“Tarree invastarootaa Oromiyaan qabdi jedhaman keessa galuuf aniifi maatiinkoo tattaaffii cimaarra jirra”- Obbo Abbabaa Urgee

Obbo Abbabaa Urgee jiraataa magaalaa Adaamaa, Ganda Diqqaati. Bara 2001 Intarpiraayizii Maaykiroofi Xixiqqaatiin (IMX’n) sadarkaa maatiitti gurmaa’uun kaaffee banatanii daldala shaayiin tokko jedhanii jireenya injifachuuf qabsootti seenuu kaasu.

Maallaqa daldala shaayiirraa argatan kana walakkaa ittiin jiraachaa isa hafemmoo qusachachuun egeree jiruufi jireenya maatiisaanii fooyyessuuf humna guutuun hojjetaa turaniiru.

Bu’uuruma kanaan bara 2003 irra deebiin IMX’n gurmaa’uun galma Abbaa Gadaa Adaamaatti shaayiifi buna dhiyeessuuf caalbaasiin dorgomanii IMX saddeet ta’anii injifachuun carraa bal’inaan hojjechuu akka argatan kaasu.

Kunis galmichatti walga’iin yeroo yeroon waan gaggeeffamuuf leenjitootaaf bunaafi shaayii dhiyeessuun galiisaanii olguddisuu akka danda’aniif haalli mijataan uumamuufii kaasu.

Duubarra turtii yeroo gabaabaa keessatti leenjiin hoggantootaaf achitti kennamu xumuramnaan maallaqa keenya hirannee adda baane.

Haata’u garuu anaafi hiriyaankoo nawaliin gurmaa’ee hojjetaa ture kan amma abbaa qabeenyaa hoteela Naafleet ta’e irra deebiin waliin taanee ispoortessitoota leenjiif dhufan simannee sooruun galii keenya dachaan dabalaa dhufne.

Achirra darbees hoggantoota giddugaleessaa Adaamaatti leenji’an waggaa tokkoo oliif shaayiifi bunaan tajaajiluun bara 2005 abbaa qabeenyaa giddugaleessaatti ce’uun damee hojii keenyaa babal’isnee akka hojjennuuf haalli mijataan nuu uumame jedhu Obbo Abbabaan.

Hojii daldala shaayiifi bunaa galma Abbaa Gadaatti gaggeessan cinatti hojii loon furdisuuttis seenaniiru. Bu’uuruma kanaan jalqaba daldala shaayii duubarra loon shan bituun furdisanii dinagdeensaanii bayyanachuu eegallaan loon 250 dabaluun furdisanii gabaaf dhiyeessuun hiyyummaa mogolee isaan buustee turte ofirraa mulquu danda’aniiru.

Miirri kutannoo jiraannaan hiyyummaa seenaa gochuun ni danda’ama kan jedhan Obbo Abbabaan, tokko jedhanii daldala shaayii qarshii shantamaan eegaluun achi keessaas bahanii IMX’n gurmaa’uun shaayiifi bunarratti bal’inaan hojjetanii dinagdeen of humneessuun mul’atni jijjiiramaa keessasaanii ture biqilee daraaree waan ija godhachuu eegaleef har’a ofiis firas qooddachiisaa jiru.

IMX’n gurmaa’uun namoota baay’eef akka hojii gadaanaatti ilaalamuu danda’a. Haata’u garuu haalli mijataa namaaf uumames uumamuu baates dhiphina keessatti ciniinnatanii yoo hojjetan jijjiiramuun hiyyummaa seenaa gochuun akka danda’amu qabatamaan argeen jira.

Maatiinkoos qabsoo jireenyaa ani taasisu keessatti nawaliin ta’anii hojjetaa guyyaa ifti jireenyaa itti nuu bahu arguuf kufaa ka’aa turan kan jedhan Obbo Abbabaan, waan jijjiiramni argamuu eegaleef haati warraakoo hojii mootummaa Narsummaan mana yaalaa keessa hojjetaa turte dhiistee akka nawaliin dhaabattu ishee taasiseera jechuun ibsu.

