“Kabajamaa Ummata Oromoo, baga bacaqii gannaa hofkoltee, booqaa birraatti baate” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD

Irreechi araara; araara Waaqatu jaalata. Warri wallole haaloo qabatee malkaa hinbu’u. Irreechi hormaata-quufa! Irreechi galata! Irreechi lataadha! Lataan margaa kabajaa, jaalalafi hawwii gaarii bakka bu’a. Birraan cehumsa; waan darbe duubatti dhiifnee abdiifi waan haarawatti qulqullummaan ceena.

Kanatu duudhaa sabaa keessaa goobanee muldhata. Oromummaanis kana nu barsiise. Irreechi tokkummaadha. Irreechi walooma. Malkaa irreechaarraa namni hafuufi duubatti harkifatu hinjiru. Duudhaan abboonnifi aayyonni keenya guduunfanii nudhaalchisan loogii hinqabu. Namni hundi walqixa; namummaanis nama malee hiikaa hinqabu jedhee dhugeeffata Oromoon. Malkaafi madda Waaqni uumerratti Oromoofi saboonni Itoophiyaa  walgahu. Kun obbolummaadha.

Danummaa Oromoon qabu kan uffannaa, kan tolfannaafi faayaa qofa osoo hintaane, danummaa Itoophiyaan ittiin beekamtutu malkaa irreechaa gubbaatti walgaha. Kun walsimannaafi kabajaa akkasumas hawwii gaarii saboonni biyya keenyaa waliif qaban hawaasa addunyaatti agarsiisa. Obbolummaan keenya jechaan osoo hintaane gochaani; ormarraa dhageenyee osoo hintaane itti dhalanne; ilkaan itti buqqifanne; aarrii itti filanne; jireenya keenya.

Akka alaa nu ilaalan osoo hintaane; akka isa keessa keenya jirutti tokkummaa sibiilarra cimuun walbira yoo dhaabanne, warra diiggaa keenya farrisaa oolan qaanessuu itti beekna. Seenaa keenyatu kana hima. Oromoon gaafa tokkummaa uumama kaaniin walbira qabee Waaqasaa kadhatu:

“Yaa Waaq:

Ijaartee nundiigin,

Kabaa nunbuqqisin,

Garaa na’uu nu oolchi,

Ijaa boo’uu nu oolchi,

Gargar ba’uu nu oolchi,

Nu dhaabi akka mukaa!!”

jedhee Uumaasaa kadhata. Tokkummaa ititee, dagaagee akka mukaatti lafa qabate Waaqaan naaf kenni jedhee kadhata. Kadhaa kana keessa kan hundaa olii Waaqatu jira; safuutu jira; uumamatu jira. Hariiroo ilmi namaa Waaqa faana, uumama biroo faana qabu kadhaa Waaqaa kana irraa hubanna.

Oromoon dhaha yookaan hennaa beeka. Lafa taa’ee tartiiba urjii yookaan buussaniifi ji’aa hubachuun ayyaana lakkaaha. Kun kennaa addaati. Dhaha urjii beekuun ofiifuu dhaha barbaada; qaroomina barbaada; fageessanii yaadanii dhiheessanii nama biraa hubachiisuu barbaada.

Dhaha urjii beekuun guyyaa beekuudha; ji’a beekuudha; baraafi Gadaa beekuudha; seenaafi taatee beekuudha. Gannaafi bona beekuudha; galata Waaqaafi humnasaas beekuudha. Beekumsi xabboo Oromoon muuxannoon kuufate, akka ogeessa raaga haala qilleensaa waytii adda qoode akka amala isaatti akka bulu isa gargaare.

Oromoon ogeessa hariiroo ji’aafi urjiiti; tartiibaafi hiriira isaanii ilaalee waan keessa darbe xiinxaluun waan itti deemu tilmaama; beekumsa dhahaatu kana. Sirni Gadaa bu’aa dhahaati; bu’aa argaa-yaadaati. Sirna rakkoofi baldhoo, horiifi hormaataa, jiruufi jireenyaa, hariiroofi olloomaa, tokkummaafi waloomaa, dhugaafi namoomaaf waan hunda muree lafa kaahe. Sirni akkanaa muldhata keessaa waraabama malee, halkan tokkootti waan dhugoomu miti.

