Ayyaana Masqalaa

Masqalli mootii ayyaanaati. Akkuma beekamu mootiin hogganaa biyyaafi garee gurmuu hawaasaati. Masqallis ayyaana barii birraa waan ta’eef ykn bara haaraa kanaaf isa dura waan ta’eef mootii ayyaanaa jedhanii yaamu.

Kana malees jalqaba baatii birraafi dhuma wayitii gannaa waan ta’eef beellamni hedduu Masqala barii jechuuni kan waadaa galamu. Gama biraatiin Masqalli ayyaana dargaggoofi maatii maraa waan ta’eef namoonni marti walqixxee waan hirmaataniif mootii ayyaanaa jechuun faarsu.

Masqalli Oromoo amantaa kiristaanaafi waaqeffatootaa biratti haala ho’aadhaan kabajama. Oromoo aadaa ganamaan jiraatu biratti (Masqala Oromoo) jechuun baatii Hagayyaa keessa kan kabajamu yoo ta’u, Oromoo amantaa kiristaanaa fudhate biratti immoo fulbaana 17 akkuma ummatoota ayyaanicha kabajan kamuu bifa olaanaadhaan kabajama.

Masqalli ayyaana dargaggootaa yoo ta’u, akkuma Qaam’een shamarraniin miidhagaa turte Masqalli immoo ijoolleen dhiiraafi dargaggoonni kan itti miidhaganiidha. Qophiin ayyaanichaa ganna keessa kan eegalamu yoo ta’u, ijoolleen dhiiraa muka xombooraaf ykn gubaaf ta’u qopheessuun eegalu.

Mukni kun yeroo baay’ee ancabbii, kusaayee ykn leemman qaqal’aa ta’uu danda’a. Xomboorri ykn daamotiin hidhamus baay’ina maatiin kan walgitu yoo ta’u, abbaan warraaf garuu yeroo baay’ee xomboorawwan lamatu hidhamaaf. Kunis kansaafi kan haadha warraasaa ta’uusaati.

Jalabultii ayyaana Masqalaa Abbaan warraa ijoolleesaa waliin ta’uun lafa gubaan itti adeemsifamu dongoruun akka daamaraan ykn gubaan itti raawwatamu filata. Yeroo baay’ee gubaan kan raawwatamu qe’ee abbaa ykn maatii hangafaatti.

Lafa gubaa kanatti xomboora malee jabaan mukaa ykn gindillaan akka ciisu taasifama. Jabaan kun hanga guyyoota sadiitti abiddisaa hinbadu. Waaqa kadhachuun eebbisee dhibaafata. Dhibaayyuu kana booda daaraa Masqalaa jabaa kanarra taa’e addaan xuqachuun cileen kun kan ayyaanasaa ta’uu kan itti mirkaneeffatuudha.

Guyyaan gubaa kun jalabultii Masqalaa ykn guyyaa masqalaa ta’u danda’a. Kunis akkuma naannawaatti kan raawwatamu ta’uu danda’a. Kabajni ayyaanichaa galgala gubaa booda sirba goobeen kan eegalamu yoo ta’u, dargaggoonni gandarra naanna’uun eebba baga geessanii maatii faarsuun badhaasa funaanaafi eebbisaa bulu. Gara ganamaa manatti deebi’anii waaree dura gandoota hafan waliin gahanii waaree booda gara tapha (gugsii) fardaatti deebi’u.

Gugsii fardaa kanarratti iddoo dhiirummaafi dandeettiin qolannaa waraanaafi miliquun itti mul’atuudha. Asirratti warri farda sooree leenjisee gara gugsiitti seene yoo faarsan kan dadhabaa ta’e kan itti komatamuudha. Komiiwwan keessaa tokko yoo ilaalle akkana jedha.

“Daaleen daaleen farduma yaagadhee

Abbaatu soore yaabbata malee” jechuun warra farda sooree leenjisuun tapha kanarrati argaman faarsaa taphatu. Sirboota Masqalaa keessaa “gobeen” beekameedha.

Guyyaa Masqalaa hundumtuu gammachuun kabaja. Tikseen horii eeguu dhiisanii waan sirba deemaniif abbaatu loon bobbaasa. Loon abbaan wajjin oolu kaloo ji’a lamaaf eegamaa ture akka dheedan ta’a Horiinis ganamaan quufanii gara oogdiitti dacha’anii ciisu. Looniifis duungoon ykn xomboorri qabatamee iddoo gubaa galgalaatti raawwatamaafi. Kunis waaree loonii jedhama.

Dhangaan ayyaana kanaaf dhiyaatu akkuma qabeenya naannawaatti kan raawwatamu yoo ta’u, nyaatawwan akka Qincee, Marqaafi Cuukkoon filatamoodha.

Oromoon jiraattota Afrikaa kaabaa keessaa ummata facaatii bal’aa qabuufi iddoowwan baay’ee jiraatuudha. Haaluma facaatii kanaan aadaa saboota naannawasaa jiraatan fudhachaa kan ofiis dabarsaa waliin akka jiraachaa ture ni beekama. Haaluma kanaan aadaa saboota godaantummaan naannawasaatti makaman keessa aadaa saboota kiristaanaa baay’ee fudhachuun kansaatiin walitti makee akka kan ofii godhachuun ykn fudhachuun waliin jirachaa tureera, jiras.

Haaluma kanaan aadaa Oromoon ofitti madaqse keessaa jajjabduun ayyaana Masqalaati. Ayyaanni masqalaa kan kabajamu akkuma beekamu baatiiwwan gannaa dabranii oggaa roobni qaqqabatuufi abaaboon daraaree booqaan birraa mul’atutti.

Ganna dabre keessa ayyaanota akka Filchataa, Taaboree ykn Dhukee, Qaam’ee ykn Shinooyyeen kabajamuun ni yaadatama. Haaluma kanaan bara haaraa kanatti ayyaanni Masqalaa kan duraa ykn jalqabaati. Ayyaana duraa waan ta’eefis akka mootii ayyaanaatti fudhachuun Masqalaaf kabaja guddaa kenna.

Akka head (dhahaa) guyyaa Oromootti wayitiilee afurtu jiru. Isaanis Birraa, Bona, Arfaasaafi Gannaa jedhamuun beekamaniidha. Kanneen keessaa Birraan baati sadan duraa Fulbaana, Onkoloolessa, Sadaasa yoo ta’an Fulbaanni baatii ykn ji’a duraati.

Lafa baddaafi baddadaree Oromiyaatti baatiin birraa daran jaalatamaadha. Yeroon kun yrroo margi gaariin itti marguufi ittilalisu, yeroo omishni itti ga’u, yeroo abaaboon itti daraaruufi loon marga quufanii gara horaatti godaananiidha.

Dhalli namaas jireenya abdii itti ummatu, wayitii gammachuun itti mul’atu waan ta’eef daran jaalatamaadha. Oromoon naannawa eerame kana jiraatu baatii birraa kana waan leellisaniif ayyaanni birraa kun immoo yeroo kana waan kabajamuuf baay’ee jaalatamaadha.

Ayyaana Masqalaa kana kan kabaju Oromoo amantaa waaqeeffannaa fudhatan qofa otuu hinta’iin kan amantii kiristaanaa fudhatanis yoo ta’u, ayyaana kana aadaa ofiitti makuun waliin kabajaa turaniiru, jirus. Ummanni Oromoo dur baatii Hagayyaa keessa waggoota ykn jaarraawwan dheeraaf kabaja turan, jirus jedha barreeffamni hayyuu seenaafi aadaa Obbo Alamaayyoo Hayileetiin qophaa’e.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You