Sirba Qaammee

Sirbi Qaammee akkuma sirboota biroo afoolasaa danda’ee haalaafi bifa adda addaa qaba. Haala walaloo sirba Aseesaa keessaa tokko rawwiidha. Rawwiin sirba tokkotti lubbuu kan horuudha.

Afwalaloon akka jiraatu kan taasisu raawwiidha. Kunis dubbiidhaan dhalootaa dhalootatti darba. Afwalaloon yoo ummata gidduutti hinraawwatamne bu’uura dhaba jechuudha. Kana jechuun immoo afwalaloon yoo raawwatamu (becamu) baatee akka waan du’eeti jechuudha.

Raawwiin afwalaloof bu’uura. Afwalaloon dhalootaa dhalootatti jechaan yeroo darbu yoo raawwiin raawwatamuu baate maalummaa dhaba. Yoo raawwiin waraabamuu baate hinmul’atu. Haaluma kanaan raawwiin sirba Aseesaa haala kamiin akka rawwatamu waraabameera. Sirbi Aseesaa kan sirbamu dibbeefi harka dhahuudhaan miti.

Sirbitoonni kanirratti fuulleeffatan haala sagaleen itti bu’urratti. Sirbichi sochii qaamaa mataasaa danda’e qaba. Isheen baastu afwalaloon yoo baastu namoonni jalaa qaban immoo sagaleedhaan miidhagina kennuuf. Aseesni baastuu tokko ykn lamaafi harkaa fuutota hedduun kan sirbamuudha.

Afoolli tokko ykn sirbi aadaa tokko kan uummamu ykn kan sirbamu carraa barbaada. Fakkeenyaf sirba cidhaa sirbuuf cidhi jiraachuun, sirba hojii sirbamu sirna kabaja ayyaanaa sirbuuf akka carraa sirni kabaja ayyaanaa jiraachuu qaba.

Gama kaaniin afoolli tokko miidhaginaafi lubbuu qabaachuu kan danda’u afoolli ykn raawwii sirbaarratti hirmaattonni yoo jiraataniidha. Hirmaattonni nama sirba baasurraa fuudhuudhaan akka sirbichi miidhagu taasisu. Sirbi bifoota adda addaatiin kan sirbamu yoo ta’u, innis sirba afwalaloo sirbamu, geeraramu, faarfamuufi kan jeekkaramu yoo ta’u, sirbi Qaammees isa tokko.

Haala kabaja ayyaana Qaammee

Yeroon kun ji’a birraa fulbaana tokkoo jennee bara moofaa irraa bara isa haaraatti lakkoofnu ji’a gannaa, ji’a dukkanaarraa gara ifaatti ceenuudha. Ayyaana kana simachuuf dargaggoos tahe dargaggeettiin, jaarsa ta’ee jaartiin akkasumas ijoolleen Salaalee haala miidhagaafi hawwataa ta’een dabarsu.

Ayyaanni Qaammee ummata oromoo biratti beekamaafi jaalatamaadha. Gaafa ayyaanichaa namoonnii ollaasaani waliin walwaamuun wajjin nyaatanii dhuganii ayyaaneffatu.

Ayyaanni Qaammee ayyaana Durbaa jedhamuun beekama. Guyyaa kana ijoollee durbaa hojii hinhojjechiisan, hinlolaniinis. Nyaachisanii, obaasanii gammachiisuun eebbisu. Guyyaa jala bultii ayyaanichaarraa eegalee ijoolleen shamarranii qunnii buqqisaa hanga darbaatti bareedanii sirbaan dabarsu.

Guyyaa buqqisaa qunnii kana ijoolleen durbaa uffata aadaasaaniitiin bareedanii walwaamuun sirbaa gara qunnii buqqifannaa deemu. Akkaataa ragaalee daawwannaafi afgaaffiin argametti Salaaleetti Oromoon guyyaa jijjiirraa bara haaraa kan kabaju gammachuun sirbaa, wantoota adda addaa raawwachaa guddinaafi badhaadhummaa hawwuuni.

Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa kun haala ho’aa ta’een sabichaan kabajama. Hawaasni naannawaa osoo guyyaan kabaja ayyaanaa hingeenye seensa Qaammeerraa eegalee qophiilee adda addaa taasisa. Jiraattota godinichaa keessaa harki caalu Qaammee 1 irraa eegalanii halkan laga bu’anii bishaan Qaammee dhiqatu. Akkaataa barsiifannaa hawaasaatiin kun kan raawwatamuuf xurii bara moofaarraa qulqullaa’uun bara haaraa qaamaafi sammuu qulqulluun simachuufi.

Erga bishaan Qaammee cuuphamanii booda mallattoo seensa bara haaraa kan ta’e daraaraa kutanii sirbaa gara mana ofiitti deebi’u. Sirna kanarratti dargaggoonni dhiiraa, shamarran, abbaan warraa malee akkaataa aadaa naannawaatti dubartoonni heeruman hinhirmaatan.

Sababa dubartoonni hinhirmaanneef ‘Aadaadha’ jechuurraa kan hafe ibsi qabatamaan argamaan jiraachuu baatus akka aadaatti garuu baratameera.

Gaheen dubartoota hinhirmaannee maatii bishaan Qaammee dhiqachuuf laga bu’aniif abidda qabsiisanii eeguudha. Miseensonni maatii cuuphamanii deebi’anii abidda qabate marsanii ho’ifachaa sirba Aseesaa Fulbaana 1 sirbamu shaakalu.

Dubartoonni ga’eessonni immoo sirba Aseesaa shamarran dagatan walaloo sirba Aseesaa yaadachiisuun akka sirban taasisu. Yoo dogoggoran sirreeffama kennu. Qaammee huccuuwwaniifi meeshaaleen manaa xuraa’anis xuraa’uu baatanis ni nimiiccamu, dhiqamu. Bishaan Qaammeetiin qulqullaa’u. Kana malees haati warraafi shamarran gooroofi mana ni haxaawu, harata abiddaan gubu, gooroofi lafa haxaawame faltii (dhoqqee) looniitiin qulqulleessu. Yeroo kanatti wantoota adda addaa raawwatu.

Shamarran jalabultii jijjiirraa bara haaraa ganama sa’aatii 12:00tti ka’uudhan gara qunnii buqqisuutti bobba’u. Qunnii buqqifachuuf kan bobba’an ollummaafi hiriyummaan walfilachuudhaani. Kaayyoonsaanii olaanaan qunnii buqqifachuu ta’us dabalataan daraaraa ni kutu; dhallaaduus ni haamu.

Daraaraa kan kutaniif qunnii buqqifatanii manarraa naanna’uufi manatti afachuufi. Wadaajiin Qaammee keessa wayita abaaboon daraarte jalqabama. Dardarraniifi shamarreen akeekkataniituma wadaajidhaaf ashuffeetti ba’u. Jalabultii Fulbaana 1tti shamarran qunnii buqqifatu.

Guyyaan kun Buqqisaa jedhamee waamama. Wayita shamarran qunnii buqqifatan dargaggeessi ammoo shimalasaa qabatee shamarree ilaallata ykn haala mijeeffata. Bariituusaa erga qunnii baatanii mana maatiirra deemanii sirbanii, eebbifatanii booda warri shamarranii wadaajasaaniif karameellaa geessu.

Aadaan wadaajii Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaleetti beekamu kun kan jaalala itti agarsiifataniifi fudhaafi heerumaafillee ittiin walkaadhimataniidha jedhu.

