Burraayyuutti lammiileen hanqina bishaan dhugaatiin rakkachaa jirra jedhan

Finfinnee: Jiraattotni Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Burraayyuu, Aanaa Ejersa Gooroo, naannawa bakka addaa Shaklaa jedhamuu hanqina bishaan dhugaatiitiin rakkachaa jiraachuu ibsan.

Jiraattotni kunneen komii Gaazexaa Bariisaatiif Kibxata darbe dhiyeessaniin akka jedhanitti, otoo bakka burqaa bishaan Gafarsaatti dhiyaatanii jiranuu dheebuu bishaanitiin erga rakkachuu jalqabanii bubbulaniiru.

Jiraataan aanichaafi gaggeessaan Gooxii Suphee Lamaa Obbo Tasfaayee Bayyanaa akka jedhanitti, gandisaanii gooxii saddeet kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa gooxiiwwan lama erga bishaan dhabanii ji’a jahaa ol lakkoofsisaniiru.

Dheebuun bishaanii kun akka furamuufiif hawaasichi carraa argate hundaan gaafachaa turus hanga ammaatti furmaata argachuu hin dandeenye jedhanii; naannawichatti erga bishaan dhaabanii bilookiiwwan ji’a afur, shanis ji’a tokkos guutan jiru.

Kuusaan bishaan naannawichaa Baxarootti kan argamu ta’uu eeranii; yommuu kuusicharraa sararaan bishaan gara gooxiisaaniitti geeffamu gidduutti bu’uuraaleen misoomaa eessatti akka miidhame adda baafachuuf hojjetamaa jira deebiin jedhu kennamaafii turuu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Jiraattuun naannawichaa biroon Aadde Muriddaa Hasan akka jedhanitti, naannawichatti namootni hundi bishaan dhabanii rakkachaa jiru. Keessattuu namootni mannisaanii lafa olka’aarratti argamu daran rakkachaa jiru. Dheebuu bishaanii kana dandamachuufis bishaan roottoo tokko hanga qarshii 700tti bitaa jiraachuus ibsaniiru.

Yaadota ka’an kunneen deeggaruun jiraataan naannawichaa Obbo Nugusuu Tasammaa jedhamanis akka jedhanitti, waggaa tokko dura naannawicha rakkoon bishaanii mudatee hinbeeku. Barana garuu, ji’a bishaan argatanirra kan hinargannetu caala.

Kaffaltii faanas walqabatee sistamni hinjiru jechuun kaffaltiin bishaanii ji’aan yommuu raawwatamu nama deddeebisuun baay’inaan ni mul’ata jedhanii; rakkoosaaniitiif mootummaan xiyyeeffannoo kennuu akka qabu jiraattotni gaafataniiru.

Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Shaggaritti Hojigaggeessituun Damee Olaanaa Burraayyuu Aadde Tsahaayi Kaasaa komii ummataa kanaaf yommuu deebii kennan akka jedhanitti, damicha rakkoolee lama; manca’uu tiraanisfoormariifi boolla keessatti manca’uu paampiitu mudate.

Bishaan erga badee akka hawaasni ji’oota lakkoofsiseera jedhee komate osoo hintaane torbee lama qofa.

Rakkinicha furuufis hojiin tiraanisfoormarii suphuu xumuurameera. Paampiin boolla keessatti manca’es hanga guyyoota lamaa keessatti suphamee torbuma kana keessa bishaan nigadhiifna jedhan.

Rakkoo bishaan dhugaatii kutaa magaalichaa waarinaan furuuf boolliwwan bishaanii lama Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin Gafarsa Ateeteefi Indastirii Gujeetti qotaman hojiitti galchuuf qooda fudhattootni hojjechuu akka qaban Aadde Tsahaay gaafataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You