Daneessummaa miidhagina Itoophiyaafi Itoophiyaanotaati

Finfinnee: Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootni 80 ol eenyummaa, seenaa, afaaniifi aadaa garagaraa qaban waggoota hedduuf waliin jiraataniidha. Sabootni kunneen eenyummaa daneessa keessatti Itoophiyaa waloo taate kan ijaarrataniifi waliin qabanidha.

Duudhaaleen, barsiifanni, sirnootni, falaasamni, haalli nyaataafi uffannaa dinqisiisoon sabaafi sablammootni kunneen qaban hambaa seenaafi miidhagina ta’ee biyya seenaafi aadaa boonsaa qabdu Itoophiyaa jechisiisa.

Sabaafi sablammootni kunneen eenyummaasaanii qabatanis kan ijaarsa biyyaa keessatti gahee hinqabne tokkollee hinjiru. Bara sirna gita bittaa keessas gamtaadhaan waraanaa Adwaarratti hirmaachuun dhiigasaanii dhangalaasaanii, lafeesaanii caccabsanii Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya hinkoloneeffatamne taasisaniiru. Kanaanis seenaa boonsaa hindagatamne galmeessisaniiru.

Biyya ijaaruufis aarsaa kaffalamu hunda waliin kaffalaa turaniiru, aggammiifi weerara diinota baroota adda addaatti seenaa keessatti biyyarratti taasifamaa ture keessattis walumaan aarsaa kaffaluudhaan birmadummaa biyyasaanii eegsisaa har’a gahaniiru.

Sirnoota mootummoota garaagaraa darban keessa gaaffiin eenyummaa isaan gaafatan hedduusaaniif deebii kan hin arganne ta’us, akka isaan birmadummaa biyyasaanif hindhaabbanne isaan hintaasifne.

Humnootni weerartoota alagaa sabdaneessummaa biyyattii kana akka carraa gaariitti fayyadamuun tooftaa bituuf isaanif mijatu tooftaa adda qoqqoodanii bituu bocanii hojjechaa turanis Sabaafi Sablammoota keessaa akka sabaatti kan isaan waliin dhaabatee biyya gurgure hin jiru. Ta’us kutaalee biyyattii keessaa murnootni garaasaaniIf bulan diina waliin ta’anii biyyarratti hojjetan hin dhabaman.

Garaagarummaa keessatti tokkummaa sabaafi sablammootaa cimsuun biyya jabduu ijaaruuf mootummaan jijjiirramaa haalota mijatoo garaagaraa uumuun hojjechuurratti kan argamu ta’uu Qaammeen 4 bara 2016 mataduree, “Daneessummaa Keenya Nageenya keenyaaf” jedhuun kabajame agarsiiftuudha.

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagara haasaa taasisaniin akka jedhanitti, sabdaneessummaa keessa tokkummaan jiru biyyattiin qormaata birmadummaashee mudachaa ture akka injifattu taasiseera.

Sabdaneessummaa keenya badhaadhina hundagaleessaafi nageenya itti fufiinsa qabuuf oolchuutu barbaachisa jedhanii; biyyattii keessattii danoomina bulchuufi keessummeessuuf kan gargaaru sirna Fedaraalizimii Sabdaneessaa ijaaruurratti argamna jedhaniiru.

Sabdanessummaan kennaa bu’aa gootummaan eegamee har’a gahe ta’uu himanii: kennaa kana eeguufi kunuunsuudhaan sabaafi sablammootni biyyatti nageenya waloofi birmadummaa biyyaatiif akkuma kaleessaa waliin dhaabachuu qabu jedhaniiru.

Guyyaa Daneessummaa Giddugala Aadaa Oromootti kabajamerratti sabaafi sablammoota garagaraa hirmaachuun Itoophiyaaf daneessummaan miidhagina malee rakkoo miti jechuun Gaazexaa Bariisaaf yaadasaanii kennaniiru.

Barsiisaan Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Qalamawarqi Taarikuu Likkiisaa akka jedhanitti, guddina biyya kanaa tumsuu kan danda’u sabaafi sablammootni biyyattii qabeenya garaagaraa qabu waan ta’eef, hariiroo isaan gidduu jiru cimsuun qabeenya isaan qaban guddina biyyaaf oolchuun yoo hojjetame dinagdeen biyyattii yeroo dhiyoo keessatti guddachuu danda’a.

Rakkoo nageenya maqaa sabaafi sablammootatiin uumamu dhabamsiisuuf hubannoo lammiilee cimsuun barbaachisaa ta’uu himanii; bu’aa siyaasaaf jecha namoota sabaafi sablammoota walitti buusantu jira malee jibbi addaa akka hinjirre yaadachiisaniiru.

Jiraattuun Finfinnee, Kutaa Magaalaa Gullallee, Aanaa 05 Aadde Indaashuu Taammiruu gamasaaniin akka jedhanitti, Sabaafi Sablammootni biyyattii dhiigaan, hawaasummaadhaan jechuunis Afooshaan Iqquubiidhaan, amantiidhaan walitti hidhamiinsa adda cituu hin dandeenye qabu.

Kabajaafi jaalalaan waliin jiraachuufis gidduusaanii rakkoon hoomtuu hinjiru kan jedhan Aadde Indaashuu; qaamotni biyyattiif gaarii hin yaadne garuu, maqaa sabaafi sablammootaatiin yeroo walitti bu’iinsa uumantu jira jedhaniiru.

Jiraataan Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 05 biroo Obbo Balaay Baqqalaa gamasaanitiin akka jedhanitti, qaamotni nageenya biyya kanaa hinbarbaanne dargaggoota hoji dhabdootatti fayyadamanii biyyattii jeequu barbaadu waan ta’eef nageenyi biyyattii akka hin boorofne hojidhabdummaa hir’isuufi sammuu dargaggootarratti hojjechuutu barbaachisa.

Jiraataan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, Aanaa 02 Obbo Barakaa Huseenis akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti seenaafi seenessa adda baasanii beekuu dhabuun nageenya biyyaaf rakkoo ta’aa jira.

Miirri wallaalummaarraa madde miirri anummaas waliin jireenya sabaafi sablammootaafi obbolummaadhaaf gufuu hamaa ta’uu himanii; gamtaadhaan miira Itoophiyummaafi daneessummaa giddugaleessa godhateen ayyaanota kabajuun ijaarsa biyyaatiif faayidaan inni qabu olaanaadha jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You