Ammallee akka kaleessaa sanitti yaaduu nubarbaachisa; akka kaleessaatti sirna ilmaan namaa hunda baldhinaafi badhaadhinatti baasu ijaaruu qabna. Qaroominni kaleessaa sun ammallee nubarbaachisa. Yaadni hiixataan waan fagoo jiru ittiin gabaabsinu, ammallee baay’ee nubarbaachisa.

Gadaan bu’aa argaa-yaadaati. Oromoon waan isa dhibe hiikkachuuf sirna jabaa barri hinjijjiirre yaadee tolfatee irraa fayyadame. Obboleewwansaa kan ollaasaa bulan argaa-yaadaa kanarraa fayyadamanii jiru.

Gadaan filannoo bara saddeetiin gaggeessuufi yeroo aangoo murtaa’aa godhee, aangoo nagaafi fedhiin walharkaa fuudhuu barsiise; gulantaa tokkoo gara gulantaa birootti cehuuf yeroo qophii akka barbaachisu lafa kaahe; angoofi itti gaafatamummaa birkii, umuriifi koornayaan qooduun haala madaalawaan hunda hirmaachisuufi hawaasatti siqu idileesse; tokkummaa hawaasummaa ijaaruufi nagaa kabachiisuurratti lammiin hundi gahee akka qabaatu mure. Kun bu’aa argaa-yaadaati; bu’aa dammaqinaati; bu’aa hubannaati; bu’aa xiinxalaati.

Mataduree Oromoofi saboota kaaniifis faayidaa hinqabne kan abbaan barbaade faayidaa dhuunfaafi garee galmaan gahachuuf nutti darbaturratti anniisaa keenya fixuurra, akka abaabileefi akaakilee akkasumas abboota keenya kaleessaa kabajaafi jaalala biyyaa qabaannee, rakkinaafi gadadoo bara baraan ittiin waamamnu keessaa mulqannee bahuun badhaadhina hawwinu bira dhaqqabuuf, dhiitee-bariitee hojjachuu qabna. Hireen lama hindeebitu.

Hireen qabnu ammuma. Hiree argamteen hegeree biyya keenyaa har’uma tolchuu qabna. Akka abboota keenyaa humna argaa-yaadaa cimaatu nu barbaachisa. Akkas malee of jala qofa ilaalaa deemuun bu’aa tokkollee nuuf hinbuusu. Fagootti imalla waan ta’eef, fageessinee yaaduu qabna.

Yaada kufaa qabannee waljala dhaabachuun nu hadoocha malee, anniisaa gara fuulduraatti iittiin furguggifamnu nuuf hinta’u. Waan gamaa gamanaa wacniifi qeeqni baay’ateef, abbootiin keenya sirna rakkoo isaaniirraa ka’anii ijaarratan hingatne. Nutis akkasuma; eenyullee dharaan gamaa-gamanaa walitti lallabee iyya sobaatiif waliif birmatullee, waan qabne galmaan geenya malee karaatti hinbuusnu. Imaanaatu nutti kenname; galfatatu nutti kenname.

Galfata galaa godhannee waan eegalle milkiidhaan goolabna. Biiflee meeqa itti dhabnee galfata hin nyaannu. Biyyi keenya haqa qabdi; haqa sabootaafi sablammootaa. Kan darbe irraa waan gaarii fudhanna; waan kan darbe ittiin komatamu sirreessaa akka hinkomatamnetti hojjanna. Walqixxummaafi ija-tokkoon ilmaan namaa ilaaluu Gadaarraa baranna. Ammas uummanni argaa-yaadaa cimaa qabu kun Itoophiyaadhaaf waan caalu uumee waliin irraa fayyadamuu qaba. Biyya addunyaan kabajju tokkummaadhaan ijaaruu qabna. Nagaafi suga biyya keenyaa itichuun qooda hunda keenyaati. Hiyyummaa ofirraa mulqinee gatuuf ammoo argaa-yaadaa cimaa nu barbaachisa. Baga Irreecha bara 2017 nagayaan gessani!

Gadaan quufaa gabbinaa!

Barri kan badhaadhinaa!

Itoophiyaan kabajamtee bara baraan haa jiraattu!

  • Fulbaana 25, bara 2017

Recommended For You