Sirba guyyaa buqqifannaa qunnii sirbamu

Shamarran qunnii buqqifachuuf deemanii yeroo iddicha gahan akka armaan gadiitti sirbaa buqqifatu:

Abaabilee yaa doolee

yaa eemmoo birraa roobee

dhallaaddu buqqiffannaa

dhallaaddu buqqiffannaa

guguddoo heerumsiisnee

xixiqqoo guddifannaa

Abaabilee yaa doolee

Yaa eemmoo birraa roobee

Bishaan booruu yaa booruu (x2)

Daddarbaaf karra yaanaa

Yaa abbaa nooruu nooruu

Abaabilee yaa doolee

Yaa eemmoo birraa roobee

jechuun sirbuudhan dhalladduusaanii buqqifatan. Dhallaaduu ykn qunnii buqqifame walitti qabatanii lafa kaa’un achuma dhabbatanii sirbu. Erga sirbasaanii xummuranii booda iddoofi sa’aatii qunnii darbaa itti deeman akkasumas nama qunnii sana baatuufi kan qabee dhadhaa baatuu filachuun wal beellamanii gara manaatti deebi’u.

Guyyaa Qunnii Durbaa

Guyyaa ayyaana Qaammee kana ijoolleen durbaa ganamaan ka’anii uffata bitameef uffatanii, callee jiffaarratanii babbareeduun baay’atanii ollaafi warra firaa bira sirba ayyaanichaa sirbaafi taphachaa deemu.

Firris ta’u ollaan gammachuudhan simatu. Shamarraan kunniin yeroo qunnii darban sirba ayyaana Qaammee faarsu. Kan sababoota gara garaatiin biyyaa bahe akka deebi’uuf, kan namni jalaa du’e jajjabeessuun, kan hiriyaansaanii jalaa heerumte haadha mucayyoo heerumte komachuun sirbu. Aseesaa jechuun eegalu:

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

waciitii babarruu (x2)

warri mana kanaa

gorru moo dabarruu

Aseesaa goofaree gootaa

Abaabon dhootee hoodaa

Algee koo algee koo

Algee buqqiffannaa

Haadha mana kanaa

Giiftii dubbiffannaa

Aseesaa goofaree goota

Abaaboon dhootee hoodaa

Gurcuu karra duraa

biiftuun itti baatee

haati mana kanaa

giiftiin gadi baatee

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

hindheeddamoo

siif haamuu yaa daalee

yoo baallamiin daraaree

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

yaa roophilaa giraarii galtaa

yaa Qaammee baranaa sisaayii qabdaa

walal jettee bubbeenii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Laga moogee yaa dalaliisaa

Abbaa qe’ee kanaa yaa qananiisaa

Siree warqiirra ciisaa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Yaa faranjii uffata xaaqaa

Yaa maaramii yaa haadha waaqaa

Mee bara nuu araarsii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Shaggar gubbaa silkiin sibiilaa

Hinboo’inii yaa haadha dhiiraa

Lolli hinjiruu siriidhaa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Salaal gubbaa ittachi saaree

Abbaa qe’ee kanaa gooftaa Salaalee

Goofareen waaqa ilaalee

Aseesaa goofaree gootaa

Abaabon dhootee hoodaa

Maasaa gama yaa lafa gayii

Abbaa qe’ee kanaa yaa salamayii

Mee kiisii harka kaa’ii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Waciitii bitanne milaa malee hinteechuu

Baranoon bara kanaa ilma malee hindeechuu

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Waciitii bitannee

Xiqqayyoo raacatii

Gadi bahii lolii

Yaa dhiira maajatii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaabon dhootee hoodaa

Dibbee yaa iyyituu

Nama durba jibbee

Dirreen haa jibbituu

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Masoobii loggomaa

Qe’ee warra kanaa

Dulloonni soddomaa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Algeetoo algee too

