Ispoortiin ibsama daneessummaati 

Ispoortiin walitti dhufeenyaafi nageenyaaf meeshaa olaanaa ta’uun mootummaan naannoo Oromiyaa Qaammee 4 bara 2016 hoggantootaafi hojjettoota biirolee jidduutti Guyyaa Daneessummaa mataduree, “Daneessummaan keenya tokkummaafi nageenya waaraaf!” jedhuun sosochii ispoortii qaamaan kabajameera.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa saganticharratti ergaa dabarsaniin, daneessummaa sirnaan keessummeessuun tokkummaa keenya cimsachaa jijjiirama rogawwan hundaan eegalame ittifufsiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Akkuma abbootiin keenya tokkummaadhaan Adwaarratti seenaa hojjetan dhaloonni kunis Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa tokkoomee xumursiisaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Garaagarummaa qabnu akka miidhaginaatti fudhachuun badhaadhina eegalame tokkummaadhaan waaressuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Guyyuma kan sababeeffachuudhaan walmorkiin michummaa kubbaa miilaa hojjettoota OBNfi Biiroo Qonnaa Oromiyaa jidduutti adeemsifameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 / 2017

Recommended For You