“Guddina ispoortii atileetiksii keenyaatiif xiyyeeffannaan haa hojjennu” Leenjisaa Komaandar Toleeraa Dinqaa

Itoophiyaafi atileetiksiin walittihidhamiinsa guddaa qabu. ispoortichi akka aadaashiittis fudhatamaa jira. Ijoolleenshii qaqqaaliin dirree dorgommii irratti hirmaatanirratti injifannoodhaan ummata gammachiisu.

Nuti erga seensaaf hanga jennee waan ogeessi damee ispoortii atileetiksii keessatti maqaa gaariifi beekamtii qaban; leenjisaan garee atileetiksii biyyaalessaa Itoophiyaa Komaandar Toleeraa Dinqaa jedhu ammoo akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Komaandar Toleeraan dhalatee kan guddatee naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Giddaa Kiiraamuutti yoo ta’u, barumsasaa naannawuma ittidhalatetti kan argamu Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaafi Lammaffaa Kiiraamuu barate.

Barumsasaa ittifufuudhaan Finfinneetti akka moggaasa duriitti Kolleejii Barsiisotaa Kotobeerraa ispoortiidhan digrii jalqabaa; digrii lammaffaa ammoo Yunivarsitii Finfinneerraa argateera. Leenjiiwwan atileetiksii Waldaan Atileetiksii Addunyaa “IAAF”n biyya keessaafi alatti sadarkaalee adda addaatti kennus hordofeera.

Komaandar Toleeraan daa’immumaasaarraa kaasee kubbaa kachoo, saaphanaa, kubbaa miilaafi atileetiksii mana barumsaasaatti adeemsifamaa turerratti hirmaateera. Keessumaa fiigichaafi utaalcha lafaa dabalatee kanneen meetira adda addaattiinis hirmaateera. Ispoortii kan isa jalqabsiisan Barsiisaa Gooshuu Birihaanuu jedhaman ta’uus ni dubbata.

Bara 1988-1990tti utuma barachaa jiruu mana barumsaafi godinasaa bakka bu’uun tapha guutuu Oromiyaarratti hirmaachuus Komaandar Toleeraneereera.

Yeroo san leenjistoonni beekamoon garee biyyaalessaa Irreessaa Tolasaa Qottuufi Ireessaa Isheetuu Turaafaan achitti argamuudhaan dargaggoota qabxii gaarii fidan walitti qabuudhaan sadarkaa biyyaalessaarratti akka hirmaatan gochuu yaadachiisa.

Haaluma kanaan Oromiyaa bakka bu’ee akkan dorgomu filatamee tapha guutuu biyyaarratti hirmaachuuf daandiin naaf saaqamte jedha.

“Adeemsa kana keessa gara kilabii Poolisii Oromiyaatti bara 1991 akkan makamuf carraa argadhe. Yeroo san utuman fiigaa jiruu leenjisaa kilabichaa ta’ee gara Boqojjii deemuun hanga bara 1995tti leenjisaas, dorgomaas ta’uun hojjedheera.

Sana booda bara 2002 yeroo kilaboota atileetiksi 20 hundeeffaman Bishootuutti ramadame. Kilaba Poolisii Oromiyaarratti dabalataan achiti leenjiseera.

Haata’u malee yeroo sana waanin barachaa tureef hojiin natti ulfaate. Kanumarraa ka’uun shaakallii ispoortii guutummaatti dhiisee gara leenjisummaatti seene. Achumarraa kaaseen gara leenjisummaa garee biyyaalessaatti dhufe.

Leenjisummaa garee biyyaalessaa kana kanin argadhe ammoo shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Koriyaa Kibbaa, Daaduutti adeemsifamerraa kaaseeni. Hanga ammaatti ittuman jira” jedha.

Itoophiyaan keessumaa Oromiyaan burqaa atileetotaati. Yeroo dhihoodhaa as garuu atileetiksiin laafaa jiraatii sababiinsaa maali, sochiin atileetiksii kun naannolee birootti maal fakkaata jennaaniin Komaandara Toleeraan, “Oromiyaan kilaboota heddu haa gurmeessu malee ammaan tana naannoleen Amaaraa, Kibbaa, Tigraayiifi Beenishaangulfaan haala gaariirra jiru. Akka federaalaattis kilaboonni hedduun hundaa’aa dhufaniiru.

Ta’us atileetota ciccimoo argachuun kan danda’amu pirojektii guddatootarraa, dorgommii manneen barnootaafi naannoleerraayyi. Ammaan tana sochiin atileetiksii pirojektotaafi manneen barnootaatti dadhabaa jiru. Taphni guutuu Itoophiyaas dhaabateera. Kanneen fa’itu atileetiksii biyyattii akka laafu taasise” jedha.

Waa’ee umrii atileetotaarratti maal jetta jenneenii, innis “Naannoleen dargaggoota umrii ol dorgommiif dhiheessuun nu hinbaasu. Waa’een umrii kun qaama dorgommii gageessuuf bowwoo ta’aa dhufeera.