Obboleettii gootaa

Qal’oo alangee too

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Guyyaa kana ijoolleen durbaa kunniin waan hawaasichi irra jirullee afwalaloo faaruu kanatti fayyadamanii ibsatu. Keessumaa dhiibbaa hamaa sirni mootummaa Hayilasillaasee Salaaletti abbaan lafaa ummatarraan gaheen Oromoon qe’eesaa gadhiisee gara Baaleetti baqachaa ture. Warri hafanis yeroo abbaan lafaa isaan miidhu afwalaloo ittaanuun quuqqaa keessoosaanii ibsachaa turan:

Yaa makiinaa kottee diddimtuu

Yaa Abbaa lafaa ammas nuun dhiistuu

Yoo didde Baale buunaa

Erga abbaan lafaa badee Oromoon lafasaa haala gaariin qotachuusaallee afwalaloo gadii kanaan ibsachaa turan:

Salaal gubbaa garbuun daraaree

Koottaa gala yaa warra Baalee

Abbaan lafaa kasaaree

Salaal gubbaa atarri loo’ee

Koottaa galaa yaa warra Baalee

Hiyyeessi keessaan boo’ee.

Haadha mucayyoo hiriyaansaanii jalaa heerumtee komachuun akkana jedhanii sirbu

Algee haamee afee (x2)

Obboleettii gootaa

Qalloo waamee dhabee

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Yaa shaamee (x2)

Birraa maalan goodhee

Hiriyaa na saamee

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Aseesaa jedhanii

Garaa nu raasanii

Wayyoo yaa hiriyee

Addaan nu baasanii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Warra namni jalaa du’e jajjabeessuuf ammoo:-

Bishaan baddaa

Yaa humbulloo koo

Yaa ebalu yaa qulqulluu koo

Si nyaattekaa biyyeenii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Mukaa qarree mummurtan moo jiraa

Uffata koo gurgurtan moo jiraa

Jedhee ebaluun ni boo’aa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Warra shaggar mormi tumaadhaa

Ani hingaluu kiyyaa dhumaadhaa

Jedhee ebaluun ni boo’aa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Eelee assassanii (x2)

Hinboo’in haadha too

Biyyee hinkassasanii

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Muka qarree qarreettan dhiisee

Uffata koo fannoottan dhiisee

Jedhee abaalun ni boo’aa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaabon dhootee hoodaa

Yaa qal’ayyoo sabbata shoolee

Uffanni mana oolee

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa

Warraa shaggar karri qulfiidha

Ani hingaluu kiyya qurxiidha

Jedhe ebaluun ni boo’aa

Aseesaa goofaree gootaa

Abaaboon dhootee hoodaa.

Warri isaan itti dhaqan keessumaa haati warraa itti gadi baatee; qinceefi daabboo nyaachistee, aannan obaastee, dhadhaa dibdee eebbisti. Yeroo ammaa bakka warri manaa manguddoota ta’anitti malee nyaachisuufi obaasuun hafee qarshii kennuufiidhaan bakka buusaa jiru.

Qarshii kennuufiin akka guddatanii bakka guddaa gahaniif hawwii qabaniin eebbisu. Isaanis ni eebbisu. Alliifi manni waatiifi maatiinsaanii akka fayyaafi nagaa ta’anii waggaa waggaan jiraatan ni eebbisu. Haala kanaan deemaa, taphachaa oolanii yeroo adda bahan waan guyyaa argatan qooddachuun:

Naxalaa kuula diimaa

Mukti qabee tarsaasee

Nagaatti yaa hiriyee

Giddiitu addaan nu baasee jedhanii sirbuun nagaa walitti dhammatanii gara mana manasaaniitti galu.

Mammagaallan Salaalee waljalaa qabanii yemmuu sirban dhaggeeffatamee hinquuffamu, gurra keessaa nama bilbilcha. Akkaataa walittidhufeenyan tarree galanii mudhii walqabachuun yemmuu walitti ragadan mormi irra keessan waan irraa citee lafa bu’uu fakkaata. Qalbii namaas booji’a. Nama dandeettii sirbaa qabuu mitii isa kaanuu onnee isaa kakaasa, fudhatees siin lixa.

Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You