Qeellam Wallaggaatti namootni kuma 89fi 773 dhibee busaatiin qabaman

Finfinnee: Godina Qeellam Wallaggaatti namoota mallattoon dhibee busaa irratti mul’atee qorannoon taasifameef kuma 160 keessaa namoota kuma 89fi 773rratti dhibeen busaa kan argame ta’uu Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Yoonaas Ittaanaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennanii akka jedhanitti, jijjjiirramuu haala qilleensaatiin walqabatee dhibeen busaa aanaaleefi gandoota godinichaa hundatti mul’ateera.

Kanaan dura dhibeen busaa aanaalee gammoojjitti malee baddaafi badda dareetti hinmul’atu ture, barana garuu, hammi tatamsa’ina dhibichaa aanaadhaa aanaatti gargar ta’us aanaalee hundatti mul’ateera.

Rakkoo bara darbeerraa muuxannoo fudhachuun barana tatamsa’ina dhibichaa hir’isuuf durfamee sadarkaa godinaatii hanga aanaatti taaski foorsii hundeessuudhaan hojiitti kan galamuu himanii; hojii hojjetameen tatamsa’ina dhibichaa hir’isuun danda’amuus ibsaniiru.

Dhimmichi dhimma lubbuu baraaruu waan ta’eef qaamni hundi xiyyeeffannoon akka hojjetu taasisuun, iddoowwan walhormaata bookee busaa adda baasuun to’achuun, hubannoo hawaasaa cimsuun, bu’aqabeessummaa taaksi foorsichaa guyyaa guyyaadhaan madaaluun baay’ina lubbuu namaa darbuuf maluu dachaa hedduun hir’isuun danda’ameera. Ta’us dhibichaan barana lubbuun namoota 12 darbeera jedhan.

Bara darbe waqtii kana dhibichi namoota kuma 360rratti mul’atee akka ture yaadachiisanii, hojii xiyyeeffannoodhaan hojjetameen barana tatamsa’ina dhibichaa hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.

Akka bardheengaddaa osoo hintaane barana hanqinni qorichaas kan hinjirre ta’uu himanii; namoota dhukkubichaan qabamuunsaanii mirkanaa’e hundaaf qorichi kennameefii jira jedhaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaatiin konkolaattotni hedduun gubachuurraan kan ka’e aanaalee hedduun hanqina geejibaa kan qaban ta’us, deggarsa dhaabbilee mitmootummaa kanneen akka Waldaa Qaxxaamura Diimaafi Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin qorichaafi dhiyeessiwwan biroo dhiyeessuun danda’ameera.

Biiffaa keemikaalaa farra bookee busaan wal qabatee hanqinni keemikaalaa kan mudate ta’uu himanii; gandoota godinichaa 279 keessaa gandoota 159 qofatti hojiin keemikaala biifuu gaggeeffame jedhaniiru.

Gandoota rakkoo nageenyaa hammaataa qaban muraasattis ogeessota bobbaasee hojjechuuf yaalus sababoota adda addaatiin kan hinmilkoofne ta’uu Obbo Yoonaas ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You