Irreecha: Dirree nagayaa, jaalalaa, tokkummaafi obbolummaa

Irreechi baranaa karaa aadaafi duudhaa isaa ganamaa eeggateen akka kabajamuuf Oromoonni biyya keessaafi alaa gamtoomaan akka dhaabbataniif Abbootiin Gadaafi Hawwan Siiqqee yaamicha taasisan.

Mariin Abbootii Gadaa, Hawwan Siiqqee, Hayyootaafi Jaarsolee biyyaa qindeessummaa Biiroo Aadaafi Turizimiitiin Magaalaa Bishooftuutti dhimmoota keessoo Gadaarratti xiyyeeffate tibbana gaggeeffameera.

Xumura sagantichaarratti Abbootiin Gadaa, Hawwan Siqqee, Hayyootaafi Jaarsoleen biyyaa Galma Gadaa Tuulamaatti Magaalaa Bishooftuutti walgahuun karaa calaqqee Sirna Gadaafi faajjii tokkummaa Ummata Oromoo kan ta’e Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee karaa aadaa,duudhaafi safuu ganamaa eeggateen akka kabajamuuf qeerroofi qarreen Oromoo kallattii Abbootii Gadaa akka fudhataniif yaamicha dabarsan.

Irreechi dirree waloomaa, tokkummaafi obbolummaa waan ta’eef garaa garummaa amantaa, sabaafi ilaalcha siyaasaa tokko malee lammiileen hundi karaa nagayaafi obbolummaatiin kabajachuu akka qabus dhaaman.

Qaamoleen sababa waldhibdee yaadaatiin gargar fagaatanis waliif araaramuun afaan tokkoon, yaada tokkoon Oromoofi Oromiyaaf jedhanii nagaa buusuun waliin akka irreeffatan waamicha waloomaa dabarsaniiru.

Abbootiin Gadaa, nageenyi qabeenya guddaa dhala namaa ta’uu ibsuun falli lolaafi jibbaa jaalala jechuun uummanni Oromoo biyyaa keessaafi alaa nagaa waaressuun ayyaanasaa nagaan kabajachuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Ummanni Oromoo tokkummaa, jaalalaafi nageenyasaa eeggachaa ayyaanicha kabajachuun Irreechi ayyaana waloofi waloomaa ta’uu mirkaneessuu qabas jedhaniiru

Uummanni Oromoo injifannoo argate kunuunfachaa ayyaanni Irreechaa nageenya, tokkummaa, jaalalaafi dinagdee ta’uu hubachuun yaamicha mootummaan keessummoota biyya alaatiif taasise tumsinee waloomaan ayyaana keenya dirree tokkummaafi obbolummaa ta’uu ishii addunyaatti muldhisuu qabnas jedhan.

Irreechi Oromoo ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’uu beeknee miira tokkoon waliin baanee irreeffannee nagaan galuun guddina Oromoo guutuu addunyaatti muldhisuu akka qabnus Abbootiin Gadaafi Jaarsoleen biyyaa kunniin dhaamaniiru.

Maddi: Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You