Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos: Hayyuu siyaasaa nagaqabeessa geggeessuun beekaman

Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos fakkeenya qabsoo nagaa jedhamanii ibsamu. Hojiisaanii barsiisummaa yunivarsitiitiinis baay’otaaf abbaa, hoggansaan ammoo tajaajilaa gaarii ta’uun beekamu.

Hirmaannaa siyaasa keessatti qabaniinis fakkeenya qabsoo nagaa jedhamuun daran beekamu. Bakka Itoophiyaa ni fayyada jedhan hundatti dursanii argamu. Hayyuun cimaan kun Kibxata darbe addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Amhadis (‘PhD’), guyyuma sana “Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos mallattoo siyaasa nagaa, Itoophiyaatti aadaa siyaasaa ijaaraa ta’e uumuuf gumaacha olaanaa godhaniidha. Yeroo dheeraadhaaf yaalamaa turanii addunyaa kanarraa boqochuusaanii dhagahuukootti baay’ee gaddeera. Dhaalliifi hambaan tursan cimee akka ittifufu, lubbuunsaanii nagaan akka boqottun hawwa” jechuun ibsan.

Akka moggaasa ammaatti Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Hadiyyaatti baatii Bitootessaa bara 1942 kan dhalatan Pirofesar Bayyanaan; barnootasaanii sadarkaa 1ffaafi 2ffaa Misraak Baadiwaachoo, Shoneetti, Kuyyaraafi Adaamaatti kan hordofan yoo ta’u, barnootasaanii olaanaa ammoo Yunivarsitii Finfinneefi Ameerikaa, Yunivarsitii ‘Tulane’ jedhamutti barataniiru.

Yunivarsitii Finfinneetti damee baayolojiitiin barsiisummaafi qorattummaan waggoota dheeraaf tajaajilaniiru. Gumaachasaanii kanaafis sadarkaa pirofesarummaa argataniiru. Oggaa sirni Dargii kufee Mootummaan Ce’umsaa ADWUI hundaa’etti Ministira Ittaanaa Barnootaa ta’uun yeroo gabaabaa hojjetaniiru.

Bara 1993 irraa kaasee ummata naannawa dhalootasaanii bakka bu’uun miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa ta’aniiru. Waggoota 30 oliif hoggansa olaanaa paartii morkataa ta’uunis hirmaataniiru.

Sochii barattootaarraa kaasee sochii siyaasaa biyyattii keessatti hirmaachaa kan turan Pirofesar Bayyanaan; booda kana bulchiinsa Mootummaa keessatti ittigaafatamummaan kennamiifi hojjetaa turaniiru.

Bara 2014 irraa kaasee hanga lubbuunsaanii darbutti Inistiitiyuutii Qo’annoo Imaammataa daarektarummaa olaanaadhaan tajaajilaniiru. Dhukkubsatanii wal’aanamaa turuun Fulbaana 7 bara 2017 kan boqotan yoo ta’u, sirni awwaalchasaanii Fulbaana 9 bara 2017 Finfinnee, Bataskaana Pheexiroos Waphaawuloositti raawwatameera.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You