“Kubbaa miilaa Oromiyaa fakkaatu ijaaruu qabna”- Obbo Firoomsaa Laggasaa

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti ispoortii kubbaa miilaa ummata Oromoo madaalu ijaaruuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti bara 2017 Oromiyaatti ispoortii kubbaa miilaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Oromiyaatti sadarkaalee adda addaatiin kilaboonni kubbaa miilaa 90 socho’aa jiranis liigii piriimeerii Itoophiyaa keessatti hirmaachaa kan jiran garuu lama qofa. Rakkinni kanaas akkaataa gurmaa’insaati jedhan.

Kilaboonni naannichaa guutummaatti bulchiinsa magaalotaa jala waan jiraniifi galii mataasaanii waan hinqabneef maqumaaf hundaa’anii yeroo gabaabaa keessatti waan diigamaniif ispoortii kubbaa miilaa Oromiyaarratti dhiibbaa guddaa uumuu ibsaniiru.

Naannichatti bu’uuraalee misooma ispoortii babaldhisuuf yeroo baay’ee mana marii ispoortii naanichaatiin bajanni qabamus qaamni hojjiirra oolchu waan hinhordofneef diigamuu kilaboota hedduutiin sababii ta’uu eeraniiru. Haata’u malee hoggansi haaraan amma jiru ispoortii kubbaa miilaafi kaan naannicha keessatti babaldhisuudhaan maqaa olaanaa Oromiyaan kanaan dura kubbaa miilaatiin qabdu waamsisuuf kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu  eeraniiru.

Bara haarawaa kana pirojektii kubbaa miilaaf xiyyeeffannaan kenname manneen barnootaa, yuunivarsitotaafi koolleejjota naannichatti argamanitti dargaggoota guddattoota leenjisuuf qophiin duraa xumuramuu Obbo Firoomsaan ibsaniiru.

Hojii kana fiixaan baasuuf federeeshinichi ogeessota ispoortiif leenjii leenjisummaafi murtee kennummaa kennuusaa muldhisaniiru.

Naannichatti manneen hojii mootummaa, warshaaleefi abbootiin qabeenyaa kilaboota guddattoota akka hundeessan gaaffiin dhihaatus baay’eensaanii rakkina bajataatiin humna hinqabnu jechuudhaan eeyyamamoo akka hintaanes beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You