuf hawwiidhaan eegna. Nutis Irreecha kabajaa ijoollee keenyas nibarsiisna. Akka ittifufus ni barbaadna.

Bariisaa: Qaamoleen tokko tokko Irreechi sirna galataa ta’uu hubachuu dhabuurraa kan ka’e Waaqeffannaa ormaa wajjin oggaa walqabsiisan dhaga’amu. Sirni Irreeffattoonni marga qabatanii malkaa bu’aa raawwatan maalinni?

Pirofesar Tasammaa: Akkuman duraa ibsuu yaale bishaan jireenya. Margi lalisaan coqorsa jedhamu jira. Margi kun mallattoo bal’achuu, misoomuufi guddachuutisi. Margichaafi daraaraa adaa qabatanii bishaan cuuphaa warra kaanittis facaasu.

Fakkeenyaaf qeesonni yeroo ayyaana Cuuphaa bishaan amantootatti ni facaasu. Aadaa Irreechaa keessattis akkasuma marga lalisaa bishaan cuuphuun facaasu. Kun kan agarsiisu bishaan jireenya taa’uusaati. Mallattoo jiraachuutisi. Marga lalisaa harkatti qabatanii turan mallattoof akka ta’uuf achuma kaa’u malee waaqeffannaa addaa tokkollee hinqabu.

Jechisaanii kun ammoo kan seenaarratti hinhundoofneefi qo’annoodhaan hindeeggaramneedha. Oggaa yaa Waaq jedhan kan galateeffatan Waaqa malee lagicha miti. Lagicha kan uume Waaquma mataasaati. Galata kan dhiyeessan Waaqa lagicha uumeefi. Margichaafi abaaboo qabatan dabalatee waan lubbuu qabus ta’e hinqabne kan kenneef Waaqayyoo galateeffatu malee uumama miti.

Marga lalisaa bishaan cuuphanii kan facaafamuuf akka galateeffannaaf mallattoo ta’uufi. Galannnisaaniis ta’e kadhaansaanii akka jiidha hindhabneefi. Bishaan ammoo namas ta’e loon kan jiraachisuu danda’u bu’uura jireenyaati jechuuf Waaqa waan bu’uura jireenyaa ta’e kana kenneef irradeddeebiidhaan galateeffatu. Yeroo ittaanuttis omisha gaarii akka kennuufiif nikadhatu. Waliigalaan Irreechi sirna galanni ittidhayaatuudha.

Tokko tokko harkasaanii namoota kaanirra kaa’anii oggaa kadhatan ykn fannoo dhungachiisan bakka bu’ummaansaa Waaqayyo ta’uu yaaduun ta’uun kan beekamuudha malee Waaqeffannaa ormaa akka hintaane Irreechaanis sirnasaa keessatti kan Waaqayyo ittigalateeffatamuudha.

Bariisaa: Akka Irreechi madda turizimii ta’uuf eenyurraa maaltu eegama?

Pirofesar Tasammaa: Irreechi akka hinkabajamneef sadarkaa mootummaafi moototaatti dhorkamaa ture. Irreechi durumaa qabee kabajamaa kan tureefi aadaa qulqulluu waan ta’eef qo’annoof ittifayyadamu. Turistoonni ammoo aadaa akka Irreechaa qo’annoodhaan deeggarame ilaaluuf hawwu. Akkuma beekamu Irreecharratti kan mul’atu uffannaafi haala dhiyeessii nyaatawwan adda addaati. Meeshaaleen aadaa gara garaas nimul’atu.

Sababuma kanaan qalbii turistootaa hawwata. Turistiin aadaa kana ilaaluufi irratti hirmaachuuf gara biyya keenyaa waan dhufaniif turizimii olkaase jechuudha. Kanaaf Irreechi madda turizimii isa guddaadha jechuudha. Kun ammoo abbaa aadichaas ta’e biyyaaf faayidaa olaanaa argamsiisa.

Bariisaa: Sirna kabaja ayyaana Irreechaa keessatti galanni Waaqa Gurraachaaf kennama jedhama. Waaqa Gurraacha jechuun maal akka ta’e otoo nuu ibsitanii?

Pirofesar Tasammaa : Waaqni Gurraachi agarsiistuu qulqullinaati. Gurraachi kabajamaa ta’uu kan agarsiisuudha. Waaqayyo Gurraacha kan jedhaniif qulqullummaasaa agarsiisuufi. Waaqayyo hafuura. Kanaafuu hinmul’atu. Waan gurraacha ykn dukkana harkaan qabachuun hindanda’amu. Dhoksaadha. Kanaafuu, Waaqayyo bakka hunda kan jiruudha. Kan yoomiyyuu ittiqaqqabuun hindanda’amneefi humna qabeessa jechuufi.

