Olompikii 33ffaan garee Itoophiyaa gabatee sadarkaa meedaaliyaarraa fageesse boru xumurama

Fifinnee: Olompikii 33ffaan Adoolessa 19 bara 2016 irraa kaasee Faransaayi, Paariisitti adeemsifamaa jiruufi Itoophiyaa gabatee sadarkaa meedaaliyaarraa fageesse boru xumurama.

Itoophiyaan hanga kaleessaatti meedaaliyaa meetii lama qofa kan argatte yoo ta’u, meedaaliyaan lameen kan argaman fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan Barrihuu Aragaawwiifi meetira 800 dubartootaan Tsiggee Dhugumaatiini.

Qabxiinsaa maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus fiigichi meetira kuma 10 dubartootaa kaleessa galgala adeemsifameera. Dorgommii kanarratti Gudaaf Tsaggaay, Footiyeen Tasfaayeefi Tsiggee Gabrasalaamaa hirmaataniiru.

Dorgommiin kun har’as ittifufuudhaan fiigicha maaraatoniitiin gooticha Olompikii Qananiisaa Baqqalaa dabalatee, Taammiraat Tolaafi Dheeressaa Galataa nihirmaatu.

Itoophiyaan fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiirratti kan hirmaateefi meedaaliyaa ni argamsiisa jedhamee eegame, Lammeechaa Girmaa gufatee waan kufeef miidhamee dorgommiidhaa ala ta’eera. Geetinnat Waaleefi Saamu’eel Fireewus hinmilkoofne.

Dorgommiin maaraatonii dubartootaa boru waaree dura kan adeemsifamu yoo ta’u, Tigisti Asaffaa, Amaanee Bariisoofi Magartuu Alamuu ni hirmaatu. Olompikii baranaarraatti biyyoonni miseensota koree Olompikii 203 akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin hirmaachaa jiru. Dorgommiiwwan hanga kaleesaatti adeemsifamaniin biyyoonni 85 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru.

Olompikichaan meedaaliyaan warqii 242, meetiin 243, nahaasni 293 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 778 badhaasaaf kennamaniiru. Ameerikaan meedaaliiyaa warqii 30n, meetii 38fi nahaasa 35n walumaagalatti meedaaliyaa 103n dursaa kan jirtu yoo ta’u, Chaayinaan meedaaliyaa warqii 24, meetii 25n, nahaasa 19n dimshaashumatti meedaaliyaa 73n, Awustiraaliyaan warqii 18, meetii 14, nahaasa 13n waliigalaan meedaaliyaawwan 45n sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti argamu.

Afrikaarraa biyyoonni 10 gabatee meedaaliyaa keessa kan galan yoo ta’u, Keeniyaan meedaaliyaa warqiifi meetii tokko tokkoofi nahaasa sadin, Afrikaan Kibbaa warqiifi meetii tokko tokkoofi nahaasa lamaan, Ugaandaan warqiifi meetii tokko tokko argachuun sadarkaa tokkoo hanga sadii yemmuu qabatan, Itoophiyaan immoo haala hinbaramneen meedaaliyaawwan meetii lama qofaan sadarkaa 63ffaa irratti argamti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You