Saboonniifi sbalammoonni Itoophiyaa aadaafi duudhaalee eenyummaasaanii ibsan qabu. Nutis ayyaanota kanneen keessaa warra baatii Hagayya kana keessa ayyaaneffamanirratti xiyyeeffachuun akka kanaan gadiitti isin dubbisiisna.
Shinooyyee
Oromoon waggaa tokko wayitii afuritti hira, isaanis Birraa, Bona, Afraasaafi Ganna jedhamu. Kana keessaa wayiti jaalatamuufi hawaasni abdii guddaan simatu wayiti birraati. waytiin kunis simannaa ayyaanota akka Taaboree, Qaammeefi Masqalaafi Irreechaan kan simatamu ta’a.
Ummanni Oromoo akkumaa bal’inasaatti aadaa saboota ollaasaas ofitti fudhachuun waliin jiraachaa tureera, jiras. Aadaa waliin jireenyaa keessatti kan ofiis kennanii kan ollaas fudhachuun adeemsaafi guddina aadaa keessatti waanuma barameedha.
Oromoon ayyaanota baay’ee ummattoota Itoophiyaa keessa jiraatan waliin kabajaa tureera. Ayyaanota waggaa kanneen keessaa tokko ayyaana Shinooyyee ykn daddarbaa ykn Qaammeeti. Qaammeen jecha ‘Phaagumee’ jedhurraa kan madde yoo ta’u, jecha durii kan kaabaa bahaa jiddugalaa iddoo mootumma kiristaana Baazaantaayin (Turkii) ta’uu akka hinoolle dubbatama.
Aadaan kabaja ayyaana kanaas amantii kiristaanaa walqabatee kan dhufe akka ture seenaan ni ibsa. Kana malees ayyaanni kun wayitiin gannaa dhumee seensa birraa ykn bara haaraa kan itti eegalu waan ta’eef kan bara haaraa itti simatamu ta’uusaatiin ayyaana gammachuu ta’uun kabajama. Qaammeen Ayyaana shamarranii waan ta’eef Oromoo biratti guyyaa shamarran daa’imtiifi geessuun gandaan walwaamanii mana maatiisaaniirra naanna’uun ittieebbisaniidha. Hawaasa Oromoo biratti eebbi dubarri daa’imman taasisan kabajaafi dhageettii guddaa qaba jedhamee yaadama. Hawaasa biratti eebbi daa’imman dubaraa fudhatama guddaas qaba.
Ayyaana kanarratti haawwan ykn beerran Ateetee ni facaafatu. Sirbi Shinooyyee kun jala bultiidhaa qabee kan raawwatamu ta’ee warri gaa’elatti seenan ykn heeruman irratti hinhirmaatan. Warri xixiqqoon miidhaganii irratti mul’atu. Kana malees shamarree geessuun itti muldhattuudha.
Guyyaa kanatti dargaggoonni gaa’elaaf ga’an michuu filachuuf carraa argatu. Jala bultii ayyaana Qaammee kanatti lafa caffee qunniin itti margutti yaa’ani qunnii buqqifatu. Qunniin kun immoo kennaa ayyaana walargii waan ta’eef maatiin gammachuu guddaan ijoollee dubaraa harka dhungachuun irraa fudhatu.
Marga qunnii kanarraayis manarratti darbatu. Kanarraa ka’uun ayyaana daddarbaa jedhu. Sirboota shamarranii guyyaa kanaa yoo fudhanne shinooyyeen isa tokko.
“Shinnooyye yaa shinooyyee
Qaammee yaa masqalooyyee
Inquxaaxaashiin ayyaana (2)
Dadarbaaf karra yaana!
Jechuun walyaamanii mana maatii ganda sanaarra yaa’anii qunnii qabatan kennuun manarrattis daddarbuun eebbisanii deemu. Maatiinis shamarran kanneen affeeranii dhadhaa dibuun eebbisanii qarshiis badhaasanii gaggeessu. Iddoowwan tokko tokkotti Qaammeen ayyaana Hingiccaa jedhama. Dardaroonni hinfuudhiin jaalallee isaanii itti eeganiifi tasa itti dhungataniidha. Kunis hawwii gara fuulduraa ishiif qaban kan itti mul’isaniidha jechuun hayyuun aadaafi seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee Barreessaniiru.
Ashandaa
Ashandaan ayyaana shamarranii Naannoo Tigraayitti sirna ho’aadhaan walakkeessa baatii Hagayyaarraa kaasee kabajamuufi waggaa waggaadhaan hawwiidhaan eegamuudha. Shamarran ayyaana kanarratti hirmaatan uffannaawwaniif faayawwan aadaatiin miidhagu, sirboota adda addaas nisirbu. Hawaasnis jaalala shamarran kanneeniif qabu tooftaalee adda addaatiin ibsa. Baranas ayyaanicha qophiileefi sagantaalee adda addaatiin kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuudha Biiroon Aadaafi Turizimii Naannichaa kan ibse.
Shaday, Ashandiyyeefi Solal
Ayyaanonni kunniin moggaasawwan adda addaatiin Naannoo Amaaraattis bal’inaan kabajamu. Ayyaanonni kunniin amantii, aadaa, seenaafi duudhaa ibsu. Ogummaa ummanni ayyaanotaafi aadaawwan buleeyyii eegsisuuf qabu kan agarsiisaniidha. Ayyaana kanneen haala duudhaafi aadaasaanii eeggataniin kabajuuf qophiin taasifamaa akka jiruudha Biiroon Aadaafi Turizimii Naannichaa kan ibse.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016