Hoggansi yeroo kamuurra miira tajaajiltummaatiin hojjechuu qaba

Utubaawwan ce’umsa biyyaa hirmaannaafi qindoomina olaanaan milkeessuun Itoophiyaa badhaatee uumuuf hoggansi yeroo kamuurra miira tajaajiltummaan bu’aa qabeessummaaf hojjechuu akka qabu Ministirri Muummeefi Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.

Paartiin Badhaadhinaa guyyoota 12n darbaniif Adaamaatti leenjii ijaarsa dandeettii hoggantoota olaanaa paartichaatiif kennamaa turerratti Doktar Abiyyi Ahmad kallattii kennaniiru.

Paartichi mataduree, “Humna mul’ataa guddina olaanaaf” jedhuun hoggansa olaanaa sadarkaa naannolee, bulchiinsa magaalotaafi dhaabbilee federaalaarraa walitti babba’an kuma lamaaf dhimmoota faayidaa hawaas-dinagdeefi siyaasaa badhaadhina Itoophiyaa boriifi dhaloota egereef haala mijataa uumuu danda’anirratti leenjii kenneera.

Hoggantoonni yeroo sirnaan fayyadamuun rakkoo ummataa sadarkaan jiru furuun olka’iinsa Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessuuf leenjii dandeettii itti horatan ta’uu eeraniiru.

Egeree Itoophiyaa ijaaruuf hubannoo dandeessisu kan itti argatan ta’uu ibsaniiru.

Leenjichi biyya jijjiiruufis ta’e qabeenya horachuuf hoggantoonni naannolee biyyattii, magaalotaafi dhaabbilee federaalaa ergama  paartiirratti hubannoo gahaa gonfachuun bu’aa fooyya’aaf akka tattaafatan akka gargaaru kaasaniiru.

Hoggantummaan of kennuu, garaa bal’achuufi kaayyoo milkeessuuf murannoo kan gaafatu ta’uus eeraniiru.

Leenjiin hoggantoota olaanaaf kennamaa ture amalootaafi qajeeltoowwan ijoo hoggansummaa sirnaan akka hubatan kan taasise, jijjiirama saffisaafi bu’aa jajjabeessaa galmeessuuf dandeettii uumuu ibsuusaanii odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa paartichaarraa argame nimul’isa.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You