Irreechi tokkummaafi obbolummaa cimsuun haaromsa aadaa dhugoomsuuf shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Ayyaanni Irreechaa tokkummaafi obbolummaa cimsuun haaromsa aadaa mirkaneessuuf gumacha olaanaa akka qabu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu ibsan. Irreecha bara 2017 sababeeffachuun foramiin Finfinnee, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kaleessa gaggeeffameera. Aadde Jamiilaan haasaa foramicharratti taasisaniin, Irreechi duudhaalee obbolummaafi tokkummaa cimsaa haaromsa aadaa eegalame galmaan ga’uuf gummacha olaanaa qaba. Oromoon Irreecha hambaa kiliyaa kan ta’e addunyaaf gumaachuu himanii; addunyaatti akka beeakamuuf malkaawwan duraan cufaman murtoo mootummaa jijiiramaatiin akka saaqamaniifi akka beekaman taasifamuu eraniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas misooma aadaa, seenaa, afaaniifi artii ummataa guddisuuf jijjiirama addaatiin hojjetaa jira. Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa foramiin kaleessa gaggeeffame isa tokko jedhan. Hojiiwwan hojjetamaa jiran dinqisiifachaa kan hafeef tattaafachuu akka barbaachisu himanii; Irreechi iddoosaatti deeb’ee akka gaggeeffamuuf namoota aarsaa kaffalaniif galatatu ta’a jedhaniiru.

Beekumsa xabboo Oromoo misoomsuudhaan dhaloota sabboonummaa isaan boonee biyya keessatti ga’eesaa taphatu hundeessuuf ijaarsi pirojektii giddugaloota aadaa Magaalaa Finfineefi bakkeewan garagraatti qarshii biliyoonotatti lakkaa’amuun ijaarsisuuf hojii bal’aan hojjetameera. Ijaarsoti kunneenis haaromsa aadaa taasifamaa jiru keessaa isa tokko jedhan.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa mootummaan jijjiiramaa cabiinsa duudhaafi aadaa sabootaa, sablammootaafi ummattootaa murtoo looreetii addunyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin iddootti akka deebi’u taasifameera jedhan.

Yeroo ammaa Irreechi kan Oromoo qofa ta’uurra darbee kan hundaa ta’uun waggaa ja’affaaf iddoosaatti deeb’ee kabajamuu danda’ameeraa, baga gammaddan jedhaniiru.

Irreechi ayyaana duudhaafi aadaa irraa calaqqisuun waan gaariin itti walii hawwamuufi ayyaana ce’eumsaa ta’uu himanii; garaagarummaa amantaan olta’ee kabajamaa jiraachuus Aadde Jamiilaan eeraniiru.

Kanaaf, ayyaaneffannee galuu qofa utuu hintaane kan ittiin jiraannu, ittiin bulchinu, aadaafi duudha dhokataa ifa baasuun haaromsa aadaa ittiin mirkaneessinuudha jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebees; Irreechi waggoota dheeraaf akka hinkabajamne ta’ee ture mootummaa jijjiiramaatiin iddoosaatti deebi’ee kabajamuu erga eegalee waggoota ja’a lakkoofsisuu yaadachiisaniiru.

Duudhaalee sirni Gadaa qabu keessaa Irreechi isa tokko. Namootni ganna dukkana keessaa walirraa fagaatanii turan walarguun nagaafi waan gaarii kan ittiwaliif hawwaniidha. Hawwii gaariin walii hawwan nagaa, jaalalaafi tokkummaa cimsuun yeroo amma Irreechi ummata Oromoo bira darbee walittidhufeenya lammiilee caalaatti cimsuun mallattoo tokkummaafi obbolummaa ta’aa jira jedhan.

Ayyaanichi haaromsa aadaa jalqabameef gumaachaa jiraachuus himanii; ayyaannichi duudhaasaa eegee akka kabajamuuf balbalawwan Finfinneen qabdu hundaan simannaan keessummootaa taasifamuu eeraniiru. Misoomni kooriidarii magaalichaa miidhagina ta’uu bira darbee turizimii guddisuun biyya utubaa jira jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You