Sirna kabaja “Yoo Masqalaa” saba Gaamoo

Saba Gaamoo biratti qophiin kabaja ayyaana Masqalaatiif taasifamu waggaa tokko fudhata. Haalli kabajasaas boqonnaawwan lama kan qabu yoo ta’u, inni jalqabaa walakkeessa baatii Fulbaanaatti; lammaffaan ammoo ji’uma kana gara xumuraatti kan kabajamu gaggeessaa ayyaana Masqalaati.

Hawaasichi ayyaana Masqalaa bara ittaanuuf qophii kan taasisu gaafa gaggeessaa kanarraa kaaseeti. Waldaalee hawaasummaa adda addaatiin gurmaa’uun qophii maallaqa walittiqabuu eegala.

Qophiin kun korniyaawwan lamaaniin kan kan raawwatamu yoo ta’u, dhiironni maallaqa bittaa sangaaf, uffataafi faaya ijoolleef ta’u; haadholiin ammoo maallaqa qophii dhadhaa, mi’eessituu, nyaatawwaniifi aadaafi ayyaanichaatiif oolu kuusuu jalqabu.

Qincee garbuu (‘keeso katha), maxinoo (ukeetha) bullaa,, qoccoofi garbuurraa qophaa’u; firfira bullaa (koosee) faan nyaatawwan aadaa Masqalaaf bal’inaan qophaa’an yoo ta’an, dhugaatiiwwan aadaa keessaa ammoo maadhdha (kan dammaafi bordeen walittimakamee qophaa’u ni eeramu.

Ayyaanni Masqalaa saba Gaamoo biratti dhala namaa qofaaf otoo hintaane kan beeladootaafi simbirrootaatis jedhamee amanama. Looniifis margi dheedan ni kaleeffama.

Torban Masqalaatti mukti dafee gara daaraatti hinjijjiiramne qophaa’ee balbala balbalarra kaa’ama.

Namoonni sababoota adda addaatiin walittibu’an, araaramanii, maatiifi firri walirraa fagaatanii turan walittiqabamanii akka kabajan gochuun ibsa Ayyaana Masqalaa saba Gaamooti.

Saba Gaamoo biratti guyyaan jalqabaa ji’a Fulbaanaa “Hingiccaa” jedhamee kan waamamu yoo ta’u, innis bara haaraa simachuuf kan qophiin ittiin taasifamuudha. Guyyoonni gabaas ni jiru. Gabaan ayyaanaa (‘Game Giya’) kun gabaa loon qalmaafi mi’oonni gara garaa ittibitamaniidha. Yushee Giyaan (‘Yoshsho Giya’) ammoo gabaa ayyaana Masqalaa haadholiin ittibashannanuuf dhaqaniidha.

Goshaa Giyaan (‘Gooshsha giya’) gabaa erga qophiin ayyaana Masqalaa xumuramee dhaabatu ta’ee mi’eessituuwwaniifi waantonni xixiqqoon ittibitamaniifi dafanii gara manaatti deebi’aniidha. Gabaan kun akka yeroo biraa kan ho’u miti.

Loonis lafa dheedumsaa ji’oota sadiif kaleeffameefii turetti gadilakkifamanii kutaaleen hawaasaa hundi ayyaanicha kabajuu eegalu.

Saba Gaamoo biratti sirni qalma loonii bakkaa bakkatti adda addummaa qaba. Inni jalqabaa guyyaa daamaraa yoo ta’u, lammaffaan borumtaasaatti kan raawwatamuudha. Qalmichi firaafi ollaa gareedhaan gurmaa’aniin lafa gabaa ykn iddoo jiddugaleessa ta’etti adeemsifama, qircama. Muraachiisnis ni nyaatama.

Oggaa yeroonsaa ga’u abbaan warraa xomboora qabsiifatee utubaa manaa, mooraa looniifi miidariiwwan manaa bitaa mirgaa fiixee xomboorichaatiin tuttuqa. Sana booda ijoolleen dhiiraa dabaree dabareedhaan abbaasaanii hordofanii xomboora qabsiisu.

Nyaanni guyyaa kanaaf qophaa’u marqaa (‘Shendera) yoo ta’u, marqicha dhiironni oggaa sirbaa deebi’an walittiqabamanii waciitii tokko keessaa Yoo Masqalaa jechaa miseensota maatii, firaafi ollaa dabalatanii tokkummaadhaan nyaatu.

Akka odeeffannoon Waajjira Kominikeeshinii Godina Gaamoorraa argame ibsutti borumtaasaa daa’imaa hanga nama guddaatti gara ‘Dubshsha’ jedhamu deemuun Yoo yoo Masqalaa… jechaa arcummeedhaadhaan walreebaa, walhammachaa erga nagaa walgaafatanii booda Masqalaa Gaazee (‘Masqqala Gaze / ye aahe hass. Maseqala Yellele wollolle gesso wollolle wollolle madho wollolle’) fi kkf jechaa jechaa sirbu. Ayyaana gaarii!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You