Giddugalawwan Ce’umsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa

Galmoota ijoo mootummaan jijjiiramaa milkeessuuf socho’aa jiru keessaa tokko ummata dinagdeen qaari’e ijaaruudha. Galma kana fiixaan baasuuf gama tokkoon toora xiyyeeffannoo kan adda fo’e yoo ta’u, gama biraatiin toora kanniin irratti inisheetivoota adda addaa bocuun baay’ina, saffisaafi qulqullinaan hojiitti hiikaa jira.

Taateewwan jalqabbii kana utuban keessaa tokko hundeeffama “Giddugalawwan Ce’umsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa” (‘Rural Transformation Agro-Industrial Centers’) yoo ta’u, innis omishaalee qonnaafi indaastirii maanufaakchariingii gidduutti hidhamiinsa gabaa/galtee uumuu kan kaayyeffateedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Giddugala Ce’umsa Baadiyyaa adda durummaan Indaastirii Qonnaarratti xiyyeeffatan kanneen magaalota Maqii, Dodolaa, Baalee Roobee, Itayyaa, Oolanciitiifi Shaashamanneetti kan hundeesse yoo ta’u, tokkon tokkoonsaanii lafa hektaara 10 irratti kan mandheeffataniifi Paarkii Indaastirii Qindaa’aa Qonnaa Bulbulaa (‘Bulbula Integrated Agro-Industrial Park’) irraa raadiyesii kiiloomeetira 50 hanga 250 keessatti kan argamaniidha.

Giddugalawwan kunneen, paarkicha waliin hidhata gara duraafi boodaa (‘backward and forward linkage’) cimaa taasisuuf haalli isaan dandeessisu mijateera. Bu’uuruma kanaan, wiirtuu hojii omishaalee qonnaa sassaabuu, qubsiisuu, kuusuufi qabbaneessuu, adda foo’uu, tursiisuu, sadarkeessuu, kurfeessuu (processing)fi kkf keesatti raawwatamu akkasumas hidhamiinsi gabaa/galtee Paarkii Indaastirii Qindaa’aa Qonnaa Bulbulaa waliin keessatti umamu ta’uun kan tajaajilaniidha.

Dabalataanis, wiirtuu tajaajila hordoffiifi leenjii, kalaqa qonnaafi hawaasni mala qonnaa fooyyessuufi argannoo haaraa jajjabeessuuf ijaarame keessatti kan mandheeffateedha. Wiirtuu tamsaasa odeeffannoo ta’uun, aadaa barachuufi madaqsuu nijajjabeessu; ulaagaalee indaastirii qonnaa saffisaan guddachaa jiru guutuuf akka giddugalaatti nitajaajilu.

Kanamalees, dorgomummaan humna namaa baadiyyaa jiruu, gitoota hojii indaastirii qonnaa keessatti barbaadamaniin akka walsimu, leenjii dagaagina ogummaatiif dursaa kennuun, omishtummaa, bu’aa qabeessummaafi ce’umsa qonnaan bultoota keenyaa akkasumas, sektara qonnaa haalaan kan dadammaqsan ta’a.

Giddugalawwan Ce’umsa Baadiyyaa Indaastirii Qonnaa kunneen, tajaajiloota armaan olitti tarreeffaman kunneen kennuudhaan walitti hidhamiinsa damee qonnaafi indaastirii maanufaakchariingii nidhugoomsu; hawaasa keenya baadiyyaas fayyadamaa misoomaa nitaasisu.

Dhumarratti, hoggansiifi qooda fudhattoonni hundi, gama tokkoon ulaagaalee indaastirii qonnaa saffisaan guddachaa jiru guutuun akka danda’amu dagaagina ogummaafi leenjiitiif dursa olaanaa kennuu, gama biraatiin abbootii qabeenyaa, hundaa’ol ammoo qonnaan bulaa keenya gara carraawwan invastimantii naannawa kana jiranitti fiduun, mootora ce’umsa dinagdee naannoofi biyya keenyaa taasisuu irratti ittigaafatamummaa keessan aantummaafi amanamummaa olaanaan akka bahattan yaadachiisuun barbaada jedhan Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shamallis Abdiisaa.

Eeyyee, Oromiyaan hojii indaastirii kamiifuu mijattuufi filatamtuudha. Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaas abbootii qabeenyaa damee hojii indastirii adda addaarratti hirmaachuu barbaadaniif carraa gaarii uumeera. Kan darberraa barannee har’a cimnee yoo hojjenne yeroo gabaabaa keessatti guddachuufi jijjiiramuun nidanda’ama jedhu.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You