Irreechaafi uffannaa aadaa Oromoo

Finfinnee: Uffatni Aadaa Oromoo safuufi duudhaa Oromummaatiin qophaa’uu akka qabu Dizayinarootni uffata Aadaa beeksisan.

Dizaayinarootni kunneen turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, ummatni Oromoo fedhiin inni uffannaa aadaasaatiif qabu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Haaluma walfakkaatuun dhaabbileen uffata aadaa Oromoo qopheessanis baay’innisaanii dabalaa jira.

Uffatni qophaa’us ammayyaa’aa jira jedhanii; dhaabbileen uffata qopheessan tokko tokko garuu, ammayyummaafi bareedina uffatichaa malee aadaa Oromoo faana hidhata uffatichi qabu yaada keessa osoo hin galchin qopheessanii gabaadhaaf dhiyeessaa jiru.

Hundeessaafi Abbaan Qabeenyaa Lammii Dizaayinar Lammii Guddataa akka jedhanitti, uffanni aadaa Oromoo gabaa biyya keessattis ta’ee gabaa alaatti baay’ee barbaadamaa jira. Keessumattuu yeroo cidhaafi ayyaana Irreechaa gabaansaa daran dabala. Hojii dhabdoota hedduufis hojiin uffata aadaa Oromoo carraa hojii uumaa jira.

Hojiin uffata aadaa hojii daldalaaf qofa hojjetamu osoo hintaane hojii eenyummaa ofii beeksisuuf hojjetamu ta’uu himanii, yeroo ammaa galteewwan uffata aadaa hojjechuuf oolan gatiinsaanii gabaarratti dabaluurraan kan ka’e gatiin uffata aadaa dabalaa jiras jedhaniiru.

Waggoota kudhanii oliif Finfinnee naannawaa Mujjaa(Shiroo Meedaatti) hojii dizzaayiniifi gurgurtaa uffata aadaa Oromoo hojjechaa kan turan ta’uu himanii; hojii kanaan namoota shaniif carraa hojii kan uumaniifi jiruufi jireenyasaanii foyyeffachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Mootummaa jijjiirramaa dura naannawa Muujjaatti hojii uffata aadaa Oromoorratti bobba’uusaaniirraa kan ka’e dhiibbaan isaanirratti taasifamaa kan ture ta’uu yaadachiisanii; yeroo amma dhibban jiraachuu baatus qixa barbaadamuun hojicha hojjechuf dhaabbileen uffata aadaarratti bobba’an mootummaarraa deeggarsa barbaadu jedhaniiru.

Dhaabbileen kunneen galiisaanii dabaluuf qofa osoo hin taane sabaaf hojjetu waan ta’eef, mootummaan walitti hidhamiinsa gabaafi jajjaabeessituuwwan garaagaraan akka isaan jajjabeessu dhaamsasaanii dabarsaniiru.

Haaluma aalfakkaatuun Haati qabeenyaa Kakuu Dizaayinar Kakuu Taammiruu akka jedhanitti, uffanni aadaa Oromoo bal’inaan ammayyoomee hojjetamaa jirus, baay’ina uffata aadaa Oromoon qabu waliin yoommuu ilaalamu uffannaawwan godinoota Oromiyaa hunda ibsan qopheessuun gabaaf dhiyeessuudhaaf ammallee waan baay’etu hafa.

Uffata aadaa gara gabaa alaatti karaa tajaajila Poostaa Itoophiyaa ergaa kan jiran ta’uu himanii; yommuu karaa tajaajilichaa uffata alatti ergan kaffaltii guddaa waan gaafatamaniif mootummaan rakkoo namoota hojicharratti bobba’an ilaaluun deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf Aadde Kakuun waamicha dhiyeessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Finfinnee keessatti beekkamtiifi gabaan nyaata Aadaa Oromoos yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jiran ta’uu namootni daldalasaarratti bobba’an ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You