Dhugaa dubbachuuf IMX’n carraa jijjiiramaa mul’atni jireenyaa itti bu’uura buufatu yoo ta’u, mootummaan tarsiimoo kana bocee dhalootaaf kaa’uunsaa kan jajjabeeffamuu qabuudha jedhu.

Har’a hunduu seenaa ta’ee hiyyumni kaleessa mogolee nubuusee ture nurraa mulqamee ofirra dabarree namoota biroof carraa hojii akka uumnu dinagdee keenyas akka cimsannu taanee jirra.

Namni dhamaanaan Rabbis nama gargaara. Isa kana ofirratti argeera, qarshii shantamaan tokko jedhee shaayiifi buna jalqabee, loon foonii furdisuun achirra darbee maallaqa olkeewwadheen magaalaa Adaamaatti lafa ijaarsaa bakka hojiif ooltu kaaree dhibba tokko miliyoona afuriin bituuf yaade.

Ta’us bakki kun waan dhiphaa ta’eef dabalata bulchiinsi magaalaa Adaamaa akka naa kennu gaafadhee ka’umsakoo ganamaafi imala amma irra jiru arguun bakka hojii naa kenneera.

Namoota misoomichaaf laficharraa ka’aniif beenyaa gahaan kennameefii ijaarsicha akkan ittifufuuf bulchiinsi magaalaa Adaamaa haala naa mijeesseera.

Bu’uuruma kanaan miirri kutannaa waan nakeessa buleef warreen ijaarsicha gaggeessan waliin hiriiree hojjechuun ijaarsi jalaa guutummaatti dhumee baankiiwwan sadiif kireeffamee hawaasaaf tajaajila kennaa jira . Anaaf ammoo dinagdeekoo utubaa ijaarsi gamoo hafe akka ittifufuuf bu’uura naa buusaa jira jedhu Obbo Abbabaan.

Akka ibsasaaniitti, ijaarsi gamoosaanii abbaa darbii afurii kun yeroo eegalerraa kaasee namoota hedduuf carraa hojii kan bane yoo ta’u, guyyaa guyyaan warreen dhaabbii dabalatee namoota 100’f, Sanbataaf Dilbatammoo hanga namoota 70’f carraa hojii yeroo banuun hirkattummaafi eeggattummaan seenaa akka ta’u taasisaa jiru.

Gamoo jaleerraa manneen sadii baankiif kireeffamanii waggaatti qarshii miliyoona 27 argamsiisaa kan jiran yoo ta’u, galii achirraa argamu kanaan ijaarsa darbiilee dabalataa itti fufaa jiru si’eessaa jirra.

Haala ijaarsa gamoo kanamalees sochii hiyyummaa seenaa gochuuf IMX irraa ka’ee asiin gahe kana nuffii malee si’aayinaan ittifufsiisuun akkan galmaan gahuuf bulchiinsi magaalaa hordoffiifi deeggarsa naa taasisaa jira jedhu Obbo Abbabaan.

Jiruun xiqqoo akka hinqabne xiiqeffatanii kutannaan hojjennaan dinagdeen fagaachuun akka danda’amu ofirrattis hiriyyootakoorrattis waanan argeef ammallee waakkiifi dadhabbii malee humna guutuun hojjetaan jira jedhu.

Akka ibsasaaniitti waahillisaanii dur waliin shaayii daldalaa turan har’a Magaalaa Adaamaatti hoteela guddaa, Naafleet jedhamu banachuun hawaasasaaf tajaajila kennaa jira.

Namoota dhibbootaan lakkaa’amaniif carraa hojii dhaabbiifi yeroo baneera. Namni ofii dinagdeen of gahuun mataasaaf qofa miti ollaaf, firaaf, hawaasa bal’aaf carraa guddaa bana jedhanii; isaanis gamasaaniin sochii invastimantii eegalan kana cimsuun ofirra darbanii biyyasaaniif gargaarsa bakka boqonnaa ta’uuf kutannoon hojjetaa jiru.

