Irreechi Ayyaana Oromoo hundaati

Finfinnee: Irreechi Ayyaana saba Oromoo maraafi qabeenya waloo ta’uu Abbootiin Gadaa beeksisan

Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa yaada Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Irreechi guyyaa galateeffannaa Oromooti, ganni dhoqqee, lolaafi rooba waan qabuuf, akka garaatti manaa bahanii galuuf fira ofii gaafachuuf rakkoo waan ta’eef ganni dukkanatti fakkeeffama.

Kanaaf, hawaasni Oromoo yeroo Waqtii Gannaatii gara Birraatti cehu baga nagayaan ganna baate waliin jedha. Waaqa nagayaan bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa baase gamtaadhaan galateeffachuuf waqtii Birraaf immoo Waaqasaa kadhachuuf malkaatti walgahe Irreecha kabaja.

Yommuu kadhatus mataasaatif qofa osoo hin taane biyyaaf, lubbu qabeeyyiifi lubbuu dhabeeyyii hundaaf, walumaagalatti, uumama hundaaf kan kadhatu ta’uu himanii; Ayyaanni Irreechaa duudhaafi safuu waan qabuuf kadhannaan taasifamuus karaa duudhaafi safuusaatiin yoo taasifameen alatti dhageetti hin argatu jedhaniiru.

Irreecharratti qofa osoo hin taane Oromoon waan hundarratti safuufi safeeffannaa qaba. Irreeffannaadhaaf Abbaa Malkaa dura malkaa hin bu’an, Abbaan malkaas irreeffachuun dura malkaa irreechaa qulqulleessuu qaba.

Irreechi ayyaana Oromoo maraati malee qomoo tokkoo miti jedhanii; Irreecha amantiifi siyaasatti dhiibuun sirrii miti. Sababa hubannoo dhabuufi itti yaadanii irreecha balleessuuf yaaduutiin irreecha gartokkotti dhiibuun ni mul’ata.

Irreechi nagaya, namni irreecha kabajuuf deemu jalqaba mataasaatti,araaramuun maatiifi ollaasaa gidduutti nagaya buusuun, nama kam faanallee muuffii hin qabu yoo ta’e, nama isatti dhiyaatu waliin eebbifatee manaa baha. Kun ammoo irreechi namoota dhuunfaa gidduuttis ta’ee biyyaaf nagaya buusuuf gahee guddaa akka taphatu taasisa. Kanaaf, Irreechi mallattoo nageenya, jaalalaafi tokkummaati jedhama.

Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Afran Qalloo Abdurrazaaq Ahimad gamasaanitiin akka jedhanitti, namni Ayyaana Irreechaa kabajuuf manaa bahu nama hundaaf gaarii hawwuun, bineensa bosonaafi uumama hunda kunuunsuu kabajuu akka qabu duudhaan irreechaa ni dirqamsiisa.

Oromoon tokko ta’us akkuma lakkuun tokko uffata garaagaraa uffatu Oromoon godinoota garaagaraa aadaa uffannaa garaagaraa qaba waan ta’eef dirree wal argaa Oromoo kan ta’e ayyaana irreecharratti wal argee aadaasaa waliin addunyaatti mul’ifata.

Abbaan Gadaa Walloo Ahmad Mahaammad gamasaanitiin akka jedhanitti, Wallootti irreechi sirnoota darbaniin akka badu taasifamaa turus ijji baddu iddoon ijaa hin baddu akkuma jedhamu dhiibbaa taasifamaa ture dandamatee har’a gaheera.

Mootummaa jijjiirramaa boodammoo Aanaalee godina Addaa Saba Oromoo hunda keessatti bifa hoo’aa ta’een kabajamaa jira. Gara fuulduraatti ammoo guutummaan Walloo seenaa keessatti itti irreeffachaa ture “Caffee Aartutti” Ayyaana irreecha kabajuuf hojjetamaa jira.

Haati Siinqee Arsii Nuuree Wanfar- Waaqoos gamasaaniitiin akka jedhanitti, Hawwan siinqee gara malkaa osoo hin deemin manaafi ollaasaaniitii jalqabanii namootni gadoo qaban akka akka walii dhiisan taasisu.

Hawwan Siinqee daraaraa keelloo, Siinqee, okolee, caaccuu, calleefi meeshalee Oromoo biratti ulfoo ta’an kanneen biroo qabatanii faaruu faarsa gara malkaa irreechatti imalu. Yeroo irreechaatiin alattis yeroo hongeen uumame, yeroo dhukkubni hamaan hawaasarratti mul’ate, akkasumas yeroo waraanaa meeshaaleen kunneen qabatanii malkaa deemuun Waaqa kadhatu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You