Masqala, Irreecha, waggaa haarawa: Ayyaanota yeroo walitti dhihaataa ta’etti miira walitti dhihaatuun kabajaman

Irreechi jijjiirraa bara haaraatiin kan walqabatuufi lakkoofsa guyyaafi baraatiinis hariiroo kallattii ta’e qabuudha.

Irreechi ayyaana dhugeeffannaa Waaqa uumaafi uumamtoota maraa, tokkicha maqaa dhibbaa, leemmoo garaa taliilaa, waaqa booruu galaanaa kan bacaqii birraa, isa qaqawweefi lolaa doloolloo keessaa nu baasee booqaa birraatiin nu gahuusaatiif galanni ittiin dhihaatuudha.

Sirni kabajaafi galata galfannaa waaqaatiif taasifamu kunis harka caalaa fulbaana 18 irraa eegalee hanga fulbaana 25 kan ayyaaneffatamu yemmuu ta’u, kunis jeeqqarsa qeerroofi qarreeteen dabaalamee bifa miidhagaadhaan kan kabajamuudha.

Waqtiin kun roobni guddaafi duumessi hurriin lafa uffisee qorra gannaatiin guyyaadhaan lafti itti dukkanooftu sun darbee ifa birraafi abaaboodhaan bakka bu’uudha.

Gumgumni qaqawweefi roobni yandoo cabbi’e waqtii gannaatti lafa lolaasee qilleensa diilallaa’aadhaan namniifi bineensi qorra hamaaf saaxilamee ture itti aara galfatu, waqii hawaasni sababa rooba yandoo gannaatiin guuteef galaanni guutee ummanni akkaataa ittiin walarguu dhabee ture walarguu itti eegaluudha.

Waqtiin birraa ga’ee yeroo ayyaanni irreechaa kun kabajamuu eegalutti dubartootnis ta’ee warrootni dhiiraa jeekkarsa mataa mataasaanii kan qaban yemmuu ta’u, warrootni dhiiraa yookiin Qeerroowwan jeekkarsa “Iyyookoo daraa” jeekkara jedhuun kan taphatan yemmuu ta’u, warrootni Qarreen immoo “Iyyo Iyyoo Yaa daraaroo” jedhu taphachaa akka kabajan qorataan aadaafi seenaa Obbo Charinnat Waaqwayyaa nidubbatu.

Kabajni ayyaanota Masqalaafi Irreechaa kun wantoota hedduun walitti kan hidhamu ta’uu kan ibsan qoratichi, ayyaanotni kunniin lameenuu garuu jijjiirraa bara haaraa hordofanii kan kabajaman ta’uunsaaniis wantoota walisaan fakkeessu keessaa tokko ta’uu ibsu.

Akka yaadasaaniitti; ayyaana Masqalaa dursee gaafa Fulbaana 16 ayyaana mijjiriitu jira. Mijjiriin kun mukeen jiidhaa filatamoorraa fudhatamee walittiqabamee dhaabatu yoo ta’u, Mijjiriin (Damaraan) walittikuufamee dhaabbate kun guyyaa ittaanu jechuunis gaafa 17 gara galgalaatti gubata. Sirnichis sirna gubaa Masqalaa jedhama.

Ayyaanni Masqalaa kun xomboora gubuudhaan kan eegalamu yemmuu ta’u, ittaansuudhaan ummatni mana manasaatti xomboora abidda ittiqabsiisee gara iddoo guddaa baay’inaan ayyaanichi itti kabajamu geessi. Faaruufi dhiichisa garaa garaatiin gubaa sana marsaniis taphatu.

Namni hundi hanguma humnasaatti nyaataafi dhugaatii mana manasaatti qopheeffate qe’ee qe’eedhaan gurmaa’uudhaan garee ijaarratee nyaataafi dhugaatii unachaa gaafa Mijjiriin itti gubate sana waliin booharaa waari’u jechuudha.

Halkan gaafa 16 erga sirni gubuu Masqalaa haala kanaan adeemsifamee booda ummatni sirnicha kabaju qe’ee qe’eessaatti bifa gurmuutiin nyaataafi dhugaatii walitti fidee yookiin maallaqa walitti buusuudhaan hoolaas ta’e loon qalmaa bitu. Sirna gubaa Maskalaan booda loon sana qalanii alumatti walitti naanna’anii waddiisaa nyaachaa dhugaatiiwwan gara garaarratti fudhachaa gammachuudhaan ayyaanicha kabajaa halkaneessu.

Bariisaa gaafa Fulbaana 17tti immoo barii sa’aatii 11:00 irraa kaasee sirni kabajaa kun haalota garaa garaatiin kan ittifufu yemmuu ta’u, kunis faaruu ayyaanichaa iyyookoo daree guyyaa gaafa Fulbaana 16 yeroo gubaan Masqalaa gaggeeffamu faarfachaa turanitti deebi’uudhaan faaruu yookiin jeekkarsa birraan bari’uusaa labsu iyyookoo daree jedhu.