Hojiin bizinasiifi misoomaa deeggarsa maallaqaa akkuma barbaadu deeggarsa humna namaafi dandeettiis ni gaafata, sababnisaas namni ogummaafi beekumsa kanamalees mul’ataafi humna qabuun nama waliin dhaabatee nama humneessa.

Bu’uuruma kanaan akkuma milkaa’ina abbaa warraa cimaa tokko duuba haati warraa cimtuu jirti jedhamu milkaa’inoota yeroo ammaa ani irra gaheef shoorri haadha warraakoo olaanaadha. Tattaaffii ani jireenya mo’achuuf taasisaa jiru ilaaltee hojii mootummaa dhiistee nawaliin qabsaa’uuf mana nyaataa bantee yeroo hojjettu anis daran na onnachiise.

Mana nyaataa kanarraa maallaqa guddaa arganne. Maallaqa arganne sana kan loon furdisnee argannes itti daballee lafa amma gamoon kun irra dhaabate kanaaf bu’uura buusuu dandeenyeerra.

Erga mana nyaataa sanarraa galii gahaa argannee hojichi ulfaataa waan ta’eef mana hojii kireeffachuun daldala meeshaalee ijaarsaa gamoof oolan keessumaa ampuulii ammayyaafi kanneen biroo ittiin banne.

Haati warraakoo guyyaa guutuu achikeessa hojjetaa oolti, anis gamakoon loon furdisaa, ijaarsa gamoo eegalame sanas faana hiriiree hojjetaa amma xumuruuf adeemaa jirra.

Gamoon keenya jalaan kiraa baankota sadirraa argamuun galii burqisiisaa jira, haati warraakoo meeshaalee ijaarsaa kan akka ampuulii ammaayyaa daldalaa jirti sun walitti ida’amee hiyyuma seenaa gochaa jira.

Kanamalees namni tokko dinagdeen humnaa’uun mataasaa qofa miti kan taajaajilu kan jedhan Obbo Abbabaan, kutaalee hawaasaa gara garaafillee kallattiifi alkallattiin carraa hojiifi tajaajila kan kennu waan ta’eef kan jajjabeeffamudha.

Mootummaan jijjiiramaas badhaadhina biyyaafi lammiileef haala mijataa kan uumu ta’uu qabatamaan argaa jirra. Abbootiin qabeenyaas humna qabnuun hawaasa keenya tajaajilaa wabii lammii ta’uu keenya agarsiisuu qabna jedhanii keessumaa qabeenya amma feene horannus kan ummata keenyaa ta’uun dagatamuu akka hinqabne eeru.

Nuti ummata malee ummanni mootummaa malee gamaa hawaas dinagdeen jijjiirama fiduun kan hindanda’amne waan ta’eef qindoominaan waltaanee hiyyummaa seenaa gochuuf aadaa hojii filachuufi tuffachuu keessaa bahuun jireenyarratti qabsoofnee ofjijjiiruun barbaachisaadha jedhu Obbo Abbabaan.

IMX irraa gara abbaa qabeenyaa gidduagaleessatti achirra darbuun invasimantiitti ce’uun kun aadeffatamaa deemuu qaba, sababnisaas qabeenyichi kan hawaasaa waan ta’eef yoomillee dhalootaa dhalootatti darbuun tajaajila hawaasummaa gara garaaf kan oolu waan ta’eef ammallee hojjennee of jijjiiruuf kutannaan ka’uun barbaachisaadha.

Imala hojjetanii geeddaramuu keessatti gibiraafi taaksii osoo hinmiliqsiin amanamummaan kaffalachaa misoomawwan garagaraarratti bobba’aa galii keenyas cimsaa waggoota muraasa booda tarree invastarootaa Oromiyaan qabdi jedhaman keessaa galuuf aniifi maatiinkoo osoo hojii hintuffatiin hojjetaa jirra. Isinis hojjedhaa geeddaramaa, biyya keenya geeddarraan dhaamsasaaniiti.

 Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You