Finfinnee: Marii biyyaalessaarraa hafuu mannaa hirmaatanii yaada ofii ibsatanii kan warra kaaniis dhaga’uutu biyyaaf bu’aa qaba jechuun paartiileen siyaasaa waltajjii ajandaa walittiqabuu tibbana Bulchiisa Magaalaa Dirree Dhawaarratti qooda fudhatan ibsan.
Paartii Addis Tiwulid bakka bu’anii maricharratti kan hirmaatan Aadde Simirat Zarihun Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qaamoleen marii biyyaalessaarratti hirmaachuurraa duubatti jedhan dhiyaatanii yaadasaanii ibsachuu kan warra kaaniis dhaga’uu wayya.
Paartiileen hundi kan qabsaa’aniif hanga nageenyaafi jireenya ummataa fooyyessuuf ta’etti fagoo dhaabatanii quba walitti qabuurra carraa argametti fayyadamuudhaan ajandaa waliigaltee biyyaalessaatiif galtee ta’u dhiyeessuu qabu.
Wayita waltajjii Komishiniin Marii Biyyaalessaa qopheesserratti qaamoleen hawaasaafi qoodafudhattootni hirmaachuudhaan yaadasaanii ibsatanitti warri duubatti jechaa jiranis hafuun gaarummaa hinqabu. Dhimmicha akka carraa gaariitti fudhatanii ittihirmaachuunsaanii biyyaaf bu’aa qaba jedhan.
Paartiinsaanii akkuma paartiilee biroo maricharratti hirmaatee ajandaalee marii biyyaalessaaf bu’aa qaba jedhe dhiyeessuun garee paartiilee siyaasaa waliin hirmaachaa jiraachuus ibsaniiru. Maricharratti paartiileen hundi yaadasaanii bilisaan ibsachaa jiraachuu eeranii, yaadoti biyya ceesisuu danda’an akka maddaniif abdii kan namatti horuudha jedhaniiru. Aadaan mariitti fayyadamuu waan hinjirreef malee wanti mariidhaan hinfuramne hinjiru jechuun barbaachisummaa marii biyyaalessaa ibsaniiru.
Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uun kan hirmaatan Aadde Iftuu Ahmadis gamasaaniin, kanaan dura akka biyyaatti mariidhaan rakkoo furuun baratamuu baatullee amma tokko jennee eegalleerra jedhu.
Paartiileen siyaasaa ajandaalee biyyaaf qabaata jedhan waltajjii marii biyaalessaarratti dhiyeessuun gareen mari’achaa jirra jedhaniiru. Adeemsi marichaas ifaafi hunda kan hirmaachise ta’uu himanii; qaamoleen adeemsichi hinliqimsamneef tokko tokko humnaan deemuuf filataniiru jechuun ibsaniiru.
Adeemsi humnaan deemuu waan biyya hinfayyadneef bu’aa ummataatiif jecha hirmaachuu dhiisuurra hirmaatanii yaadasaanii ibsachuun yaada warra kaanii dhaga’uun gaarummaa qaba jedhaniiru. Maarichi dhimmoota waloorratti walhubannoo akka uumus dubbataniiru.
Walittiqabaan Mana Marii Paartiilee Siyaasa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaafi bakka bu’aan paartii ‘Izeemaa’ Obbo Yoonaas Batruus paartiileen magaalattiitti argaman saddeet marii biyyaalessaa komishinichi qopheesserratti hirmaachuu eeraniiru.
Paartiileen argaman ajandaalee waliigaltee biyyaalessaaf bu’aa qaba jedhan qabachuudhaan dhiibbaa tokko malee mari’ataniiru. Marichis marii yaadoti waliigalteef ta’an irratti dhiyaatan ta’uu himanii; qaamoleen adeemsi marii hinliqimfamneef tokko tokko qawwee kaasuun furmaata hinta’u jedhan.
Qawweedhaan furmaata barbaaduun akka rakkoo kamiifuu furmaata hintaane seenaa darberraa barachuun mariirraa hafuurra hirmaatanii, yaada qaban ibsachuun kan warra kaaniis dhaga’uutu bu’aa qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadirin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016