Bariisaa: Duudhaa guddaa Irreechaa caalaatti kan waloofi hammataa gochuuf eenyurraa maaltu eegama? Keessumaa hayyoonni seenaa akka keessaniirraa maaltu eegama?

Pirofesar Tasammaa: Miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko oggaa aadaa Irreechaa waan hintaane wajjin walqabsiisan mul’atu. Kun ammoo tattaaffii aadicha kan hundaa gochuuf taasifamaa jirurratti dhiibbaa qabaata. Kanaafuu, aadaan Irreechaa waaqeffannaa ormaa akka of keessaa hinqabne barsiisuu barbaachisa.

Keessumaa miidiyaan humna guddaa waan qabuuf isa sirriifi dhugaa ummata biraan gahuu qaba. Keessumaa qaamoleen waa’ee Irreechaarratti haala hinmalleen barreessaniifi dubbatan waa jiraniif seenessa sobaa akkanaa sirreessanii ummataaf dhiyeessuu barbaachisa. Aadaan Irreechaa hanga har’aatti turu kan danda’eef duudhaalee gaarii waan of keessaa qabuufi.

Oromoon amalumasaatiin hammataadha. Aadaa hawaasa kaanii kan dhiibu miti. Ummata duudhaa guddifachaafi moggaasaatiin jiraateedha. Sirna Gadaa kan hordofu waan ta’eef jaarmiyaalee guguddoo of keessaa qaba.

Gamtaa hawaasa kaan wajjin qabus har’a kan dhufe otoo hintaane durumaa qabee kan tureedha. Kanaafuu, aadaan Irreechaa Oromoon kabaju Waaqayyo galateeffachuun ala kan faallaa kanaa dhaabate miti.

Hunduu amantaa ofiisaa qaba; aadaan ammoo kan walooti. Aadaan ni dhaalama. Hunduu ayyaana kana Oromoo wajjin kabajuuf yoo dhufe waan walfalleessu hinqabu. Sababiinsaas Irreechi aadaa tokkummaa, nagaafi waantota gaarii ta’aniif kan dhaabate waan ta’eefi. Irreechi kan galateeffatuufi abdatu Waaqa.

Kanaafuu, hayyuun barreessuufi barsiisu hundi sirriidha jedhanii goolabuun hindanda’amu. Garuu waan hintaane barreessanii ummata dogoggorsuun sirrii miti. Kana malees hojiisaaniif wabii sirriin waan hinjiraanneef amanamoo mitin jedha.

Irreecha keessa sobni hinjiru. Hafuura keessa taa’anii kan galateeffatan Waaqa. Irreechi aadaa daran badhaadhe waan ta’eef jibbamuu hinqabu. Kan Oromoo qofa jedhamee dhiibamuus hinqabu. Qaamoleen dhimmicha siyaasa gochuuf fedhan garuu hinjiran jechuun hindanda’amu.

Dhumarrattis ergaan dabarsu barbaadu Irreechi amma kabajamaa jiru gara fuulduraattis nageenyummaafi qulqullummaasaa eegee akka ittifufuufi kabajamuuf hunduu qoodasaa bahachuu qaba kan jedhuudha.

Ummanni sirna kabajamaa kanarratti hirmaatu fakkeenya nageenyaa ta’uun irraa eegama. Dhimma nageenyaarratti warra kaaniif fakkeenya ta’uu qaba. Dargaggoonni, ga’eessonniifi maanguddoonni ayyaanicharratti hirmaatan akkuma haala umriisaaniitti walkabajuu qabu.

Keessumaa dargaggoonni hangafootasaaniif kabaja kennaa naamusa eeganii ayyaanichi mudaa tokko malee nagaqabeessa ta’ee akka xumuramuuf qoodasaanii bahachuu qabu.

Keessumaa keessummoota miira, “Aadaan keessan aadaa keenya” jechuun ayyaanicha kabajuuf dhufaniif ulfina kennuun dagatamuu hinqabu. Kunis keessummoonni kunniin yeroowwan ittaanattis irra deddeebiin akka dhufan waan taasisuuf ga’eesaanii gumaachuu qabu.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Pirofesar Tasammaa: Isinis carraa naa kennitaniif ulfaadhaa.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You