Abbaa taayitichaa rakkoo kenna tajaajilaa furuuf dijitalaayizeeshiniirratti xiyyeeffatee hojjetaa jira

Finfinnee: Rakkoo kenna tajaajilaa fooyyeessu hojiin dijitaalaayizeeshinii hojjetmaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Konistiraakishinii Oromiyaa (ATKO) ibse.

Ittigaafatamaan abbaa taayitichaa Injiinar Naatinaa’el Geetaahuun ibsa Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, abbaan taayitichaa rakkoo kenna tajaajilaa furuuf hojii dijitaalaayizeeshiniirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kanaafis, siistamiin Furtuu jedhamu qophaa’ee bara 2016 irraa eegalee hojii keessa galera.

Akka ibsasaaniitti, siistamiiin hojii eegale abbaa dhimmaa deddeebi’uufi harka namaa ilaaluurraa oolchuudhaan hojiin kenni tajaajilaa ATKO saffisa barbaadamuun akka kennamu taasisaa jira.

Hojiin dijtaalaayizeeshii kun qaama riifoomii ATKO ta’uu himanii; ergaa abbaan taayitichaa hundeeffamee booda rakkoolee indastirii konistiraakishii gama dizaayinii, dandeettii kontiraaktaraa guddisuu, tarsiimoo, qajeelfamootaafi istaandardii konistiraakshinii qopheessuun gaheesaa ba’aa jiraachuu ibsaniiru.

Gaheen ATKO dizaayinii ijaarasaafi sanada caalbaasii mirkaneessuun hojii keessa galchuu ta’uu eeranii; qulqullina diizaayinii mirkaneessuuf moosaajii biim moodaliingi jedhamu qofaan dizaayiniin akka qophaa’u taasifamuus beeksisaniiru.

Eeyyama maashinarii konistiraakishiin sadarkaa biyyaatti kennamaa tures ATKOn dandeettiisaa guddifachuun eeyyama kennuu eegaleera. Bara 2016tti eeyyma maashinarii konistiraakshinii 54 kenneera jedhan.

Ogeessi konistiraakishii tokko wayita hojii konistiraakishinii keessa galu madaalliin ga’umsa dandeettii argachuu qaba. Kanaafis, hoggansa konistiraakishii federaala waliin ta’uudhaan leenjii ga’umsa dandeettii hanga waraqaa ragaa biyyaalessaafi biyyoolessaa argatanitti kennamaa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti waraqaan raga ga’umsa dandeettii namoota 26f kennameera jedhaniiru.

Jijjiirama biyya keessaa, rakkoo nageenyaafi qaala’iinsi gatii meeshaalee ijaarsaa pirojektoti yeroon akka hinxumuramne taasisan keessaa isan ijoo ta’uus himanii; qaala’iinsa gatii to’achuu gatiin walqabatee waantota sirreeffamuu qaban akka sirreeffaman, naannawa rakkooleen nageenyaa jiranitti qaamolee nageenyaa waliin rakkinicha furuuf marii bal’aan geggeffamuu ibsaniiru.

Bara 2017tti fedhii ijaarsaa naannoo Oromiyaa kan waggoota shanan fuulduraa maal akka ta’e qorachuu, madaallii kontiraakitarootaa geggeessuurratti akka xiyyeeffatamu himanii; maamila ATKOn baga booqaa birraatti nagaan ceetan jedhaniiru.

Ittigaatamtuu ittaantuun abbaa taayitichaa injiinar Leensaa Margaa gamasaaniin, dameen reegulaatoorii pirojektota naannichatti hojjetaman dizaayiniirraa eegalee hanga walharkaafuudhiinsaatti mirkaneessuffi hordofuudha jedhan.

Akka ibsasaaniitti, industiriin konistiraakishinii rakkoo keessa waan jiruuf harkifannaan ijaarsa pirojektotaa jira. Rakkoo dizaayinii, qaala’iinsa meeshaalee ijaarsaafi rakkoo nageenyaan kontiraakiterooti ijaarsaaf fedha akka dhaban taasisa. Rakkoolee kunneen furuuf qaala’iinsa meeshaalee ijaarsaa sirreessuuf qaamta dhimmichi ilaallatu waliin ta’uu qajeelfamin akka ba’u ta’eera jedhan.

Erga qajeelfamni ba’ee as pirojektoti baay’een milkaa’aniiru. Rakkoo dizaayiniin walqabtee hojjetooti abbaa taayitichaa qorannoo geggeessuun akka mirk’anaa’u ta’eera. Erga riifoormiin abbaa taayitichaa hojiirra oolee as pirojektoti baay’een xumuramaa jiraachuu himanii; haaluma kanaan pirojektoti kuma 20 ol naannichatti akka xumuraman taasisuun danda’amuu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You