Carraawwan maddoota Turizimii Shaggariifi ayyaanota

Maddootaafi iddoowwan hawwata turizimii biyyatiin qabdu misoomsuufi fayyadamuun turistoonni biyya keessaafi alaa akka dawwatan gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Keessumaa Oromiyaan qabeenya turizimii uumamaafi namtolcheetiin badhaatuudha. Qabeenyawwan turizimii uumaan nu badhaase misoomsuufi beeksisuudhaan eegnee, kunuunsinee dhaloota ittaanutti dabarsuun murteessaadha.

Qabeenyawwan hawwata turizimii uumamaafi namtolchee qabnu misoomsuufi beeksisuudhaan madda galii taasisuudhaan guddina dinagdee keenyaa utubuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira.

Bu’aan gama kanaan argamaa jiru kan hubate nootuummaan naannichaa KomishiniI Turizimii Oromiyaa hundeessuun, iddoowwan hawwata Turistii naannichatti argaman misoomsuufi babal’isuun hojii dhabeeyyii hedduuf carraa hojii uumuuf hojjatamaa jira.

Magaalaan Shaggaris, haala teessuma lafaa qabdu, qabeenya uumamaafi namtolcheedhaan kan badhaateedha. Iddoowwan hawwata turizimii magaalattiin qabdu keessaa Paarkii Biyyaaleessaa Bosona Subbaa, simbirroowwan adda addaa, Gaara Yarar, iddoo kabaja Malkaa Ateeteefaa sadarkaasaanii fooyyessuu, hoteelota sadarkaasaanii eeggatan kanneen akka Rizoortii Kurriftuu, Beellamaa, ‘AFLES’, Akkadaamii Atileetiksii Atileet Daraartuu Tulluu, jiddugala dargaggootaa babal’isuun akka tajaajila ammayyaa’aa kennan gochuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Kana malees, pooteenshaalawwan jiran adda baasuu, carraawwan jiran gara gabaatti baasuun madda dinagdeetti jijjiiruu ittigaafatamaan Komishinii Turizimii Magaalaa Shaggar Obbo Biniyaam Tsaggayee himaniiru.

Dhaabbilee guguddoo gara gara magaalattii dhufan simachuun jaarmiyaalee turizimii babal’isuun carraa hojii bal’inaan uumuuf hojjatamaa jira. Galii misooma turizimiirraa argamaa jiru karaa, ‘Tourism satellite Account’ jedhamu sassaabuuf hojiitti seenameera.

Ummanni Oromoo waggaatti ayyaanota guguddoo kabajaa jiru keessaa Ayyaanni Irreechaa tokko. Irreechi ayyaana guddaa Oromoon irratti walarguun kan darbeef waliin Uumaasaa galateeffatee kan dhufuuf ammoo waliin itti kadhatu kana mootummaan keenya yaamicha diyaaspooraafi hawaasa adda addaati taasiseera.

Carraa argame kana ittifayyadamuun akka Magaalaa Shaggaritti, Sagantaa dawwannaa diyaaspooraa qopheessuu, baazaariifi egzibishinii Irreechaa qopheessuun, marii dhimma turizimii magaalichaafi kabaja Ayyaana Irreechaarratti qophaa’uu, diyaaspooraan gara biyyaa dhufan hojii misooma Invastimatii Turizimiirratti akka hirmaatan hojjatamaa jira.

Oromoon saba falaasama gabbataa qabuufi qaroomina gurguddoo hedduu addunyaaf gumaachaa har’a ga’eefi har’as gumaachaa jiru ta’uu, sabaafi sablammoota magaalichatti argaman faanas tokkummaadhaan jiraachaa akka jiran addunyaatti beeksisuuf hojjatamaa jira.

Walumaagalatti, Irreechi gaaddisa guddaa tokkummaa Oromoo addunyaatti agarsiisu ta’uu himuun, ayyaanichi kan saba Oromoo qofa osoo hintaane, sabaafi sablammiileen biyyattiifi biyyootni addunyaarratti argaman waan ta’eef, giddugala dinagdeefi turizimii taasisuuf akkasumas ‘UNESCO’ irratti akka galmaa’uuf karaa duudhaasaa eeggateen akka kabajamu hawaasni magaalaa keenyaa hundi gaheesaanii bahuu qabu. Waajjira Kominikeeshiinii Magaalaa Shaggar

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You