Irreecha mallattoo nageenyaafi araaraa

Biyyi keenya torbee har’aafi boruu, Fulbaana 25fi 26 bara 2017 Finfinneefi Bishooftuutti cidha guddaa qabdi, cidha cidha ayyaana galateeffannaa Irreecha Finfinneefi Harsadii.

Irreechi akka aadaatti sirna kadhaafi galata Waaqaaf taasifamu kun magaalota kanneenitti haala miidhagina addaa qabuun saboota, sablammootaafi ummatoota biyyattii bal’inaan hirmaachisuun kabajama.

Kadhaafi galanni taasifamu kunis iddoofi yeroon kan murtaa’eedha. Irreechi iddoowwan adda addaatti yoo gaggeeffamellee isaan guguddaan kanneen iddoowwan lamatti raawwatamaniidha. Isaanis Irreessa Tullufi irreessa Malkaati.

Irreechi Malkaa kan raawwatamu yeroo akkamaa kana tibbi gannaa xumuramee seensa baatii birraa ykn jiddugala baatii Fulbaanaatti. Yeroo kana Malkaafi Hora guguddoorratti bahuun sirni Irreechaa raawatama. Baatiin Fulbaanaa jalqaba birraa yoo ta’u, yeroo baay’ee guyyaan kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama.

Iddoowwan tokko tokkotti guyyaan Irreechi kabajamu guyyaa “xaddacha saaquus” ni jedhama. Kunis akka Oromootti wayitii darbe namoonni galaanaan addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa galataafi gammachuutti fudhatu.

Oromoon Ayyaana Irreechaa kana waggaa waggaan, “Waaqa nu uume kadhana! Uumamaan Uumaa raajjeeffanna!” jechuun aadaa uffataa nyaata, qabachuun akkuma aadaasaatti Waaqasaa galateeffata faarfata.

Irreechi Aadaa galateeffannaati. Aadaan ammoo ibsituu eenyummaa dhala namaati. Kanaaf dhaabbilee sirni Gadaa Oromoon ijaare keessaa Irreechis isa tokko. Irreeffachuun galateeffachuudha. Galanni immoo Uumama qabachuun Uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoon margaa jiidhaafi abaaboo qabatee Malkaa bu’eefi Tulluu yaabee irreeffata.

Ummanni yeroo gannaa dheeraa bakkuma jirutti dabarsu gaafa birraan bari’ee bakka hora obaasuutti walargu afoolasaa kanneen akka faaruu looniifi kkf waliin dhandhamee bashannanaa ture. Haaluma kanaan, yeroo horri saaqamu safuusaa guuttatanii hora eebbaan saaqu jedhu akka hayyuun aadaafi seenaa Oromoo Obbo Alamaayyoo Hayilee barreessanitti.

Egaa, ayyaana mallattoofi ibsama, jaalalaa tokkummaafi waloominaa akkasumas qabeenya ummata Oromoofi biyyaa ta’e kana haala duudhaafi safuusaa eeggateen kabajuuf qaamolee gara garaatiin qophii cimaan taasifamaa jira.

Irreechi duudhaafi haala ittiraawwatamu qaba. Akka abbootiin Gadaa jedhanitti, Irreechi araara, nageenya, jaalalaafi walooma waan ta’eef osoo malkaa hindeemiin dura araara buusuu, jaalala uumaafi uumamatti agarsiisuun manaa eegaluun sadarkaa biyyaatti tarkaanfachuu qaba. Sirnichi abbootii Gadaatiin eebbifamee Abbaa Malkaatiin saaqama.

Haaloofi cubbuu garaatti qabatanii kadhaaf malkaa bu’uun hiika hinqabu. Osoo malkaa hinbu’in dura jibbi jaalalatti, waldhabbiin araaratti jijjiiramuu qaba. Akkuma jedhame otoo Abbaan Malkaa hinsaaqiin dursanii irreeffachuun aadmaleedha.

Hirmaattonni ayyaanichaa wayita gara bakka Irreeffannaatti imalan haala uffannaa, nyaataafi dubbannaasaatiin duudhaa safeeffachaa, wareegamtoota yaadachaa nagaafi jaalalaan ta’uu qaba.

Oromoon hammataa ta’uu maddiitti Irreechis qabeenya biyyattii waan ta’eef haala guddummaa Oromoo, tokkummaafi jaalala ibsuun ayyaanicha kabajuufi irrattis hirmaachuun dhimma daran hubannoo argachuu qabuudha.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You