“Iyyookoo daree Masqala gubnee daree

Mana ifaa godhii daree, biyya nagaa godhii daree

Birraa mootii ayyaanaa daree, birraan bari’ee daree

Abaaboon dhoo’ee daree”

Jechaa birraan bari’uusaafi dukkanni gannaa sun ifuu, qorri darbee ho’i dhufuusaa faaruufi walaloowwan garagaraatiin ibsatu jechuudha.

Miidhagina ayyaana Masqalaa kana keessaa inni tokkoofi guddaan sirni gubaatiisaa kun nama dhuunfaatiin xombora tokko tokkoon mana manasaatti erga eegalee booda maatiisaa waliin xombooricha baatanii iddoo sirni gubaa sun itti raawwatamu geessu. Haaluma kanaan xomboorriwwan xixiqqoon namni hundi mana manasaarraa ibidda itti qabsiisee gara dirree Masqalaatti geessu. Kun yeroo bakka sirni gubaa itti raawwatamutti walitti qabamu humnaafi ifa guddaa kan uumudha.

Haalli kun ayyaanichi mallattoo tokkummaafi miidhaginaa ta’uu kan agarsiisu yemmuu ta’u, ifni abiddaa xixiqqoon ummanni mana manasaatii harkatti qabatee bahu sun iddoo tokkotti yemmuu walga’u ifa guddaafi miidhagina addaa waan uumuuf duudhaan tokkummaa kun hangam humma guddaa ta’e tokko uumuuf kan nama gargaaru ta’uu ibsuudhaaf kan barbaachisuudha.

Mukni gubaa Masqalaatiif oolu kun muka ta’ee qofaaf osoo hintaane, gosoota mukaa filatamoo sirna gubaatiif barbaachisan jiraachuusaanii kan kaasan qorataan aadaa Obbo Charinnat, akaakuun mukeen kanneenii muka laaftoofi bakkaniisa akka hammatu ibsu.

Kanaaf yeroo mijjiriin gubaaf qophaa’u kanatti muka jiidhaa laaftoofi bakkaniisaa kanatu sanyii midhaanii cafa’ee jiru isa lafaa ol biqilee garuu hingeenye keessa dhaabama.

Sababiin mukni laaftoo filatamuufis akka dhugeeffannaa Oromootti laaftoon hamaafi hamtuu nurraa dhorgi’ jedhamee kan ittiin waaqa uumaa kadhatamu waan ta’eefi. Hamaafi hamtuun waraana, balaa uumamaafi namtolchee kan dabalatuudha.

Ayyaanotni Masqalaafi Irreechaa kunniin karaalee hedduun walitti hidhamiinsa gargar baasuuf daran ulfaatoo ta’an kan qaban yemmuu ta’u, gaafa Mijjiriin Fulbaana 16 galgala gubatee daaraansaa lafa bu’etti birraan bari’uusaa agarsiisa. Birraan bariinaan Irreechi dhufuusaa mirkaneessa waan ta’eef hidhata guddaa qabu.

Haa ta’uu malee namootni hedduun ayyaana Irreechaa malee ayyaanni Masqalaa kun akka waan ayyaana Oromoo hinta’iniitti yemmuu kaasan ni dhagahamu. Kun dogoggora guddaadha. Akkuman duratti ibsuuf yaale ayyaanni gubaa Masqalaa sirnoota hedduun Irreechaan walitti hidhamee akka kabajamu tartiibaan kaa’ameera. Kanaafuu, rakkoo hubannoo odeeffannoo guutuu dhaburraa maddu yoo ta’e malee ayyaanichi duudhaa Oromoo keessa kan jiruudha.

Haa ta’uu malee adeemsa sirna siyaasaafi hacuuccaa sabichi sirnoota gara garaatti dabarseen akkuma aadaafi afaan ofiitiin dhimma bahuun ulfaataa dhufe ummannis aadaasaa kana sirnaafi afaansaatiin kabajachuurratti qaawwi uumamaa waan tureef ayyaanichi kan Oromoo osoo hintaane, kan warra biraa akka fakkaatuuf sababa ta’uu danda’eera.

Yeroo hunda waqtiin gannaa dhumee yemmuu birraan seenutti ayyaanotni kabajaman, miciree yookiin damaraarraa kaasee, hanga Irreechaatti sirnootni raawwataman hundi hariiroo walitti hidhataafi addaan baasuun hindanda’amne qabu. Kanaafuu, namootni ayyaanni Irreechaa kun kan Oromoo ta’uu amanan Masqallis akkasuma ta’uu sababni shakkaniif hinjiraatu jechuudha.

Walumaagalatti; ayyaanotni jijjiirraa bara haaraarraa eegalanii hanga mijjiriifi Irreechaatti jiran ayyaanota Itoophiyaatti kabajaman keessaa isaan guguddoo; yeroo walitti dhiheenya qabu keessatti haala daran walittihidhamiinsa qabaniin kabajaman waan ta’aniif tokkummaa ummattootaa ittiin mirkaneessuufis hedduu kan gargaaran waan ta’aniif kunuunsanii dhalootaaf dabarsuun murteessadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You