Jimmatti qaala’iinsi gatii fooyya’iinsa dinagdee gooroo hordofee mul’ate to’atame

  • Kenna tajaajilaarraa qarshii miliyoonni 7.5 yoo galii ta’u, bunni tooniin kuma 72 gabaa addunyaaf dhiyaateera

Finfinnee: Fooyya’iinsa dinagdee gooroo mootummaan labse hordofee qaala’iinsi gatii bakkawwan tokko tokkotti mul’atee ture to’atamuu Waajjirri Daldalaa Godina Jimmaa ibse. Hojii haaressa galmeefi eeyyama haaraa baasuu, tajaajila dijitaalaayizeeshinii babal’isuufi walitti hidhamiinsa gabaa hojjetameen jijjiiramni argamaa jira.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Xaahir Abduu ibsa Jimaata darbe Gaazexaa Bariisaaf waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhanitti, ce’umsa gara dinagdee damdaneessaatti taasifamu milkeessuuf fooyya’iinsa diinagdee gooroo tibbana labsame hordofee qaala’iinsi gatii bakkawwan tokko tokkotti mul’ate tarkaanfii fudhatameen to’atameera.

Gatii dabaluu, omisha dhoksuu, gatii omishaa maxxansuufi eeyyama haaressuu diduu, eeyyama malee daldaluu akaakuuwwan alseerummaa fooyya’insicha sababeeffachuudhaan godinichatti mul’atan ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Alseerummaa kana gara seeraatti deebisuuf tarkaanfiiwwan bulchiinsaa, siyaasaafi seeraa fudhatamaniiru.

Karoorri godinarraa eegalee hanga gandaatti qophaa’e qaamolee dhimmichi ilaallatu bira ga’eera. Erga koreewwan dhiyeessii omishaaleefi teknikiis hawaasa daldalaafi waldaalee siivikii waliin hojiin hubannoo uumuu hojjetamee booda akka tarkaanfiin fudhatamu ta’eera.

Haaluma kanaan dhaabiilee daldalaa kuma 27 bira ga’uuf karoorfame keessaa dhaabbilee kuma 24fi 954 bira ga’uun hojiin hordoffiifi to’annoo gaggeeffameera. Kanneen daawwataman keessaa dhaabbileen kuma 22fi 358 seera qabeessa ta’uu himanii; dhaabbileen kuma 2fi 590 ta’an seeraan ala ta’anii argamaniiru.

Daldaltoota 970f ofeeggannoo, dhaabbilee daldalaa 961 gorsaan, 665ammoo saamsamaniiru, dhaabbileen 38 mana murtiitti himatamaniiru. Adabbii qarshii gaggeeffameenis qarshiin kuma120 ta’u mootummaaf galii ta’uu eeranii; meeshaaleen seeraan ala socho’aa turan to’atamuudhaan qarshii miliyoona tokkoofi kuma 418fi 697 gurguramee mootummaaf galii ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo kana hundeerraa furuuf omishaaleen gatiin ittidabalamaniifi dhokfamuun hanqinni omishaa akka mudatu taasifaman kanneen akka zayitii, makaroonii, paastaa magaalaa Jimmaafi aanaalee naannawa magaalattiitti argamanitti gabaa Sanbataa hundeessuun gatii tasgabbeessuun danda’meera jedhan.

Dabalataanis, waajjirichi galmee haaraa, eeyyama haaraa, haaressa eeyyama dura turee, hojii dijitaalaayizeshinii, walitti hidhamiinsa gabaarraatti xiyyeeffachuudhaan hojii bal’aan hojjetamaniiru. Haaluma kanaan bara 2016tti galmeen haaraa 4,500 banamuu, eeyyamni haaraa 6,500 akka banamu ta’eera. Haaressa eeyyamaa 26,664 gaggeeffamuu himanii; tajaajila haaressaarraa qarshii miliyoona 7.5 argame mootummaaf galii ta’eera jedhan.

Hojii walittihidhamiinsa gabaatiin walqabatee bunni tooniin kuma 72 gabaa addunyaaf dhiyaateera. Muuziifi avokaadoo kiiloogiraama 252s alergiif oolchuun danda’ameera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You