Finfinfnnee: Itoophiyaa dirreewwan Olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaarratti beeksisaa kan ture ispoortiin atileetiksii keenya bakka olaantummaasaa duraatti akka deebi’uuf rakkina jiru addaan baasuudhaan tarkaanfii hatattamaa fudhachuun akka barbaachisu Pirezidaantiin RFDI, Saahilawarqi Zawudee ibsan.
Pirezidaanti Saahilawarqi kana kan ibsan Jila Olompikii Itoophiyaa, olompikii 33ffaa Paariisirratti hirmaatee deebi’e wayita Masaraa Mootummaatti Kibxata darbe simatanitti.
Atileetota Itoophiyaa bakka bu’uudhaan addababa’ii olompikiirratti hirmaachuun akka maqaanshee waamamu taasisaniif akkasumas qaamolee duuba atileetota kanneenii jiran leenjistootaafi oggeessota fayyaafaa galateeffataniiru.
Atileetonni keenya hanga humnisaanii danda’e carraaquu eeranii, Itoophiyaan meedaaliyaa argachuusheetti kabaja guddaa kennuufiin barbaada jedhan. Kanaafis badhaasniifi beekamtiin taasifame waan atileetonni keenya warqiiwwan ta’aniifi, jechuun ibsaniiru. Dorgommii maaraatooniirratti atileetii carraasaa Taammiraat Tolaaf kenne Sisaay Lammaas galateeffataniiru.
Atileetiksiin Itoophiyaa addunyaarratti akka beekamtu kan taasiseefi ispoortichi ummata wajjin hidhata cimaa qabaachuu kan ibsan pirezidaantittiin, Olompikii Paariis ummanni dhiheenyatti hordofaa turetti qabxiin galmaa’e hanga eegamee miti jedhan. Kan baranaa dabalatee Olompikiiwwan sadan darbanitti haala walfakkaatuun warqii takka qofti argamuu akka hanqinaatti fudhachuun rakkina jiru adda baasnee hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu barbaachisaadha jedhan. Olompikiirratti akka qabxiin Itoophiyaa kanarra gadi hinbuuneefi bakka duriitti deebi’u gochuun ittigaafatama hunda keenyaati jechuunis ibsan.
Sagantaa simannichaarratti maaraatooniidhaan meedaaliyaa warqii kan argamsiise Taammiraat Tolaa qarshii miiliyoona torbaafi nishaanii warqii badhaafameera.
Akkasumas fiigicha meetira 800 dubaraa Tsiggee Dhugumaa, maaraatoonii dubartootaatiin Tigisti Asaffaafi fiigicha meetira kuma 10 dhiiraan Barrihuu Aragaawwii haaluma walfakkaatuun qarshii miiliyoona afur afur badhaafamaniiru.
Maaraatoniidhaan 39ffaa kan ba’e Qananiisaa Baqqalaa warqii giraama 50, Lammeechaa Girmaa ammoo qarshii miiliyoona lama badhaafamaniiru.
Itoophiyaan Olompikii 33ffaa Paariis kanarratti meedaaliyaa warqii tokkoofi meetii sadii argachuunshii niyaatadatama.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016