Riifoormii taasifameen biyya cabiinsa rogawwan maraarraa baraaruun danda’ameera

Finfinnee: Riifoormii damdaneessa taasifameen biyya cabiinsa roga maraarraa baraaruun danda’amuu Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Obbo Awwaluun, Qaammeen 2 mataduree “Riifoormiin Tajaajila Caalmaaf” jedhuun sadarkaa naannoo Oromiyaatti kaleessa kabajamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, jijjiiramaan booda akka naannichaattis ta’e biyyaatti riifoormiin sektaroota garagaraatti taasifame biyya diigumsarraa baraaruu qofa osoo hintaane firii rogawwan maraa argamsiiseera.

Obbo Awwaluun, Waraana Itoophiyaa Kaabaa dabalatee aggaammiin biyya diiguu qaamolee garaagaraa taasifame injifachuun Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee riifoormii qaamolee nageenyaa ala hin yaadamu ture jedhanii; riifoormii taasifameen Raayyaa Ittisa Biyyaa hunda hammatee kan aantummaa biyyaafi ummataa gonfate ijaaruun danda’ameera. Raayyaan Ittisaa ga’umsaafi naamusa qabuun aggaammii kamuu qolachuurratti akka fakkeenyaatti eeramas jedhaniiru.

Riifoormii taasifameen sababa siyaasaatiin diinummaan walilaaluun hafee paartiilee biyyaa baqatan biyyatti deebisuun waliin hojjechuun danda’ameera. Seerri farra shororkeessaa kan lammiilee ‘maayikalaawwiitti’ dararaa ture jijjiiramuun, ammaan tana bakkichi iddoo hawwata turiizimiitti jijjiirameera. Seerotni hedduun hudhaa guddina biyyaafi yaaddoo lammiilee turan jijjiiramuun biyyi kallattii badhaadhinaa qabachuu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Riifoormii dinagdee taasifameen siyaasni Itoophiyaa deeggarsa qamadiin micciiramaa ture qamadiin of danda’uu bira darbee alatti eerguun seenaa ta’uu yaadachiisanii; keessattuu Oromiyaan qamadii dabalatee omishaalee alergii dabalaa jiran keessatti shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Ta’us riifoormiiwwan taasifaman hundi milkaa’oo ta’anis kenniinsi tajaajilaa ammayyuu danqaa guddaa ta’uu kaasanii; ummatni osoo qubnisaa muramuu mootummaa mataasaa filateefi biyya diigumsarraa baraaruuf ilmasaafi sangaasaa gumaachaa ture har’a tajaajila argachuuf sangaasaa gurguruu akka hinqabne mootummaan hojmaata badaa kenna tajaajilaatiin walqabate araarama tokko malee akka itti adeemu hubachiisaniiru.

Hoggantuun Biiroo Pablik Sarviisiifi Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa Aadde Kookobee Diidhaa gamasaaniin akka jedhanitti, kenna tajaajilaa fooyyessuuf tarkaanfiilee hedduun fudhatamanis ammayyuu hojmanee guddaan hafeera. Har’a, Qaammee 2 oggaa Guyyaan Riifoormii kabajamu hojii qabatamaan deeggaramuu waan qabuuf manneen hojii naannichaa hundi banaa ta’uun hawaasa akka tajaajilan ibsaniiru.

Mootummaa sirna jabaa qabuufi fudhatamummaa ummataa gonfate itichuuf riifoormiin hundeen lafa qabsiisuun barbaachisaa ta’uu dubbatanii; hojjetaafi hojmaata sirrii jajjabeessuu cinatti sirni ittigaafatamummaa jabaanis akka diriiru eeraniiru.

Guyyoonni Qaammee shanan moggaasawwan adda addaatiin kabajamaa kan jiran yoo ta’u, kaleessi guyyaa, Ce’umsaa jedhamuun qophiilee adda addaariin kabajameera. Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis (‘PhD) ergaa, “Kan as geenye wantoota hedduu ceeneeti. Albeen hinluqqifamne, eeboon hinmirmirfamne, kiyyoon hinkaa’amme, shirri hinxaxamne, boolli hinqotamne hinturre. Gargaarsa Umaatiin hunda ce’aa jirra.

Waraana, weerara koronaa, walittibu’iinsa, garee awwaannisaa, bu’aa bayii Hidha Haaromsaa ceeneerra. Kanneen biroos ce’aa jirra.

Nuti warra ce’uudha. Kan nuceessisus kan hincabneedha. Gamatti hinhafnu. Gidduuttis hinkufnu. Injifannoodhaan akka ceenu shakkii tokkollee hinqabnu” jedhu dabarsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You