Kana sirreessuun qooda hojii federeeshinootarraa eegamuudha; keessumaa kan naannoleerraa. Maaliif yoo jedhame dargaggoonniifi kilaboonni atileetiksii baay’inaan isaan bira waan jiraniif.

Kanaaf raggaa kan ta’u atileetonni barana shaampiyoonaa atileetiksi Addunyaa Peeru, Liimaatti adeemsifamerratti hirmaatan baay’eensaanii warra Akkaadaamii Atileetiksii Xirunash Dibaabaarraa eebbifamaniifi kilabii keessa galanii waggoota dheeraaf turaniidha. Kanaafuu haalli umrii atileetota keenyaa rakkisaa waan ta’eef dhimma xiyyeeffannaadhaan ittiyaadamuu qabuudha” jedha.

Rakkoon naannawa Koree Olimpikii Biyyaalessaafi dhimmamtoota birootti mul’atu maalirraa madde? Furmaannisaa hoo maalinni jetta jennaaniin; “Rakkinichi qaamoleen lamaanuu hojiisaanii beekuu dhabuurraa kan ka’eedha.

Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa ispoortii atileetiksii to’achuudha hojiinsaa. Koreen Olimpikii ammoo yeroo Olimpikiin dhihaatu federeeshinicha wajjin mari’atee deeggarsa barbaachisu taasisuudha.

Rakkoo guddaan biyya kana keessa jiru haasawuma haasawuu malee rakkina jiru furuurratti hinxiyyeeffatamu. Atileetiksiin manaajarootaafi ejensii maanaajarootaatiin biziinasii (burqaa galii) ta’eera.

Atileetii cimaa kan beeku leenjisaasaadha. Leenjistoonni rakkina jiru waltajiirratti yoo kaasan qaamni dhagahu hinjiru. Yoo cimtee ittifufte gara moggaatti sibaasu. Utuma ogummaa kee jaalattuu hanga ittidhabdutu dhufa.

Ministeerri Aadaafi Ispoortii rakkina kana hundeerraa furuu qaba. Rakkinni kun akka jiru Olimpikii Riyoorraa kaasee olimpikikoota Tokiyoofi Paariisirratti qabxiin biyyattiin argatte hangam duubatti deemaa akka jiru arginneerra. Kanaafuu furmaata kennuun amma.

Atileetonni biyya bakka bu’uudhaan hirmaatan iddoo tokkotti shaakaluu dhabuunis rakkoo atileetiksii keessatti mul’atuudha. Keessumaa atileetonni dubartootaa dhunfaadhaan abbaa warraasaaniin qofa qofaatti leenji’aa jiru. Leenjisaan garee biyyaalessaa kan isaaniin walargu wayita dorgommiif biyya alaa deemuuf ka’an xayyaararratti.

Eenyu cimaa, eenyu ammoo laafaa akka ta’e dirree dorgommirratti akka kanaan duraa walgargaaranii mo’achuun hinmul’atu. Kanaaf furmaanni atileetonni jiddugala tokkotti ogeessaan akka leenji’an gochuudha.

Rakkinni keenya guddaan bu’uura misooma ispoortii baldhinaan dhabuudha. Kan qabnuttis akka barbaadametti fayadamuu hindandeenye. Kanaaf, babal’isa iddoon oolmaa ispoortii atileetiksiirrattis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Itoophiyaan addunyaarratti atileetota ciccimoo horachuudhaan beekamti malee iddoowwan oolmaa ispoortiitiin hinbeekamtu. Tiraakiin atileetiksii Asallaa ture horoomaa bahaa jira.

Akkasumas yeroo dheeraadhaaf tajaajila kennaa kan ture tiraakiin Istaadiyoomii Finfinnee sababii haaressaatiin yeroo dheerraadhaaf cufamee ture. Kan amma jiru tiraakii Qananiisaa Baqqalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa, Sulultaatti argamu qofa.

Inistiitiyuutiin Leenjifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu dhiheenyatti hojjii jalqaba abdiin jedhu jira. Naannoleen kilaboota heddu gurmeessuudhaan atileetota baay’ee horatanis iddoowwan oolmaa ispoortiif xiyyeeffannaa kennanii otoo hojjetanii gaariidha.

Fakkeenyaaf Keeniyaan bakkawwan leenjii atileetiksii sadarkaa biyyoolessaatti beekaman hedduu qabdi. Atileetiksiinsaaniis hangasuma dargaggoota baay’ee horachuudhaan addunyaarratti beekama.

Afrikaan Kibbaa, Morookoon, Naayjeeriyaan, Ugaandaan, Aljeeriyaa, Taanzaaniyaa, Burkinaa Faasoofa’is warqii kaleesa nuti ittiin dhaadataa turre fudhachaa kan jiraniif waan bu’uuraalee misoomaa ispoortiirratti bal’inaan hojjetaniif waan ta’eef nutis gama hundaan guddina ispoortii atileetiksii keenyaatiif xiyyeeffannaan haa hojjennun jedha.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 / 2017

Recommended For You